02/2006 irratti hundaa`uun adabbii murteessuu

Transkript

02/2006 irratti hundaa`uun adabbii murteessuu
www.abyssinialaw.com
Inistitiyuutii Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaa fi Qo’annoo Seeraa Oromiyaa
QAJEELFAMA ADABBII ITOOPHIYAA FOOYA’EE BAHEE Lakk-
02/2006 IRRATTI HUNDAA’UUN ADABBII MURTEESSUU
MOOJULII LEENJII HOJII IRRAA
Qopheessitoonni: Tolasaa Damee
Mul’isaa Ejjetaa
Gulaaltoonni: Darajjee Ayyaanaa
Nooh Taakkalaa
www.abyssinialaw.com
GABAAJEE
1) A.L.I- Akka Lakkoofsa Itoophiyaatiin
2) A.L.A- Akka Lakkoofsa Awurooppaatiin
3) MMO - Mana Murtii Ol’aanaa
4) MMW- Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
5) MMA- Mana Murtii Aanaa
6) FDHI- Federaalawaa Dhaddacha Ijibbaata
7) HRDFI- Heera Ripabiliikii Dimookraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa
8) SYRDFI-Seera Yakkaa Ripabiliikii Dimookraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa
9) SDFY-Seera Adeemsa Falmii Yakkaa
10) L.G.M.M-Lakkoofsa Galmee Mana Murtii
11) L.G.A.A-Lakkoofsa Galmee Abbaa Alangaa
republic
www.abyssinialaw.com
BAAFATA
Mata-duree
Fula
Seensa Waliigalaa.....................................................................................................................1
BOQONNAA TOKKO
Adabbii Akka Waliigalaatti
Seensa........................................................................................................................................3
1.1 Adabbii fi Bulchiinsa Sirna Haqaa Yakkaa Itoophiyaa.......................................................3
1.2 Kaayyoo Adabbii.................................................................................................................6
1.3 Murteessa Adabbii Ilaalchisee Muuxannoo Biyyoota Adda Addaa....................................8
1.4 Murteessa Adabbii Bu’aa Qabeessa Gochuudhaaf Imaammata fi Seerooni Itoophiyaan
Qabdu................................................................................................................................11
1.4.1 Heera RDFI................................................................................................................11
1.4.2 Imaammata Bulchiinsa Sirna Haqaa Yakkaa RDFI...................................................12
1.4.3 Seera Yakkaa RDFI....................................................................................................13
1.4.4 Seera Adeemsa Falmii Yakkaa...................................................................................14
1.4.5 Murtiilee Mana Murtii Waligalaa FDHI tiin Kennaman............................................15
1.4.6 Dambii Naamusaa Abbootii Seeraa...........................................................................17
1.4.7 Dambii Ittiin Bulmaata Abbootii Alangaa.................................................................17
BOQONNAA LAMA
Qajeeltoowwan Adabbii Seerri Yakkaa Itoophiyaa Irrati Hundaa’e fi Qajeelfama
Adabbii Itoophiyaa
Seensa......................................................................................................................................20
2.1 Qajeeltowwan Murteessa Adabbii Seera Yakkaa Itoophiyaa............................................21
2.1.1 Kaayyoo fi Yaada Seerichaa Hordoofuu......................................................................21
2.1.2 Haala Dhunfaa Yakkamaa fi Ulfinafi Cimina Yakkichaa Ilaaluu................................22
2.1.3 Adabbii Baay’ee Salphaa Ta’e Irraa Eegalee Hanga Cimaatti Jiru Qorachuu.............22
2.1.4 Seera Qabeessummaa (Principle of Legality) Isaa Xiinxaluu......................................23
2.1.5 Adabbiin Murtaa’u Sirri fi Kan Wal-fakkaatu Ta’u Qaba...........................................24
www.abyssinialaw.com
2.2 Qajeelfama Adabbii Itoophiyaa..........................................................................................25
2.2.1 Qajeelfama Adabbii Itoophiyaa Lakk-1/2002 Foyyeessuudhaaf Dhimootni Akka
Sababaatti Dhiyaatan.......................................................................................................26
2.2.1.1 Ulaagaalee Seerricha Keessatti Kaa’aman Alatti Fayyadamu...............................26
2.2.1.2 Itti Fayyadamaa Sababoota Adabbii Cimsan fi Salphiisan....................................27
2.2.1.3 Tilmaamaa Qabeenyaa...........................................................................................27
2.2.1.4 Sadarkaan Kan Qophaa’e Yakkoota Muraasaaf Waan Ta’eef...............................28
2.2.2 Dhimmoota Qajeelfamni Adabbii Itoophiyaa Lakk- 2/2005 Irratti Xiyyeeffate............28
2.3.2.1 Sadarkaa Yakkootaa Qopheessuu............................................................................29
2.3.2.2 Haalli Adabbii Ka’umsaa Itti Murtaa’u....................................................................30
2.3.2.3 Itti Fayadamaa Sababoota Adabbii Cimsan fi Salphiisan Walifakkeessuu..............31
2.3 Yakkoota Kanaan Dura Sadarkaa Isaaniif Qopha’ee Ilaalchiise Qajeelfama
Adabbii Lakk-2/2006 Keessatti Sireeffama Taasifame.................................................32
2.3.1 Yakka Aangootti Garmalee Fayyadamuu................................................................32
2.3.2 Yakkoota Qaama Namaa Irratti Raawwataman.......................................................37
2.3.3 Yakkoota Qabeenya Irratti Raawwataman...............................................................41
2.3.4 YakkaWanbadummaa..............................................................................................44
2.3.5 Yakkoota Gowwoomsuu..........................................................................................45
BOQONNAA SADI
Qajeelfama Adabbii Lakk- 02/2006 Keessatti Yakkootaa Haaraa Sadarkaa Baheef fi
Hin Baaneef Ilaalchiise Akkaataa Adabbii Itti Shallagamuu
Seensa......................................................................................................................................48
3.1 Yakkoota Sadarkaan Ba’eef...............................................................................................49
3.1.1Yakkoota Biyyarratti Raawwataman.........................................................................49
3.1.2 Maallaqa, Sanadoota Dirqamaa ykn Wabummaa Sobaa Hojjachuu.........................52
3.1.3Yakkootaa Lubbuu Namaa Irratti Raawwataman......................................................55
3.1.4 Lammiilee Itoophiyaa Karaa Seeraan Alaattin Hojiif Biyya Alaatti Erguu...............60
3.1.5 Yakkootaa Bilisummaa Saalquunnatiifi Qulqullummaa Ilaallatan............................61
www.abyssinialaw.com
3.2 Murteessa Adabbii Yakkoota Sadarkaan Hin Baaneef......................................................74
3.2.1 Yakkoota Adabbii Hidhaatiin Adabsiisan……………………………………….....74
3.2.2Yakkoota Adabbii Maallaqaatiin Adabsiisan……………...……………………….76
3.3 Itti Fayyadama Sababoota Adabbii Cimsan fi Salphiisan..................................................76
3.4 Duraa Duuba Murteessa Adabbii Ittiin Hogganamu Ifa Gochuu.......................................89
www.abyssinialaw.com
Seensa Waliigalaa
Seerrii yakkaa meeshaa dudhaalee hawaasa tokko (adda addaa) kan calaqisiisuu fi
tarkaanfachiisuu dha. Yakkii yeroo kamiyyuu hawaasa keessatti uummamuu kan danda’u
waan ta’eef kanaan wal-qabate adabbii yakkamtoota irratti fudhatamuun isaa waan haafu
miti. Kana taanaan akkaata murtiin adabbii ittiin murtaa’u waliin wal qabatee qabxiilee ka’uu
qaban keessaa kaayyoon seera yakka nageenyafi tasgabbii hawaasa eeguuf akka meeshatti
kan gargaaru ta’uu isaati. Hawaasicha kan eeguus yakkii akka hin raawwatamne ittisuun yoo
ta’uu, kanas karaa ittin galmaan gahu keessaa tokko adabbiidha. Raawwattoonni yakka
adabamuun isaanii, yakka biraa raawwachuu irraa akka of qusatan kan isaan taasisuu
yommuu ta’u, darbees namoota yakka raawwataniifis akeekkachiisa ta’a.
Gama yakkoota muraasaatiin adabbiin hidhaa yookiin du’aa kan raawwatamu yoo ta’es
yaadni inni duraa balleessitoonni yeroodhaaf ykn itti fufinsaan hawaasa irratti yakka akka hin
raawwanne ittisuudha. Akkas yommuu ta’us, adabbii du’aa irraa kan hafe balleessitoonni
adabbiin hidhaa umurii guutuu itti murta’e yoo ta’anillee adabbii isaanii otoo hin fixiin
korooraan gadi lakkifamuu ni danda’u. Gama yakkoota tokko tokkootiinis murtiin adabbii
otoo hin kennamiin yookiin adabbiin yoo murta’es otoo hin raawwatamiin balleessitoonni
daangaadhaan gadi lakkifamu ni danda’u. Kunis balleessitoonni jireenya nagaa akka
gaggeessan kan taasisu yoo ta’uu; seerrii yakkiichaa balleessitoonni badii isaaniirraa akka
barataniif iddoo ol’aanaa kennuu isaa agarsiisa.
Seeronni yakkaa biyyoota adda addaa adabbiilee gocha yakkaa rawwatamu hordofani dhufan
kan of-keessatti kaa’an yoo ta’ellee adabbii hangam, gochafi yakkamaa akkamiitiif murtaa’u
akka qabu jalamuranii hin kaa’ani. Seeronni yakka kun Abbootii Seeraatiif aangoo adabbii
murtessuu bal’aa ta’ee kan kennaan waan ta’eef gochaafi yakkamaa wal-fakkaatu irratti
adabbii gara garaa yeroo murtaa’u qabatamaan mul’achaa turera.
Rakkoo kanarraa kan ka’ee adabbii yakkamtoota irratti kennamu sirrii fi kan wal-fakkaatu
gochuudhaaf /dhimmoota walfakkaatan irratti adabbii walfakkaata karaa itti murteessan
mijeessuuf/ Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Qajeelfama Adabbii Itoophiyaa 1/2002
baasudhaan Caamsaa Bara 2002 irraa ka’ee hojiitti galamee jira. Haata’u malee qajeelfamni
kun rakkoo adda addaatiif kan saaxilamee ta’uu isaa hojii keessatti waan hubatameef gama
tokkoon rakkoolee qabatamaan mul’atan kana furuudhaaf, karaa biraatiin immoo yakkoota
muraasa sadarkaa fi gulantaa hin baaneef sadarkaa fi gulantaa baasuun barbaachiisaa ta’uun
isaa waan itti amanameef qajeelfamni dur ture fooya’ee akka bahu taasifameera. Kaayyyoon
www.abyssinialaw.com
moojuuli kun qabus qajeelfama adabbii haaraa bahe kana beeksiisun hojii irraa olmaa isaatiif
deegarsa barabaachisu hunda gochuudha.
Caasseffamni moojulii kanaa boqonnaa Sadiitti kan qoqqoodame yoo ta’uu boqonnaa
tokkoffaa keessatti waa’ee adabbii akka waliigalaatti kan ilaalamu ta’e walitti dhufeenya
adabbii fi bulchiinsii sirna haqaa qaban, murtessuu adabbii bu’aa qabeessa gochuudhaaf
seeroota fi imaammata biyya keenya keessatti diriiran ni ilaalamu. Kanamalees adabbii
murtessuu wajjiin wal-qabatee muuxannoowwan biyyoota adda addaa maal akka fakkaatu ni
ilaalamu. Boqonnaa Lamaffaa keessatti qajeeltoowwan adabbii seera yakka Itoophiyaa,
rakkowwaan qajeelfama adabbii Itoophiyaa 1/2002 keessatti mul’atan fi dhimootni waligalaa
qajeelfama adabbii isaa haaraa keessatti hammataman kan ilaalaman ta’a. Kanamalees
yakkoota qajeelfama adabbii kanaan sadarkaa fi gulantaan baheef keessaa kanneen
qajeelfama adabbii 1/2002 keessatti sadarkaan baheef qajeelfama isa haaraa keessatti akka
fooyya’an taasifaman boqonnaa kana jalatti haammatamaniiru. Boqonnaa sadaffaan
guutumaan guutuutti yakkoota haaraa sadarkaan isaaniif qopha’ee irratti kan xiyeefate
yommuu ta’u, waa’ee sababoota adabbii cimsaniifi salphisan boqonnaa kana jalatti
gadifageenyaan xiinxalameera. Kunis leenjifamtoonni yakkoota sadarkaan baheefi hin banee
addaan baasuun bu’uura qajeelfamiichaatiin akkamitti gara hojiitti jijjiru akka danda’amu
hubannoo guutuu ta’e akka horatan ni taasisa.
Xumura leenjii moojulii kanaatti leenjifamtoonni:
Yaada waliigalaa kaayyoofi qajeeltoowwan adabbii seera yakka keenya jalatti
kaa’aman ilaalchiise beekumsa duraan qaban irratti ni dabalatu.
Adabbiin yommuu murtaa’u imaammaata fi seeroota xiyyeefannoo barbaadan irratti
hubannoo isaanii ni gabbifatu.
Yakkoota kanaan dura sadarkaa isaaniif bahee, qajeelfama adabbii isaa haaraa
keessatti irra deebiin sadarkaan isaani haala kamiin fooyya’ee akka bahe hubachuun
hojjirra ni olchu.
Yakkoota sadarkaan ba’ee fi hinbaaneef irratti hundaa’uun murtii kennuun
dhimmoota qabatamoo fakkenyaan hojjatanii agarsiisuu ni danda’u.
Walumaagalatti murteessa adabbii keessatti hubannoo fi ogummaa murtii adabbii
haala qajeelfamichaan murteesuu isaan dandeessisu ni gabbifatu, fakkeenyanis
deeggaranii agarsiisuu ni danda’u.
www.abyssinialaw.com
BOQONNAA TOKKO
ADABBII AKKA WALIIGALAATTI
Seensa
Galmi Seera yakka Itoophiyaa yakkii akka hin raawwatamne ittisuu yommuu ta’u, kanas kan
dhugoomsu waa’ee gochoota yakkaafi adabbii isaanii dursee akeekkachiisa kennuudhaan,
yommuu akeekkachiisichi gahaa hin taanettis raawwattoonni yakkaa adabamanii yakka biraa
raawwachuu irraa akka of qusataniifi kanneen birootiif barumsa akka ta’an ykn akka
sirreeffaman taasisuun ykn yakkoota dabalataan akka hin raawwanneef tarkaanfiiwwan akka
isaanirratti fudhatamu taasisuudhaani. 1 Yaada kana irraa kan hubbachuu dandeenyuu
adabbiin yakkamtoota irratti murtaa’u bulchiinsa sirna haqa yakkaa biyya tokko keessatti
iddoo ol’aanaa kan qabu ta’u isaati. Yaad-rimeen adabbii dagaagina seera yakkaa
hammayyaa wajjiin kan dhufe ta’uun isaa ni hubatama. Haata’umalee, nama tokko irratti
adabbii murteessuuf, manni murtii yakkamaan gocha itti himatameen balleessaa ta’uu isaa
mirkaneessuun kan isa irraa eegamu dha.
Boqonnaa kana jalatti walitti-dhufeenya adabbii fi bulchiinsa sirna haqa yakka, faalasama fi
yaad-rimee yeroo ammaa adabbii murtaa’u duuba jiran, murteessa adabbii bu’aa qabbeessa
gochuudhaaf seerootafi imaamatoota diriiran kan ilaalu ta’u.
Leenjifamtoonni dhuma boqonnaa kana booda gama beekumsaa fi ogummaatiin:
 Gaheen ol’aanaa adabbiin sirna bulchiinsa haqa yakkaa keessatti qabu ni hubattu,
 Kaayyoo adabbii galmaan gahuu yoo hin dandeenye rakkoo inni hordoofsiisu danda’u
huubachuun gahee isaan irraa eggamuu gumaachuuf jijjirama ilaalcha ni fidu,
 Kaayyoo adabbii qabu qajeelfama adabbii wajjiin walitti dhufeenya inni qabu addaan
baasuun hojii irraa olmaa isaatiif ni tattaafatu.
1.1 Adabbii fi Bulchiinsa Sirna Haqa Yakka Itoophiyaa
Bulchiinsii Sirna Haqa Yakka (Criminal Justice) hojiiwwan qorannoo yakkarraa kaasee
dhimmoota murteessa adabbii booda jiran kan ilaalatu dha. Adabbiin hojiiwwan bulchiinsa
sirna haqa yakkaa keessatti hojjataman keessaa isa tokko yommuu ta’u, kaayyoo fi galma
1
SY RDFI keewwata-1
www.abyssinialaw.com
seera yakkaa akka waliigalaatti qabu waliin yommuu ilaallamu kaayyoofi galma dhiphaa ta’e
kan qabu dha. Adabbiin gocha yakka lubbuu, bilisummaa, qabeenyaa, mirga namoota irratti
kan xiyeefatu waan ta’eef haala barbaadamuun hojii irraa olchuun dhimma xiyeefannoo
guddaa barbaadu dha. Haala walfakkaatuun bu’aan qorannoon, himanaanfi falmiin yakkaa
kan calaqiisu adabbii murtaa’u irratti waan ta’eef, murteessa adabbii dhimma xiyeefannoo
guddaa kennamuuf qabu dha.
Oggeessii tokko dhimma leenjii qaamoolee haqaatiif kennamuu wajjiin wal-qabate yaada isa
yeroo ibsu, seera yakkaa ilaalchiise mataduree adda addaatiin leenjiiwwan hedduu yeroo adda
addaatti keessatti ennaa kennamuu dhimma adabbii akka waliigalaatti fi murteessa adabbii
ilaalchiise sadarkaa kamiyyuu irratti leenjiinis ta’e waliigahiin yeroo gaggeefamu hin mul’atu
jechuun adabbii murteessu wajjiin xiyeffannoon kanaan dura gama mootummaatiin kenname
Gad-aanaa ta’uu isaa ibse ture. 2 Akka oggeessi kun kaa’etti murtiin balleessuummaa bu’aaf
bahii hedduu booda itti dhaqabamu, qabatamuummaan isaa kan mirkanaa’u murtii adabbiitiin
ta’uun isaa otoo beekamu dhimma kanaaf xiyeefannoo kennamu dhabuun kan nama ajaa’ibuu
fi rakkoolee hedduu kan hordoofsiisu ta’uun isaa ifa akka ta’e kaa’eera. Murteessa adabbii
mirgaafi faayidaa namoota murta’an qofa irratti kan xiyeefatu miti. Bu’aan adabbii
hordoofsiisu yakkamaa, miidhaamtoota yakkiichaa fi hawaasa irratti kan mul’atu dha.
Adabbii yommuu murtaa’u yakkamaafi hirkatoota/ maatii/ isaa bifa yaada keessa galcheen
ta’uu akka qabu dhimma itti amanamu dha. Sababa adabbiin seeraan ala murtaa’uuf maatiin
yakkamaa kan bittinahu yoo ta’e, adabbii kanaan miidhaamtooni sadarkaa jalqabaa yakkamaa
fi hirkatooni isaa yoo ta’anilee rakkichii deebi’ee rakkoo hawaasa ta’uun isa kan hafu miti.
Kanaafuu, adabbiin namoota dhunfaa irraa darbe maatii fi hawaasa kan ilaalatu waan ta’eef,
Abbootiin Seeraa adabbii haala yakkamaa yaada keessa otoo hin galchiin murtaa’u rakkoo
inni hordoofsiisu danda’u akka laayyootti ilaalu hin qaban. 3
Kanamalees, adabbiin murtaa’u bu’aa barbaadamu fidu kan hin dandeenye yoo ta’e,
miidhaamtoota irratti rakkoo yaadqalbii hordoofsiisu ni danda’a. Yakkii faayidaa hawaasaa
waliigalaa irratti balleessa raawwatamu akka ta’e yaadni waliigalaa yoo jiraates, qabatamaan
wanti hubatamu nama kamiyyuu caalaa miidhaan miidhaamtoota irratti gahu ol’aanaa dha.
Kanaafuu, gaheen miidhaamtooni sadarkaa qorannaa fi himanaatti qaban alatti, sadarkaa
adabbiitiis miidhaamtoota hirmaachiisuun barbaachiisa dha.
2
3
Masfiin G/Hiwoot, Seera Yakkaa Itoophiyaa Keessatti Murteessa Adabbii, 1993 A.L.I,Barreeffama Leenjii F-1
Faasil Nahoom, Adabbii fi hawaasa, 1982 A.L.I Joornaalli Seera Itoophiyaa Jildii-12, Fuula 13
www.abyssinialaw.com
Kanaa wajjiin wal-qabate muuxannoo Naannoolee Ameerikaa tokko tokko fudhane yoo
ilaalle, naannooleen muraasa ta’an miidhaamtoota sadarkaa murteessa adabbiitti karaa abbaa
alngaatiin akka hirmaatan kan taasiisan yommuu ta’u, naannooleen biroo immoo
miidhaamtooni dhaddachaa irratti qaamaan dhiyaatani yaada adabbii qaban akka kennan ni
hayyamu. Haata’umalee, Manni Murtii yaada adabbii miidhaamtoota irraa dhiyaatu fudhachu
diduuf aangoo guutuu ta’e qabu. 4
Bulchiinsii sirna haqaa yakka biyya keenya miidhaamtoota hirmaachiisu irratti haanqinaalee
mataa isa kan qabu akka ta’e ni beekamaa. Hanga ammaati rakkoo kana furuudhaaf sirni
diriire kan hin jiree yoo ta’ellee, yeroo amma imaammataa yakkaa biyya keenya keessatti
kallattiin kaa’ame jira. 5Imaaamataa haqa yakkaa biyya keenya dhimmoota xiyeefannoo itti
kennee keessaa inni tokko mirga namoota gocha yakkaatiin miidhaaman kabachiisuu dha.
Mirga miidhaamtoota haala barbaadamuun kabachiisuudhaaf miidhaamtooni sadarkaa
qorannoo, himanna fi murtiiti akka hirmaatan gochuuf beekamtii seeraa akka argatu gochuu
biraa darbe gorsa seera fi beenyaa akka argatan taasiisu 6 barbaachiisa akka ta’e itti amaname
imaammaticha keessatti akka galu taasifamuun isaa kan namaa jajjabeessuu dha.
Gocha yakkaatiin qaamni miidhaamu inni biraan uumataa ykn hawaasa iddoo yakkii itti
raawwatamu keessa jiraatu dha. Yakkii raawwatamu wajjiin wal-qabate miidhaa hawaasa
irraa gahu iddo lamaatti qodani ilaalu ni danda’ama. Kunis nama yakka raawwatu hunda gara
mana amala sireessaatti kan ergamu yoo ta’e, gibbirri uumatni hojiiwwan misoomaa adda
addaatiif akka olu kaffalu, hojii misooma irratti oluun isaa hafe ijaarsa mana amala sirreessaa
gaggeessuuf akkasumas sirreeffamtootaaf tajaajila hawaasummaa adda addaa dhiiheesuuf kan
olu ta’a. Kanaafuu yakkoota hundaaf adabbii hidhaa qofa fudhachuun murteessuun hawaasa
keenyaf kan fayyadu miti. Haalli mirgafi faayida hawaasa itti miidhaamu danda’u inni biraan
yakkamtoota irratti adabbii gocha raawwatame waliin madaalawwaa ta’e kan hin kennamne
yoo ta’e dha. SY keewwata-1 jalatti kaayyoon seera yakkaa, faayidaa waliigalaattiif jecha
nageenya, tasgabbii, sirna, mirgaafi faayidaa ummata eegu jedhame kan ibsame yommuu
ta’u, yaadni kun hojii irratti kan hin mul’ane yoo ta’e, amanamummaa bulchiinsa sirna haqa
yakkaa biyya keenya gaaffii keessa kan galchuu ta’a.
4
The role of victims in sentencing (www.justice.gov.nz) date of accees 13/09/2013 A.L.A
Imaammataa Bulchiinsa Sirna Haqaa yakkaa Itoophiyaa keewwata-6.2.1 Fuula-50, Gurraan dhalaa 2003 A.L.I
6
Akkuma Lakk-5 Fuula-13
5
www.abyssinialaw.com
1.2. Kaayyoo Adabbii
Adabbiin murtaa’u nagaa fi tasgabbii eeguu fi mirkaneessuu kan danda’u hubannoo fi
dandeettii qaamoleen haqaa kaayyoo adabbii murteessuu fi raawwachiisuu irratti qabaniin
kan daangeffamu dha. Kana jechuunis qaamni seera hiikuu yookiin raawwachiisu tokko
adabbiilee fi tarkaanfiiwaan eeggannoo kaayyoon adabbii tokko maal galmaan gahuudhaaf
yaade seerichaan kan tumame akka ta’e dursee hubachuun qaamni himannaa dhiyeessu
keewwata gocha yakkaa raawwatame waliin rogummaa qabuun himachuu akka qabu fi
adabbii Mana Murtiidhaan kennamuus qixa seeraa fi ragaa dhiyaateen ta’uu akka qabu kan
akeeku dha. Gaaffiin adabbiin kaayyoo maaliif murta’a? duuba isaa yaada maaltu jira? isa
jedhu hayyoota yeroo gara garaa turaniin kaayyoo adabbii bakka afuritti kan qoodu. Isaanis:
A) Haaloo Bahuu (Retribution or Payback)
Haloo bahuun akka kaayyoo adabbii ta’e madduu kan danda’e adabbii ilaalchiise amantaa fi
ilaalcha dur ture “nama ija balleesse ija balleessuu, nama ilkaan cabse ammoo ilkaan cabsuu”
kan jedhu irraa kan madde fakkaata. Kaayyoon adabbii inni guuddaan yakkamaa irratti haloo
bahuu yoo ta’uu baatees fedhii hawaasaa hanga ta’e guutuun sirna haqaa yakkaa biyya
tokkoo keessatti dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabu dha. Sababni isaas hawaasni yakkaan
miidhaame tokko akka ofii miidhaametti yakkamaanis miidhaamee arguuf fedhii guddaa
qaba. Fedhii hawaasni gama kanaan qabu guutamu kan danda’u yakka salphaa ta’eef adabbii
salphaa yakka cimaa ta’eef ammoo adabbii cimaa seera yakka keessatti tumuudhaani. Kun
ta’uu baannaan amantaa uummatni sirna haqaa yakkaa biyya tokkorra qabu irratti dhiibbaa ni
qabaata jechuun ibsu. 7
B) Akeekkachiisaa Dabarsuu ykn Jilchiisuu (Deterrence Effect)
Hayyoonni seeraa waa’ee kaayyoo adabbii akeekkachiisa dabarsuu yommuu dubbatan
yakkamaan yakka raawwachuu irraa kan of qusatu gocha inni raawwachuu yaadeef durfame
seeraan nama kan gaafachisu ta’uun isaa ifatti seeraan yoo tumame qofa akka ta’e fi
akkasummas namoota yakka raawwatanii adabaman hawaasatti agarsiisuudhaan namni
kamiyyuu yommuu yakka raawwatee argamu mirga isaa kan dhabu ta’uu isaa akeekachisaa
dabarsuun akka ta’e ni dubbatu. 8Akka kaayyoo adabbii kanaatti yakkii yeroo kamiyyuu ni
raawwatama amantaa jedhu kan qabu yommuu ta’uu, namoonni yakka raawwachuu irraa kan
7
8
Legal Punishment and its Justification, available at Stanford Encyclopedia of Philosophy, 7th ed. 2004 A.L.A
Muller and Laufer, Criminal Justice, p. 347-348
www.abyssinialaw.com
ofqusatan adabbii akka sodaatan taasiisuun akka ta’e ni himama. Kaayyoon adabbii kun ergaa
lama kan of keessatti qabate yommuu ta’uu isaanis: Akeekkachisaa waliigalaa fi dhunfaa dha.
Akeekkachiisaa waliigalaan akkuma waliigalaatti hawaasa keessatti kaayyoo yakka ittisuu
kan ilaallatu yommuu ta’u akeekkachiisa dhunfaa ammoo yakkamaan gocha yakkaa tokkoon
yommuu adabamu gocha raawwaterraa barumsa argachuun akkasumas waan itti adabameef
gara fuulduraatti yakka biraa raawwachuu irraa akka of qusatu ni taassisa. 9 Haata’umalee
murtiin yakkamtoota irratti kennamu karaa hundaan yeroo gabaaba keessatti haala bu’a
qabeessaa ta’een kan hin raawwatamne yoo ta’ee adabbiin murtaa’u kaayyoo dhaabbateef
galmaan gahuu hin danda’u. 10
C) Dandeettii Dhabsiisuu (Incapacitation or Protection)
Namoonni tokko tokko amalaan hammeenyummaa guddaa qabaachuu fi baay’ee rakkisoo
ta’uu ni danda’u. Kanamalees namoonni hawaasa keessatti yakkaa irra deddeebiin
raawwatanis hammeenyummaan isaanii ol’aanaa ta’uu ni danda’a. Yeroo yakkamtootni
akkanaa kun quunnaman yakka biraa raawwachuudhaaf carraa akka hin arganne akkasumas
nagaa fi tasgabbii hawaasichaatiif sodaa akka hin taane taasiisuun barbaachisaa dha. 11
Kaayyoon adabbii kun kan maddu yakkamtootni rakkisoon tokko tokko gara fuulduraattii
yakka biroo raawwachuu irraa duubatti hin deebi’an yaaddoo jedhu irraati. Haata’u malee,
amala fi hammeenyummaa isaanii sababa godhachuun yakkamtoota yeroo dheeraaf mana
sireessaa keessa tursiisuun adeemsa seeraa sirrii ta’e (due process of law) kan hin hordofne
dha jechuun ni qeeqama. Deggertoonni yookiin leellistoonni yaada kanaa falmii isaanii
deggeruuf sababni dhiyeessan, yakkamtoonni akkasii yeroo dheeraaf to’annoo jala akka turan
kan taasifamu gocha yakkaa amma raawwataniif otoo hin ta’iin, kan gara fuulduraatti
raawwachuu danda’an irraa eeguuf jedhamee waan ta’eef kaayyichi bu’ura seeraa hin qabu
jechuun falmu. Kanamalees, yakkamtoonni yeroo dheeraaf mana sirreessaa keessa akka turan
kan taasifamu yoo ta’e, baasii mootummaan yookiiin hawaasichi mana sirreessaaf baasuu
akka dabalu ni taasisa jechuun qeequ.
9
Jenny E., What are the Objectives of Punishment? Available at,http://www.ehow.com/info_8714170_objective
s-punishment.html, accessed on 09/08/2012).
10
Beccaria, Argument on crimes and Punishment,www.crimetheory.com, p. 5
11
Ali Mohammad Ali, Problems Related with the Use of Compulsary Labour under Ethiopian Criminal Justice
System, a conference paper prepapred for the Justice of Organs of the Country, (1996 E.C), p. 9
www.abyssinialaw.com
D) Sirreessuu fi Barsiisuu (Reformation or Rehabilitation)
Kaayyoon adabbii kun ilaalchaa fi amala badaa yakkamaan qabu sirreessuu fi barsiisuudhaan
jijjiirama amalaa akka fiduuf kan hojjetu dha. Ilaalcha (amala) yakkamaan qabu
sirreessuudhaan yakkamaan lammii gaarii gocha yakka jibbu, gara Fuula duraatti yakka biroo
raawwachuu irraa kan of qusatuu fi oomisha adda addaa keessatti hirmaachuun gumaachaa
barbaachisu akka taasiisuu gochuu irratti kan xiyyeeffatu dha. Akka kaayyoo kanaatti
yakkamaan yakka biraa raawwachuu irraa kan of qusatu gocha yakka raawwate irraa
fayyadamaa waan hin taaneef yookiin yakka biraa yoon raawwadhe nan adabama sodaa jedhu
irraa otoo hin taane kanaan dura gocha yakkaa kan raawwatan dogongora irraa kan ka’e akka
ta’e waan hubataniifi. 12
1.3 Murteessa Adabbii Ilaalchiise Muuxannoo Biyyoota Adda Addaa
Biyyooni sirna seera (Legal System) isaan hordoofan garaagaraa yoo ta’ellee dhimma adabbii
murtessu hunda isaani haala wal-fakkaatuun kan isaan yaadeessu dha. Adabbiin yakkamtoota
irratti murtaa’u madaalawwafi haqaa qabeessa ta’u akka qabu biyyooni hunduu sadarkaa
qajeeltooti kan irratti waliigalanidha. Haata’umalee biyyooni qajeeltowwan kanaaf hiikaa
isaan kennanfi haalli itti raawwachiisan irratti garaagarumma ni qabu. Kunis Biyyooni
falaasamaa seera isaan hordofan, haala dinagdee, hawaasumaa fi siyaasa isaan qaban irraa
kan ka’e garaagarummaan kan mul’atu yoo ta’ellee, dagaaginaa teeknoolojjii wal-qabate
addunyaa gara qa’ee tokkoti (globalization) waan dhufteef biyyii tokko isa kaan irraa haalli
muuxannoo itti fudhatu salphate jira. Biyyooni sirna seera koomanloow jedhamu hordofan
qajeelfama adabbiitiin fayyadamu ilaalchiise muuxannoo gaarii akka qaban qo’annoowwan
gama kanaan taasifaman ni mul’isu.
Mataduree kana jalatti muuxannoo biyyoota muraasa kasuudhaan sababoota qajeelfama
adabbii akka qopheessan isaan dirqsiisan, haalli qajeefamni isaani itti diriire fi qabiyyeen isaa
akkasumas qabatamaan haala qajeelfama isaanii raawwachiisan fakkeenyadhaan deegaramne
kan ilaallu ta’a.
1.3.1 Muuxannoo Biyya Ameerikaa 13
Qajeelfama adabbii hojii irraa olchu kan jalqabame biyya kana keessatti dha. A.L.A bara
1970 dura sirna murteessa adabbii biyya kana keessaa ture “Indetrminate” jedhame kan
12
Benn and Peters, “The Utilitarian Case for Deterrence,” p. 417
Qajeelfama adabbii Biyya Ameerikaa fi Ingiliizii caalamaati hubachuudhaaf kitaaba isiin gargaaaru kan
danda’u “Sentencing Guidelines around the World” jedhamu 2010 A.L.A tiin barreeffamee ilaalu
barbaachiisadha.
13
www.abyssinialaw.com
beekamu ture. Bu’uura sirna adabbii kanaatiin Abbootiin Seeraa adabbii yakkamaan adabamu
qabu daanga ol’aanaa fi Gad-aanaa ni ka’u (fkn. Adabbii waggaa 5-20 jechuun ni murteessu).
Kana booda sireefamuu yakkamaa ilaaludhaan adabamaa akka gadidhifamuu kan murteessu
qaamni “Parol Commission” jedhame beekamu dha. Murtii adabbii kennamu irratti carraan
ol’iyyachu dhiphaa ta’u isaa bira darbe, Abbootiin Seeraa murtii adabbii isaan kennan
ilaalchiise itti-gaafatamummaa hin qabani. Kanarraa kan ka’e adabbii murtaa’u haqumaa hin
qabu jedhame qaqeemaa ture. Kanamalees sirna haqaa biyya sana amanta uumataa dhabuu
jalqabe. Rakkoolee kana furuuf sadarkaa Mootummaa Federaalatti qajeelfama adabbii
“United States Sentencing Guideline” jedhame beekamu hojii irraa akka olu taasifameera.
Qajeelfamni kun kan qoophaa’e Komishinni Adabbii Mootummaa Ameerikaa jedhame
beekamuni.
Qajeelfamichii garagaditti sadarkaa yakkaa 43 (Offense Level) fi garadalgaati immoo seena
yakka yakkamaa (Criminal History Catagories) irratti hundaa’un tokko ol akka qabaatu
godhame hojjatameera. Sadarkaalee yakka Zonni A,B,Cfi D jedhamani kan qoqqodaman
yommuu ta’u, gochii yakkamaan balleessa ittin jedhame Zonni A-C jalatti kan kufuu yoo
ta’e, Abbootiin Seeraa adabbilee adabbii hidhaa ala ta’a kanneen akka adabbii hojii humna
ykn tajaajila tolaa hawaasa kennuu fi k.k.f murteessuuf aangoo guutuu qabu. Hataa’u malee
gochii yakkamaan balleessa ittin jedhame Zonni D jalatti kan kufuu yoo ta’e Abbootiin
Seeraa yoo xiqqaate reenjii adabbii kaa’ame keessatti adabbii hidhaa isa gad aanaa
murteessuuf dirqama qabu. Kanaafuu Abbootiin Seeraa tokkoon tokkoon yakkootaaf
sadarkaa bahefi seena yakkaa yakkamaa qorachuun gara qajeelfama adabbiitti fiduun
sadarkaa isa kamii irratti adabbii murteessu akka qaban ni hubatu jechu dha.
Adeemsa adabbii itti murtaa’u yommuu ilaalu jalqaba irratti yakka raawwatame ulaagaalee
qajeelfamichaan kaa’aman irratti hundaa’un sadarkaan isaa adda ni baha. Itti-ansee sababoota
adabbii cimsanii fi salphiisan irratti hundaa’un akkuma barbaachiisummaa isaatti gulantaan
isa ol siiqa ykn gadi ni bu’a. Kanabooda, seena yakkamaa irratti hundaa’udhaan garadalgaatti
sadarkaan irratti kufuu ni murta’a. Dhumaa irratti iddoo sadarkaa yakka fi seenaan yakkamaa
walitti dhufanitti adabbiin kan murtaa’u ta’a.
FKN: Yakka Hanna fudhane yoo ilaale
Faayidaan hannaan argame hanga $ 5000 yoo ta’e sadarkaan yakkiichaa gulantaa
6ffaa ta’a (baatii 0- 6).
www.abyssinialaw.com
Faayidaan hannaan argame hanga $ 5000- 10000 yoo ta’e sadarkaan yakkiichaa
gulantaa 8ffaa ta’a (baatii 0-8).
Faayidaan hannaan argame hanga $ 10,000- 30, 0000 yoo ta’e sadarkaan yakkiichaa
gulantaa 12ffaa ta’a (baatii6-12).
Kanabooda seena yakkamaa irratti hundaa’udhaan garadalgaati sadarkaan irratti kufuu
addaan baasu,
Waggaa tokko ol kan adabame ture yoo ta’e riikoordi inni qabu hundaaf tokko tokko
isaaniif qabxii Sadii ni dabalama.
Guyyaa 60 ol kan adabame ture yoo ta’e riikoordi inni qabu hundaaf tokko tokko
isaaniif qabxii lama ni dabalama. Haala kanaan gulantaan gara dalagaati jiru ni
beekamaa. Dhumaa irratti iddoo sadarkaa yakkaafi seenaan yakkamaa walitti
dhufanitti adabbiin kan murtaa’u ta’a jechuudha.
1.3.2 Muuxannoo Biyya Ingiliizii
Ingiliizii keessattis kanaan dura Abbootiin Seeraa adabbii murteessu keesssati aangoo bal’aa
ta’e kan qaban waan ta’eef, adabbiin murtaa’u rakkoodhaaf kan saaxilame ture. Qajeelfamni
adabbii biyya kana Magistrate court Sentencing Guideline jedhame beekamaa. Qajeelfamni
kun bara 2008 A.L.A irraa kaase hojii irraa kan ole yommuu ta’u, qajeelfama adabbii bara
2004 bahe kan bakka bu’e dha.
Haalli qajeelfamiichii itti qophaa’e yommuu ilaalu yakkoota hundaaf iddoo tokkoti kan
hojjatameef otoo hin ta’in yakka tokko fudhachuun ulfaatina (seriousness) inni qabu irratti
hundaa’un sadarkaa yakkiichaa bakka bu’uu dandanda’u qophaahe jira. Adabbiin murtaa’u
daangaa keessatti murtaa’u akka qabu taasifame kan qophaa’e yoo ta’uu, adabbiin ka’umsaa
qajeelfamiicha keessatti kaa’ame adabbii kutaa adda seericha keessatti kaa’ame irraa
walakkaa fudhachuudhaani. 14 Sana booda sababoota qajeelfamichaa keessatti akka adabbii
cimsuuf ykn salphiisuuf kaa’aman irratti hundaa’un adabbii ka’umsa qajeelfamichaa irratti
kaa’ame ol guddisu ykn hirdhisun adabbiin inni dhuma kan murtaa’u ta’a.
14
Qajeelfamni adabbii biyya Ingiliizii yakkamtoota balleessumaa isaani amanan irratti hin hojjatu.
www.abyssinialaw.com
1.4 Murteessa Adabbii Bu’aa Qabeessa Gochuudhaaf Imaammata fi Seerotaa
Itoophiyaan Qabdu
1.4.1 Heera Federaalaa
Adabbiin murtaa’u kallatidhaan heera mootummaa wajjiin kan wal qabatu yoo ta’uu baatelee,
yeroo murtaa’u bifa qajeetoowwan heera mootummaa keessatti kaa’aman yaada keessa
galcheen ta’u qaba. Kanaafuu, Abbootiin Seeraa adabbii ilaalchiise qajeeltoowwan heera
mootummaa irratti kaa’aman off-eggannoon ilaalanii bu’uura qajeeltowwan kanaan
hojjachuuf dirqama ni qabu. Qajeeltoowwan murteessa adabbii bu’aa qabeessa gochuudhaaf
heera mootummaa keessatti kaa’aman kunis: Iftoomina, Itti gaafatamummaa, Walqixummaa, Gochaa tokkon yeroo tokko qofa gaafatamu, kabaja ilma namaa eeguu dha.
Mootummaan guyyaa guyyaan hojjiilee adda addaa kan raawwatu imaana uumataarraa itti
kenname fixaan baasuudhaafi. 15 Mootummaan ittigaafatamuuma isa irratti gatamee kana
fixaan baasuu isa akkataa itti mirkanneessu danda’amu keessaa inni tokko hojiin
mootummaadhaan raawwatamu iftoomina kan qabu yoo ta’eedha. Qajeeltoo kana ilaalchiise
manni murtii murtee adabbii yeroo kennu gosaa fi hanga adabbii yakkamaa irratti murta’e
sababa gahaa ta’een deegaramuun murteessu kan isaan irraa egamu yommuu ta’u, sababa
kanaas haala ifa ta’een ibsu qaba. Akkasumas, sababoota adabbiin yakkamaa irratti akka
cimuu yookiin salphatu taasisan maal fa’a akka ta’an kan ibsu qaban garee falmiitootaaf qofa
otoo hin ta’iin murtii isaa dhaddachaa ifa ta’e irratti hawaasaaf ibsu qabu. Kanamalees hojii
Abbaan Seeraa gaggeessu hundaaf itti gaafatamummaa kan qabu akka ta’e hubatamu qaba.
Akkuma beekamu adabbiin kan murtaa’u mirga bilisumaa fi qabeeya yakkamaa irratti waan
ta’eef, yeroo adabbiin murtaa’u bu’uurrisaa seeraaf seera qofa ta’u qaba. Dabalataan, namni
kamiyyuu seera fulduraati wal-qixummaa kan qaban waan ta’eef, adabbiin yeroo murtaa’u
sababoota garaagarummaa akka uuman seerichaan hayyamaman alatti fayyadamuun dhorkaa
dha. Adabbii murtaa’u namoota gidduutti sadarkaa jireenya hawaasummaatiin, sanyiidhaan,
sabaan, sablammmiidhaan, bifan, saalaan, afaaniin, amantiidhaan, ilaalcha siyaasaa yookiin
kan birootiin, qabeenyaan, dhalootaan yookiin ejjennoo kan biraatiin garaagarummaa otoo
hin uumiin hunda irratti wal qixxummaan raawwatamuu qaba. Dhimmi kun namni kamiyyuu
15
HMFRDFI keewwata-12
www.abyssinialaw.com
bulchiinsa sirna haqa yakkaa biyya keenya keessatti haala wal-fakkaatuun akka
keessumeefamu bu’uura kan kaa’e dha. 16
Kanamalees adabbiin Mana Murtiin murtaa’u kamiyyuu; akkasumas, raawwiin isaa haala
gara jabeenyummaan guutameen yookiin bifa mirga namooma tuquun yookiin kabaja ilma
namaa mulquun17 ta’uu akka hin qabne hubachuun hojiirra olchuun barbaachiisadha.Namni
kamiyyuu qabiinsa yookiin adaba hammeenyummaan guutame kan farra namuummaa ta’e
yookiin ulfina namuumma isaa salphisu irraa eeggamuuf mirga akka qabu SY kew-87,
HMRDFI fi waliigalteewwaan addunyaa irratti tumamaniiru. 18 Namni tokko gocha inni
raawwateen yeroo tokko qofa gaafatamu akka qabu ni beekamaa. Kanaafuu, namni
kamiyyuu bu’uura seeraatiin murtii isa dhumaa ta’een yakka kanaan dura ittiin adabameen,
tarkaanfiin seeraa biroo irratti fudhatameen ykn bilisaan gadi lakkifameen irra deebi’ee hin
himatamu ykn hin adabamu jechuudhaan wabbii gaha ta’e heeriichaa keessatti tumameera.
1.4.2. Imaammata Bulchiinsa Sirna Haqa Yakkaa MRDFI
Imaammatni Bulchiinsa Sirna Haqa yakkaa biyya keenya adabbii ilaalchiise dhimmoota ijoo
Sadii ta’aniif xiyyeefannaa kenneera: Sadrkaa jalqabaatti dhimmi xiyeefannaa argate
barbaachisummaa qajeelfama adabbiitti. Dhimmi kun seera yakkaa keessatti kan kaa’ame
waan ta’eef haaraa yoo ta’uubatelee, imaammatichaa keessatti barbaachisummaan isaa
irradeebiin ibsamuun isaa mootummaan yeroo kamiyyuu caalaa qajeelfama adabbii hojii irraa
olchuuf xiyyeefannaa guddaa kan kennee ta’u kan agarsiisu dha. Xiyeefannaan
imaammaticha inni biroon qajeelfamni qophaa’u qabiyyeen isaa maal fakkaachuu akka qabu
kallatti kan agarsiisudha.
Haalumaa kanaan, qajeelfamichi kaayyoo adabbii irratti hubannoo uummanni qabu
cimsuudhaan gochoota yakkaa raawwatamaniif adabbiiwwan hangamii ykn akkamii akka
darbuu ni beeksiisa. Dabalataan, kaayyoon qajeelfama adabbii inni biraa qaamolee
adabbiiwwan dabarsuuf aangoo qaban, yeroo adabbiin itti kennamu, ragaalee adabbii
murteessuuf gargaaran fi qajeelfamoota yeroo adabbiin kennamu kabajamuu qaban ilaalchiise
kalatti ka’u akka qabu ibsameera. Kanamalees murteen adabbii yeroo kennamu sababoota
adabbii cimsan fi salphiisan bifa yaada keessa galcheen ta’u akka qabufi sababoota adabbii
cimsan ykn salphiisan danda’an haala ifa ta’een qajeelfamicha keessatti kaa’amuu akka
qaban ni akeekka. Walumaagalatti qabiyyeen qajeelfamicha qajeeltoowwan fi ulaagaalee
16
HMRDFI keewwata-25
HMRDFI keewwata-18
18
ICCPR Art.7, CATCIDTP Art.5 & ECHR Art-3 fi HMRDFI kew-20 ilaalu ni danda’ama
17
www.abyssinialaw.com
adabbii irratti hundaa’u kan qabu, haqummaa, iftoominaafi tilmaamamummaa adabbii
mirkanneessuf kan gargaaru danda’u ta’u akka qabu kaa’amera.
Qajeelfamni adabbii murteessuuf bahu dhimmoota amala yakkamaa, gocha yakkaa
raawwatamee irratti hundaa’uun gosa murtii fi faayidaa adabbiin darbu qabu kan teechisuu
ta’uu qaba. Keessattuu qajeelfamichi dhimmoota armaan gadii giddu-galeessa gochuudhaan
bahuun irraa eegama:
A. Gochoota yakkaa fi namoota gochoota yakkaa raawwatan balaaleffachuudhaaf bifa
gargaaruun,
B. Yakkamtootni adabamanii gocha yakkaa biraa akka hin raawwatne gochuu fi namoota
biroof barnoota akka ta’uu gochuu dandesiisuun /Deterrence/,
C. Barbaachisaa yoo ta’e, namoota gocha yakkaa raawwatan hidhuun uummata irraa
akka fagaatan gochuu /Incapacitation/,
D. Amaloota gocha yakkaa balaaleeffachuudhaan, yakkamtootni akka of haaromsan
gochuudhaanii fi barsiisuun gochoota yakkaa gara fula duratti raawwataniif itti
gaafatamummaa akka qaban agarsiisuu, fi /Reformation & Rehabilitation/
E. Namoota gocha yakkaatiin miidhaan irra ga’eef beenyaan akka kaffalamuu ykn
tajaajilli hawaasaaf akka kennamu gochuu / Restorative Justice/ kan jedhamani dha.
Qabxiin inni sadaffaafi isa xumuran qajeelfamichii yeroo qophaa’u hirmaanaan qaamolee
haqaa maal ta’u akka qabu kan agarsiisuu dha. Qajeelfamicha qopheessuuf dirqamni seera
Mana Murtii Waliigalaa Federaalattiif kan kennamee yoo ta’elee, Manni Murtii kun
qajeelfama adabbii yommuu qopheessuu qaamoolee gahee qaban mari’achiisuu kan isaarra
egamu akka ta’e imaammatichaa keessatti eerameera. Kuniis, raawwatamiinsa qajeelfamiicha
keessatti hirmaana qaamoolee adda addaa kan jiru waan ta’eef, bu’aa qabeessummaa
qajeelfmiichaa milkeessuuf hojii qajeelfamichaa wixinneessuurra kaasee qaamoleen haqaa
adda adda hirmachiisuun waliin hojjachuun barbaachiisa akka ta’e kan mul’isu dha.
1.4.3. Seera Yakkaa MRDFI
Seerrii adaba yakkaa Itoophiyaa duraanni akka fooya’uu sababoota taasiisan keessa inni
tokko murteessa adabbii wajjiin wal-qabate rakkoolee hojii keessatti mul’atan jiraachu isaani
qo’annoodhaan kan biraa gahame waan ta’eef akka ta’e seensa waliigalaa (preamble) seera
yakka irratti kaa’amera. Akkuma beekamuu seerrii yakkaa biyya keenya sadarkaa jalqabaatti
xiyeefannaa kan kennee adabbiif otoo hin ta’iin yakkii akka hin raawwatamne ittissufi dha.
www.abyssinialaw.com
Garuu kun milkaa’u otoo hin danda’in hafe yakkii raawwatame yoo argame adabbiin
murtaa’u karaa tokkoon yakkamaa irratti akka malee akka hin cimne, karaa biraatiin immoo
yakkamaa adabbii isaaf salphaachu hin qabneef adabbiin salphate nageenya, tasgabbii, sirna,
mirgaafi faayidaa mootummaa, ummataa fi jiraattoota biyyattii eeguufi mirkaneessuudhaaf
hojiin hojjatamu rakkoo keessa akka hin senne eegumsaa taasiisun barbaachiisa dha.
Manneen Murtii dhimmoota walfakkaatan irratti adabbii walfakkaata ta’e karaa itti
murteessan mijeessuun barbaachisaa akka ta’e seera baasaan waan amanameef, tuumaaleen
seera yakkaa kutaa waliigalaa fi addaa seerichaa keessatti kenninsa murtii adabbii walxaxaa fi
rakkisaa godhani jiru jedhamani kan itti amanaman akka fooyyaa’an taasifamaniiru. 19 Yaada
kanarraa kan hubatamuu jalqaba irratti murteessa adabbii ilaalchiise rakkoon jiraachu isaa
seera baasaadhaan kan itti amaname ta’u isaati. Rakkoon jiraachuu hubachuun qofa isaa
furmaata gaha waan hin taaneef, seerichaa irratti jijjiiramni gurguddaan tokko tokko
taasifamu
isaa
ni
mul’isa.
Kanamalees,
akkaata
sirrummaa
murtii
adabbii
fi
walfakkaatummaa isaa mirkaneeessuufis ta’e to’achuuf kan dandeessisu qajeelfamni adabbii
akka bahu seera baasaadhaan muraa’erraa. 20 Kanaafuu seerrii yakkaa fooyaa’e bahe kun
jiraachu qajeelfamichaatiif akka dhakaa bu’uuratti kan ilaalamu qabu dha.
1.4.4. Seera Deemsa Falmii Yakkaa
Kaayyoon ol’aanaa seera deemsa falmii yakkaa hojiiwwan qorannoo yakkaa irraa hanga
murteessa adabbiiti hojjataman haala itti qajeelfaman fi sirna raawwii adabbii dirirrsuun
adabbiin murtaa’u bifa kaayyoofi galama seera yakka milkeessu danda’un akka raawwatamu
taasiisuudha. Akkuma SDFY keessatti ibsameen gareen falmiitooni yaada adabbii
dhiyeessuudhaaf mirga ni qabu. Gareen falmitooni waa’ee sababoota adabbii cimsan fi
salphiisa yaada adabbii erga dhiyeessan booda adabbiin ni murta’a. Adabbii murtaa’u irratti
ol’iyyannoo dhiyaachuu kan danda’u waan ta’eef, adabbiin yommuu murtaa’u keewwata
seera bu’uura irratti godhate haala ifa ta’een kaa’amu qaba.
19
Seensa waliigalaa SY RDFI Fuula-6, Fkn, seera adaba yakka keessatti gocha daddabalamaa qabatamaa hin
taaneef (keewwata-192), yakkoota irra dedeebi ta’an (keewwata-82(1B) fi k.k.f haalli adabbiin itti murtaa’u
walxaxaa, rakkisaa fi adabbiinis hanga barbaadamuun kaayyoo adabbii galmaan gahuuf kan gargaaru hin ture.
20
SY RDFI keewwata 88(4)
www.abyssinialaw.com
1.4.5. Murtiilee Mana Murtii Waligalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataatiin
Kennaman
Murtii dhaddacha ijibbaataatiin kennamu dirqisiisaa akka ta’an kan barbaachiiseef, namni
kamiyyuu tajaajila sirna haqaa wal-fakkaatu akka argatu taasiisudhaaf. Adabbii ilaalchiise
dhimmota dhaddacha ijibbaataatti dhiyaatani murtee argatan baay’ee yoo ta’uu baataniis,
murtiilee kunniin murteessa adabbii biyya keenya kan walfakkaatu fi sirrii akka ta’uu
gochuudhaaf gumaacha mata isaani ni qabu. Dhimmoota hanga ammaatti adabbii murteessuu
ilaalchiise dhaddacha ijibbaataatti dhiyaatani murta’an keessa isaan muraasa haa ilaallu:
A) Sababoota Adabbii Cimsan fi Salphiisan Ilaalchiise: Seera yakka keewwata-82(1A)
jalatti sababoonni adabbii salphiisan hedduun tareeffamani jiru. Sababoota kana wajjiin walqabate falmiin ka’u keewwatoota xixiqqaa keessatti tarreeffaman walqabsiistu “fi”
jedhamuun kan wal-qabatan yoo ta’e sababoota kaa’aman keessa inni tokko argame inni kan
biraa yoo dhabame akka sababaatti fudhanee adabbii salphisuu ni dandeenya moo hin
dandeenyu jedhamee falmiin ka’u dha.
FKN: Gaaleen “amalli yakkamaa yeroo hundaa gaarii yoo ta’eefi......” jedhu kopha isaa ofdandaa’ee kan ilaalamuu danda’u dha moo, miti? kan jedhu akka ijoo falmiitti dhiyaate
hiikkoon dirqisiisaa ta’e irratti kennamee jira.
Dhimma 1ffaa
Dhimmi kun ol’iyyatoota Fisahaa Abbaay faa N-2 fi Abbaa Alangaa Waajjira Galiiwwanfi
Gumuruuka Federaalaa gidduu ture dha. 21 Dhaddachii ijibbaata ijoo falmii bitaaf mirgarraa
dhiyaate kana erga qorate booda murtii kenneen “Adabbiin murtaa’uu kan qabu, hanga
balaafamummaa amala dhuunfaa raawwataa yakkiichaa, seenaa jireenyasaa darbee, ...
madaaluun akka ta’e SY keewwata-88(2) jalatti kaa’amera. Kanaafuu, amalli yakkamaa
yeroo hundaa gaarii ta’un isaa hanga mirknaa’etti sababni kun of-danda’e adabbii salphiisu
irraa wanta isaa daangeessu hin jiru jechuudhaan murtii kenneera. Murtii dhaddachaa
ijibbaataatiin kenname kun yoo xiqqaate sababoota keewwata- xiqqaa tokko jalatti akkata
kamiin hojiirra olchu akka qabnu kallatti kan kaa’u dha.
Qabxiin biroo dhaddacha ijibbaataan murtee itti kennee kutaa addaa seerichaa keessatti tumaa
addaatiin haalawwan yookiin sababootni adabbii salphiisan yakkiicha hundeessuuf yommuu
21
Obbo Fisahaa Abbaay faa N-2 fi Abbaa Alangaa Waajjira Galiiwwanfi Gumuruuka Federaalaa, Jildii 10ffaa
Lakk-galmee-53612, Haala wal-fakkaatuun Obbo Isayaas Abarraa faa N-5 fi Abbaa Alangaa Naannoo
Oromiyaa, Jildii 12ffaa Lakk- galmee 45595 ilaalu ni danda’ama
www.abyssinialaw.com
tumamanitti manni murtichaa sababootuma kana adabbii salphisuuf irra deebi’uun itti
fayyadamuu ni danda’a moo, hin danda’u? kan jedhu dha. Dhimma kanarratti falmii turefi
murtii kenname haa ilaallu:
Dhimma 2ffaa
Dhimmi kun ol’iyyata Abbaa Alangaa Federaalaafi Biraanuu Fiqaaduu giddu ture dha. 22
Manni Murtiichaa komii dhiyaate seeraa waliin erga qorate booda haalawwan SY keewwata82(1) jalatti kaa’aman tumaa addaatiin yakkiichaa hundeessuuf yommuu tumamanitti manni
murtichaa sababootuma kanaan adabbii salphisuuf irraa deebi’uun itti fayyadamuu akka hin
dandeenye ibse, manni murtii jalaa firii dubbii keewwata himatamaan itti himatame jalatti
yakkiichaa hundeessuuf kaa’ame irraa deebiin adabbii salphiisudhaaf itti fayyadame adabbii
Gad-aanaa seerichaan kaa’ame gadi bu’uun adabbii salphiisun isaa dogonggora jedhe,
adabbii hidhaa cimaa waggaa Sadii murta’e gara waggaa kudhantti fooyeessuun murtesseera.
Murtii kennameerrati akkuma kaa’ameen sababoota adabbii cimsuus ta’e salphiisu irraa
deebiin fayyadamuun adabbiin akkamalee akka salphatu ykn cimuu gochuun kaayyoo fi
galma seera yakka irratti dhibba mata isaa kan qabu waan ta’eef murtiin kennamuu bu’uura
kanaan murtaa’u akka qabu kan agarsiisu dha.
B) Yaada Garee Falmiitoni Falmii Keessatti Hin Kaasneen Fayyadamu: manni murtii
ol’iyyannoo ilaalu gaaffii falmii garee falmiitootatiin hin dhiyaanne irratti hundaa’un adabbii
salphiisu ykn cimsu ni danda’a? gaaffiin jedhu qabxii falmisiisa dha.
Dhimma 3ffaa
Dhimmi kun falmii ol’iyyataa Tasfaayee Addalaa fi Abbaa Alangaa gidduu ture dha.
23
Ol’iyyataan seera yakkaa keewwata-555(B) bira darbuun himatame balleessa ta’uun isaa
waan mirkanaa’eef adabbii hidhaa waggaa lamaatiin ykn qarshii dhibba shaniitiin akka
adabamu murteesserra. Abbaa Alangaan murtee Mana Murtii aanaatiin kenname kana
keewwata- yakkamaan balleessaa itti jedhame adabbii hidhaa fi qarshii filannoon otoo hin
ka’iin manni murtii sadarkaa jalqaba haala kanaan murteessuun isa dogongoora dha jedhe
ol’iyyateera. Manni murtii ol’aanaan immoo falmii ol’iyyaannoo isaaf dhiyaate erga dhagahe
booda murtii Mana Murtii sadarkaa jalaqabaatiin kenname sirrii miti jedhe ol’iyyata kana
adabbii hidhaa waggaa shaniin akka adabamu murteessera. Manni murtii waliigalaas murtii
Mana Murtii ol’aanaatiin kenname sirrii dha jedhe cimsee jira.
22
23
Abbaa Alangaa Federaalaa fi Barihuun Fiqaadu, Jildii 12ffaa, Lakk-galmee-59356
Tasfaayee Addalaa fi Abbaa Alangaa, Jildii 10, Lakk-galmee 48617
www.abyssinialaw.com
Manni Murtii Dhaddacha Ijibbaata Fedraalaa falmii bitaaf mirga irraa dhiyaate erga dhagahe
booda, Mana Murtii jalatti deebii kennaan ammaa falmiin inni dhiyeesse keewwata- seera
yakkamaan balleessaa itti jedhame adabbii hidhaa fi qarshii filannoon otoo hin ka’iin manni
murtii sadarkaa jalqaba haala kanaan murteessuun isa dogongoora dha kan jedhu ta’ee otoo
jiru, manni murtii ol’aanaa dhimma akka falmiitti isaaf hin dhiyaannee ilaaluun adabbii
hidhaa waggaa lama gara waggaa shantti ol’guddisuun murtii inni kenne dogongora bu’uura
seera kan qabu dha jedhe murtesseera. Walumaagalatti dhimmoota armaan olitti kaa’aman
irraa kan nuti hubannu Mureen Mana Murtii waliigalaa dhaddachaa Ijibbaata Federaalaatiin
kennamu sirrummaa akkaata murtii adabbiifi wal fakkaattummaa isaa mirkaneessuuf gahe
guddaa kan qabu akka ta’e dha.
1.4.6. Koodii Naamusa Abbootii Seeraa
Gumiin Bulchiinsa Abbootii Seeraa Naannoo Oromiyaa naamusa Abbootii Seeraa Naannoo
Oromiyaa Bara 2001 A.L.I keessatti dambii naamusa Lakk-2/2001 kan baasee yommuu ta’u,
dambiin kun duudhaalee naamusa Abbootii Seeraa adda addaa of-keessatti akka hamatu
taasifameera. Duudhaalee naamusa kunis murteessa adabbii yakkaa naannoo keenya bu’a
qabeessaa gochuudhaaf gaheen isaan qaban akka laayooti kan ilaallamu miti.
Abbootii Seeraa kamiyyuu ajajafi murtii adabbii inni kennuu seeroota sadarkaa biyya
keenyafi naannootti jiran kan yaada keessaa galche ta’u qaba. Dabalataan garee falmiitoota
Mana Murtiitti dhiyaatan ija tokkon ilaalufi mirgi isaani kabajuufi kabachiisuu kan isaan irraa
eegamudha. Akkuma beekamu gareen falmiitooni sadarkaa yaada isaani Mana Murtiif
dhiyeessuu itti barbaadan keessa inni tokko adabbii yeroo murtaa’udha. Yaada adabbii
dhiyeessuun mirga garee falmiitoota ta’uun alatti, manni murtii adabbii haqaa qabeessa ta’e
akka murteessu kan isaa gargaarudha. Kanaafuu, Abbootiin Seeraa yaada garee
falmiitootarraa dhiyaatu obsaan dhagahuuf naamusa isaan irraa eegamu keessa isa tokkodha.
1.4.7. Danbii Ittin Bulmaata Abbootii Alangaa
Hojiin A/Alangumaa haala loogii irraa bilisa ta’ee fi al-loogummaa hanbiseen, fi haala
walfakkaatummaa qabuun (tokko kan ta’e), bilisaa fi loogiimaleesa ta’e fi loogiimaleesa
haala jechisisuu danda’un gaggeefamu akka qabu ni kaa’a. 24 Abbootiin alangaa ogummaa
isaatiif amanamummaa fi gara kuteenyaan dhaabachu; mirgoota namoomaa akka aduunyaatti
24
Standerds of professional responsibility and statement of essential duties and rights of prosecuters adopted by
the international asscosation of puplic prosecutors on april 23/1999 page 12
www.abyssinialaw.com
fudhatama argatan kabajuu fi kabachiisuuf tattaafi hunda taasisuu; seera fi seera qofa irratti
hundaa’uun hojjachuu akka qaban ni beekamaa.
Wanta kamiyyuu caalaa gaheen hojiin Abbootii Alangaa ol’aantummaa seera akka
mirkanaa’u hojjachu dha. Bu’uura kanaan namoota yakkaa raawwatan, kan hin raawwanne
irraa addaa baasuun seeraatti dhiyeessuun adabbii gochaa yakkaa isaan raawwatan wajjiin
wal-gituu akka argatan taasiisuuf gahe isaan irara egamu gumaachuuf gara kuteenyaan
hojjachu qabu.
Kanamalees, haala seerichaa keessatti kaa’ameen adabbiin cimee ykn
salphate murtaa’u waan danda’u, dhimmota qabatmoo irratti hunda’uun adabbiin cimee akka
murtaa’u qofa otoo hin tanne bakka adabbiin murtaa’u salphachuun isaa barbaachiisa ta’etti
hanga dhumaatti falmii gaha ta’e gaggeessuun akka salphate murtaa’u taasiisu qabu. 25
Ol’aantumaan seeraa kan mirkanaa’u namoota himataman hunda adabsiisuun qofa otoo hin
ta’iin furmaata biroo seerichaan kaa’aman hojiirra olchuunis akka ta’e hubachuun
barbaachiisadha.
Kanaafuu
Abbootiin
Alangaa
yaada
adabbii
yeroo
dhiyeessan
filannoowwan adabbii bakka bu’uu danda’an seerichaan kaa’aman yoo jiraatan Mana
Murtiichaaf yaada dhiyeessuuf kaayyoon seeerichaa akka milkaa’u gumaacha isaan irraa
eegamu taasiisu qabu.
Gaaffii Marii
1. Murtii balleessumaa keennisiisuuf ykn bilisaa gochuuf xiyeefannoo Mana Murtiifi garee
falmiitootaatiin kennamu, yeroo murtii adabbii kennamu baayy’inaan hin mul’atu. Rakkoon
kun maal irraa kan madde akka ta’e bal’inaan irratti mar’idha.
2. Naamootni tokko tokko qajeelfamni adabbii Itoophiyaa Lakk-1/2002 adabbii ni cimsaa
yeroo jedhan, namoonni biroo immoo qajeelfamichii adabbii ni salphiisa jedhu. Isiin
yaadoota lamaan irraa isa kamtu sirriidha jetu, maaliif?
3. Adabbiin yeroo murtaa’u kaayyoo adabbii bifa yaada keessa galcheen ta’u akka qabu ni
beekama. Gotoota adabbii seera yakka Itoophiyaa keessatti kaa’aman ilaaluudhaan adabbii
tokko gosaa kaayyoo akkamiitiif murtaa’u akka qabu seerota keenya irraa hubachuun ni
danda’amaa? Baldhinaan irratti mari’adhaa.
4.
Murtiilee
dhaddacha
Ijibbaataatiin
kennamanfi
qajeelfama
garaagarummaan kan uumame yoo ta’e kamtu fudhatamumaa qaba?
25
SDFY Itoophiyaa keewwata- 149(3)
adabbii
gidduuti
www.abyssinialaw.com
Dhimmaa 4ffaa
Dhimmi kun falmii himataa Abbaa Alangaa Aanaa Yaabeelloo Fi himatamaa Machawaa
Huuqaa gidduu ture yommuu ta’u himatamaan seera yakkaa kew-620(1) bira darbuun yakka
dirqisiisanii gudeeduu raawwatee waan argameef himanna dhiyaatee dha.Manni murtii Aanaa
Yaabeelloo dhimmichaa Lakk- Galmee 05722 ta’e irratti erga ilaalee booda himatamaa
kewwatummaa itti himatamee jalatti baalleessaa dha jechuun yakkamaa adabbii qarshii 3000
(kuma Sadii)tiin akka adabamu murteessee, kana keessa qarshii 2000 (kuma lama)
miidhaamtuu dhuunfaaf beenyaan akka kaffalamuu fi qarshiin 1000 (kuma tokko) ammoo
mootummaadhaaf galii akka ta’uu jechuun murteesseera.
1, Adabbii kenname kun kaayyoo adabbii seerrii yakka keenya qabu wajjiin akkamitti ilaaltu?
Adabbiin Mana Murtiidhaan kenname kun kaayyoolee seera yakkaa keenya jalatti kaa’aman
keessaa isaa kam milkeessuu danda’a jettani yaaddu?
www.abyssinialaw.com
BOQONNAA LAMA
QAJEELTOOWWAN ADABBII SEERRII YAKKAA ITOOPHIYAA IRRATTI
HUNDAA’E FI QAJEELFAMA ADABBII ITOOPHIYAA
Seensa
Seera yakkaa keessatti qabxiilee xiyeefannaa argatani sadarkaa jalqaba irratti hamatamu
danda’an keessa dhimmi ijoon kaayyoo fi galama seerichaatti. Seera tokko keessatti
kallatidhaanis ta’e al-kallati kaayyooleefi galamaawwan ibsaman adda addaa akka
waliigalaatti sababa dhaabataniif akkasumas bu’aa barbaadamu kan agarsiisani dha. Haaluma
kanaan Seerrii Yakka Itoophiyaaniis qajeeltoowwan bu’uura kaayyoo fi galma inni
dhabbateef fiixaa baasiisuuf ni gargaaruu jedhamani itti amanaman akka of-keessatti hamatu
taasifameera.
Sirna rammaddi adabbii wajjiin wal-qabate Abbootiin Seeraatiif daangaa adabbii itti
murteessan /discretion/ kennuun mata isaatiin rakkoo miti. Dhimmoota hundaaf adabbii
murta’a ta’e kaa’uun aangoo abbootti seera daangessuun kaayyoofi galama seera yakka
akkasumas yaada seera baastoota waliin kan hin deemne akka ta’e seena darbe irraa hubachu
ni danda’ama. Kanaafuu, Abbootiin Seeraa bitaaf mirga ilaalani akka murteessan
aangeessuun hojiimaata yeroo amma kana barbaadamu dha. Walumaa galatti boqonnaa kana
jalatti wa’ee qajeeltoowwan bu’uuraa seera yakka Itiyoophiyaa, qajeelfama adabbii 2/2006
yeroo qopha’uu dhimmoota irratti xiyyefateefi yakkoota kanaan dura sadarkaan qopha’eef
ilaalchiise qajeelfama adabbii kana keessattii haala kamiin akka fooyya’e kan ilaallu ta’a.
Leenjifamtoonni dhuma boqonnaa kana irraatti:
Qajeeltowwan murteessa adabbii seera yakka Itoophiyaa keessatti kaa’aman ni hubatu
Qajeeltowwan kana bifa qajeelfama adabbii waliin wal-simateen hojjitti olchuuf
dandeetti isaan barbaachiisu ni gonfatu,
Qajeelfama adabbii erga bahe kaase murteessa adabbii wajjiin wal-qabate jijjiramni
dhufee fi rakkoolee muudatan addan ni baasu,
Sababoota qajeelfamni akka fooyaa’uu taasiisan hubbachuun hojii irraa olma
qajeelfama adabbii haaraatiif ni carraaqu.
www.abyssinialaw.com
2.1. Qajeeltowwan Murteessa Adabbii Seera Yakkaa Itoophiyaa
Seera yakkaa Itoophiyaa keessatti qajeeltowwan murteessa adabbii adda addaa kaa’amani
jiru. Mataduree kana jalatti qajeeltowwan kun maalfaa akka ta’ani fi ababiilee qajeeltowwan
kana yaada keessa otoo hin galchiin murta’e kaayyoofi galma seera yakka irratti dhibaan inni
fidu kan ilaallu ta’a.
2.1.1. Kaayyoo fi Yaada Seerichaa Hordoofu
Seerrii yakka meesha dudhaalee hawaasa tokko/adda addaa/ ittin calaqiifamu fi
tarkaanfachiisu akka ta’e boqonnaa tokkoffaa keessatti ilaaluun keenya ni yaadatama.
Dudhaalee /sonawwan/ kunis dudha safuu, dinagdee, ykn siyaasaa ta’u ni danda’a. Yakkii
taate hawaasummaa waan ta’eef yeroo kamiyyuu namootni dhorkaa seeraan kaa’ame
biraadarbuun gocha yakka raawwachu ni danda’u. Yakkii kan raawwatamu yoo ta’e immoo
adabbiin wanta hafuu miti. Yaada kanarra kan hubatamuu seera yakka keessatti adabbii
jiraachuun isa mataisaatiin galma otoo hin ta’iin yakka akka hin raawwatamne galama
kaa’ame milkeesuuf tooftaalee seerichaan kaa’aman keessa isaa tokko akka ta’e kan
agarsiisuu dha.
Seerrii yakka nageenya fi tasgabbii uumataa eeguufi mirkaneessuu alatti meesha jijjiramaa
yeroo yerootti dhufu akkuma haala isaatti fudhachuudhaan itti fuufsiisuuf kan tajaajiluu dha.
Biyya keenya keessatti seeroota yeroo adda addaatiin bahan yoo ilaalle, seerrii inni tokko isaa
kan biraatiin bakka buusuuf dhimmotni akka sababatti dhiyaatan dudhaalee safuu, dinagdee,
ykn siyaasaa waliin kan wal-qabatan akka ta’an hubbachu ni danda’ama. Seerrii adaba yakka
bara 1949 A.L.I bahe hojii irraa ooluu erga jalqabee gara jaarraa walakkaatti kan siqee ta’u
isaafi yeroo kana gidduutti jijjiiramni bu’uuraa kan siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa
Itoophiyaa keessatti kan taasifaman waan ta’eef jijjiirama kana hunda booda raawwiin seera
adaba yakkaa bara 1949 A.L.I akka itti fufu taasisuun fudhatamummaa kan hin qabne akka
ta’e ibsameera. 26 Jijjiiramni dhufee kana waajjiin dhimmootni seera adaba yakka keessatti
akka yakkaatti hin fudhatamne, seera yakka keessatti akka gochoota yakkaati fudhatamani
jiru, dhimmootni seera adaba yakka keessatti akka yakkaatti kaa’aman tokko tokko immoo
haalli itti haqaman ni jira. Walumaagalatti, adabbiilee fi tarkaanfileen eeggannoo seera
26
Akkuma Lakk-19 Fuula-4
www.abyssinialaw.com
kanaan tumaman kaayyoo seerichi bira gahuuf yaade mirkaneessuuf haala itti danda’amun
bu’uura yaada seerichaatiin raawwatamuu ni qaba. 27
2.1.2. Haala Dhunfaa Yakkamaa, Ulfinaafi Ciimina Yakkiichaa ilaalluu
Qajeelto kana wajjiin wal-qabate oggeessotni seera yaadoota adda addaa ni tarkaanfachiisu.
Keessattuu adabbii murtaa’u keessatti ulfina yakkiichaa haala dhunfaa yakkamaa bakka
tokkotti madaaluun murta’a moo, adabbiin kan murtaa’u ulfina yakkiicha of-danda’e
madaalameeti gaaffiin jedhu dhimma deebii barbaadu dha. Gaaffii kanaaf deebiin kennamu
kaayyoo adabbii seera yakkaa biyya tokko maal akka ta’e kallatti kan ka’u dha.
Adabbiin kan murtaa’u ulfinaa yakkiichaa (Offense Seriousness) qofa irratti hudaa’un ta’u
qaba yaada jedhu yoo ilaalu dhimmota kan akka seenaa jireenya darbee yakkamaa, sababoota
yakka akka raawwatu isa kakaasaniifi kaayyoo yaada isaa, haala jireenya dhunfaa isaa,
sadarkaa barumsa isaa fi k.k.f gatii dhabsiisa. Adabbiin dhimmoota kana yaada keessa otoo
hin galchiin murtaa’u immoo, “Haloo bahu” ta’uun alati faayida biraa hin qabu. Kanaafuu,
Adabbiin murtaa’uu kan qabu, hanga balaafamummaa amala dhuunfaa raawwataa
yakkiichaa, seenaa jireenyasaa darbee, sababoota yakka akka raawwatu isa kakaasanii fi
kaayyoo yaada isaa, haala jireenya dhunfaa isaa, sadarkaa barumsa isaa, akkasumas, ciimina
yakkiichaa fi haalawwan raawwii isaa madaaluun ta’u qaba. 28 Yakkii raawwatame cimaa
ta’u fi dhisu isaa kan addaan baasnu keewwata seeraa yakkamaan balleessa itti jedhame
ilaaluudhaan. 29
2.1.3. Adabbii Baay’ee Salphaa Ta’e Irraa Eegalee Hanga Cimaatti Jiru Qorachu
Gotoota adabbii seera yakka keenya keessatti kaa’aman yommuu ilaalu, haalli seera baasaan
gochaa yakkaa tokkoof adabbii ka’umsa fi baaxii itti kaa’e ni jira. Tuumaaleen kutaa addaa
seerriichaa keessatti argaman akkuma eegamanitti ta’ee manni murtichaa adabbii baay’ee
salphaa ta’e irraa eegalee hanga adabbii cimaatti kan jiru of eeggannoon qorachuun tokkoon
tokkoon dhimmichaatiif adabbii barbaachisaa ta’e murteessu akka qabu tumameera. 30
Kewwatni kun Abbootiin Seeraa hanga danda’ameti yakkamtoota adabbii hidhaa
murtessuudhaan mana amala sirreessa keessatti sireefamtoota baayy’isurraa gocha yakka
raawwatameef seerriichaa keessatti filannoowwan adabbii kan biraa jiraachu isaani
27
SY RDFI keewwata-87
SY RDFI keewwata-88(2)
29
Moojulii Qajeelfama Adabbii Itoophiyaa, Wiirtuu Leenjii Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaatiin Kan
Qophaa’e; Desaaleeny Damaqaa, Almaawwu Walee fi Takiliit Yimsal; Bara 2005 Fuula 48
30
SY RDFI keewwata-88(3)
28
www.abyssinialaw.com
qulqulleessu akka qaban kan agarsiisu akka ta’e seerii kun yeroo bahu marii seera baastooni
godhan irraa hubbachu ni danda’ama. 31
2.1.4. Seera Qabeessummaa (Principle of Legality) Isaa Xiinxaluu
Akkaata qajeeltoo kanaan namni tokko gocha yakkaa seeraan hin tumamneen kan hin
gaafatamne ta’u isaa kan agarsiisu yommuu ta’u, dabalataan namni kamiyyuu bu’uura
seeraatiin murtii isa dhumaa ta’een yakka kanaan dura ittiin adabameen (tarkaanfiin seeraa
biroo irratti fudhatameen) yookiin bilisaan gadi lakkifameen irra deebi’ee himatamu yookiin
adabamu akka hin qabne heera mootummaa keenya dabalate, seera yakka fi waliigalteewwan
idilaa adduyaa biyya keenyan malateefaman irratti ibsamera. 32 Qajeeltoon kun oggeessoota
seera kan ta’an Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaaf haaraa yoo ta’uu baatees, qabatamaan
Manneen Murtii keessatti hojmaanni jiru yaada seerichaa kan hordofee miti. Kanamalees
qajeeltoon kun namni tokkoo adabbii gocha yakka inni raawwateef seerichaan hin
kaa’amneen adabamuu akka hin qabnee kan akeekkachiisu dha.
Dhimma 5ffaa
Dhimmi kun falmii Abbaa Alangaa Naannoo Tigraay fi Hagoos W/Mika’eel giddu kan ture
dha. 33 Yakkamaan seera yakkaa keewwata-556(2A) biradarbuun himatame balleessa ta’uun
isaa waan mirkanaa’eef adabbii qarshii dhibba shantiin adabameera. Miidhaamaan turtii
booda kan du’an yommuu ta’u ka’umsii du’a isaan miidhaan yakkamaan kun isaan irratti
geessee akka ta’e ragaan barruu waan dhiyaateef abbaa alangaa himana 2ffaa keewwata-540
jalatti yakkamaa irratti yommuu banu, manni murtii jalaa falmii bitaaf mirga irraa dhiyaate
erga dhagahe booda himatamaa keewwata- itti himatame jalatti balleessa qaba jechuun
adabbii hidhaa cimaa waggaa kudhanittin akka adabamu murteesseera. Manneen Murtii
dhaddacha ijibbaata Naannoo Tigraay fi Federaalaa dhimmichi ol’iyyannoon isaatti dhiyaate
murtiin Mana Murtii jalaatiin kenname heera mootummaa keewwata-23 fi seera yakka
keewwata-2(5) wajjiin kan walitti bu’u waan ta’eef dogngora bu’uura seera qaba jechuun
yakkamaa bilisaan akka gadidhifamu murteessani jiru.
Murtee dhaddachaa ijibbaataatiin kenname kun sirrii akka ta’e kan namaa wal-falmisiisu miti.
Dhimma kana irratti gama abbaa alangaatiinis ta’e Mana Murtiittin dogongoorri bu’uura
seeraa ta’e raawwatameera.
31
Akkuma Lakk-29 Fuula-48
SY RDFI Keewwata-2
33
Abbaa Alangaa Naannoo Tigraay fi Haqoos W/Mika’eel, Jilddi 13 Lakk-galmee 72304
32
www.abyssinialaw.com
Gaafii Marii
#
Dhimma kana ilaalchiise M/Murtii jalaa keewwata 556(2A) jalatti yakkamaan adabbii
qarshii 500(dhibba shan) adabuun isaa sirriidha? Maaliif?
2.1.5. Adabbiin Murtaa’u Sirri fi Kan Wal-fakkaatu Ta’u Qaba
Adabbiin murtaa’u tokko sirrii fi kan wal-fakkaatu ta’u isaa kan mirkanaa’u adabbiin sun
madaalawwaa, sababa gaha malee kan hin jijjiiramne, Nama hunda qixxeetti kan ilaalu fi
iftoomina kan qabu, akkasumas itti gaafatamummaa kan hordoofsiisu yoo ta’e dha.
Madaalamummaa /Proportinality/: Adabbiin murtaa’u tokko madaalamummaa qaba kan
jedhamu yakkaa himatamaan balleessa ittin jedhame qofa ilaaluun otoo hin ta’in, hanga
balaafamummaa amala dhuunfaa raawwataa yakkiichaa, seenaa
jireenyasaa darbee,
sababoota yakka akka raawwatu isa kakaasaniifi kaayyoo yaada isaa, haala jireenya dhunfaa
isaa, sadarkaa barumsa isaa, akkasumas, haalawwan raawwii yakkiichaa madaaluun ta’u
akka qabu yaada akeeku dha.
Wal fakkinaa /Consistency or Uniformity/: Yakkii hundu ka’umsa mataassa kan qabu waan
ta’eef sababni yakka isaa tokko, kan biraatiif haalli itti darbu hin jiru. Kana jechuun garuu,
garaagarummaa yakkoota gidduuti jiru Akkuma jirutti ta’e dhimma wal-fakkaata ta’an irratti
adabbii walitti dhiyaatu murteessu hin danda’amu jechu miti. Qajeeltoon kun Manneen
Murtii adabbii akka fedha isaanitti murteessuurra of-qusatani adabbii garaagarummaa bal’aa
hin qabne akka murteessan kan isaan dirqisiisu dha.
Nama Hunda Qixxeetti Ilaalu: Adabbiin yeroo murtaa’u sababoota garaagarummaa uumuuf
seerichaan hayyamaman alatti fayyadamuun dhorkaa dha. Adabbii murtaa’u namoota
gidduutti sadarkaa jireenya hawaasummaatiin, sanyiidhaan, sabaan, sablammmiidhaan, bifan,
saalaan, afaaniin, amantiidhaan, ilaalcha siyaasaa yookiin kan birootiin, qabeenyaan,
dhalootaan yookiin ejjennoo kan biraatiin garaagarummaa otoo hin uumiin hunda irratti wal
qixxummaan raawwatamaa qaba.
Iftoominafi Itti Gaafatamummaa: Iftoominafi Itti gaafatamummaan qajeeltowwan waliin
deemani dha. Abbootiin Seeraa murtee adabbii isaani sababa gaha ta’een deegarani haala ifa
ta’een dhiyeessu qabu. Murteen kennamuu sababa gaha ta’een deegarame haala ifa ta’een
www.abyssinialaw.com
akka dhiyaatu gochuun tilmaamamummaa adabbii mirkanneessu
bira darbe,
itti
gaafatamummaa kan mirkanneessuu dha.
2.2. Qajeelfama Adabbii Itoophiyaa
Abbootiin Seeraa bitaaf mirga ilaalanii daanga adabbii seerichaan kaa’ame keessatti akka
murteessan /discretion/ aangeessuun hojiimaata yeroo amma kanaan barbaadamu yoo
ta’ellee, hojiimaatni kun rakkoo kamiyyuurra qulqullu dha jechu miti. Keessattuu daanga
adabbii Gad-aanaa fi ol’aanaa (baaxii) seerichaan kaa’ame gidduutti adabbiin haala kamiin
murtaa’u akka qabu kallatti kan qabsiisuu hojiimaata ifa ta’e yoo hin jiraanne dhimmoota
wal-fakkaatan
gidduutti
garaagarummaa
hin
barbaadamne
waan
hordoofsiisuuf
amanamuummaa sirna haqaa yakka biyya tokko gaaffii keessaa kan galuu ta’a.
Yeroo amma kana hanqinaalee gama adabbii sirrifi wal-fakkaatu murteessuu wajjiin walqabate mul’atuuf qajeelfama adabbii dirirsuun hojiirra olchuun akka furmaata tokkotti
baratmaa dhufeera. Biyya keenya keessattis sirrummaa akkaata murtii adabbii fi wal
fakkaattummaa isaa mirkaneessuuf Manni Murtii Waaliigalaa Federaalaa qajeelfamani
adabbii baasuu akka qabu seera baasaan murteessera. 34 Manni Maree Bakka Bu’oota
Uumatoota Itoophiyaa barbaachiisummaa qajeelfama adabbii ilaalchiise marii gaggeesseen
adabbiin abbootti seeraatiin murtaa’u tokko ta’u kan hin qabne yoo ta’ellee sirrummaa
adabbiifi wal fakkaattummaa isaa mirkanneessuuf Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa SY
keessatti adabbii ka’umsaa fi baaxii kan kaa’ame ta’u isa fi filannoowwan adabbii adda addaa
jiraachu isaani bifa yaada keessa galcheen qajeelfama adabbii baasuu akka qabu akeekeera.
Marii Manni Maree bakka bu’oota Uummataa gaggeesse kana irraa kan hubatamuu
qajeelfamni adabbii dhimmoota wal-fakkaatanfi walitti-dhiyaatan irratti hanga danda’ametti
adabbii walitti-dhiyaatu murteessuudhaaf kan gargaaru ta’u akka qabu.
Qajeelfama adabbii hojiirra olee rakkoowwan gama aangoo Abbootii Seeraatiin ka’a turan
furuudhaaf kan gargaaruu yoo ta’eelee ammas akka yaadamee kanaatti hojjachuun qofti
kaayyoo qajeelfamiichaan yaadame galama gaha jechuun rakkisaadha. Sababni isaas
Abbootiin Seeraa sababa waliigalaa adabbii salphiisu ykn cimsu gahaa ta’e kan biraa seeraan
ifatti hin tumamne yoo argatan madaaluun adabbii murteessuudhaaf itti fayyadamu akka
danda’an SY keewwata-86 jalatti kan ibsame jiru waan ta’eef kun immoo Abbootii Seeraa
34
SY RDFI Keewwata-88(4)
www.abyssinialaw.com
gidduutti gargaagarummaa adabbii murteessu uumuu waan danda’uuf yeroo hunda adabbii
wal-fakkaatu ni murta’a jedhani yaaduun hin danda’amu.
2.2.1. Qajeelfama Adabbii Itoophiyaa 1/2002 Fooyyeessuudhaaf Dhimootni Akka
Sababaati Dhiyaatan
Akkuma beekamu qajeelfamni adabbii Itoophiyaa 1/2002 hojii irraa erga olee umrii waggaa
Sadii lakkoofsiiseera. Waggaa Sadii kana keessatti dhimmoota murta’an wajjiin wal-qabatee
qajeelfamnchii rakkoo tokko tokko kan qabu akka ta’e hubatameera. Mataduree kana jalatti
dhimmoota qajeelfama adabbii fooyyeessuuf akka sababaatti eeraman keessa isaan muraasa
gabaabina kan ilaallu ta’a.
2.2.1.1. Sadarkaa Yakkoota Qopheessuuf Ulaagaalee Seerricha Keessatti Kaa’aman
Alatti Fayyadamuu
Yakkoota tokko tokkoof bu’uura ulaagaalee/ firii dubbii/ seericha keessatti kaa’ameen
sadarkaan kan qophaa’e yoo ta’ellee, yakkoota biroof immoo firii dubbii keewwaticha jalatti
hin kaa’amane fayyadamuun haalli sadarkaa yakkoota qopheessuuf itti hojatame ni jira.
Yakkaa hanna ilaalchiise hangi faayidaa argamee hanga qarshii 100tti yoo ta’e danbii
darbuutiin kan ilaalamu waan ta’eef sadarkaa yakkiichaaf qophaa’e keessa hin galfamne.
Yaadani qajeelfamicha irratti kaa’ame kun yaada SY keessatti kaa’ame waliin yommuu
ilaalamu rakkoo kan qabu akka ta’e hubbatameera. Kunis yaadni keewwata-665 jalatti
kaa’ame badhaadhina hin malle argachuuf yookiin nama biroof argamsiisuuf yaaduun
qabeenyaa nama biroo kan ta’e.... kan jedhu irratti xiyeefataa malee hanga qarshii faayidaa
argameeratti miti. Dabalataan yakkii tokko raawwatamuu qofa otoo hin ta’iin sadarkaa
yaalittis haalli nama gaafachiisu ni jira. Kanaafuu yakka hanna qarshii dhibba tokko gadi ta’e
danbii darbuudhaan nama gaafachiisa jedhame sadarkaan otoo isaaf hin qopha’iin hafuun isaa
yaada deegarsa seera hin qabne dha. Kanamalees, yakka miidhaa qaamaa cimaa wajjiin walqabate miidhaan gahe kan fayyuu danda’u/hin dandeenye jedhame akka ulaagaati kaa’ame
qaamni nama yeroo tokko erga miidhaame booda yoo fayyelee tajaajilli inni kennuu akka
uumamaan tureti hin ta’u falmii jedhu waan kaasiiseef ulaagaan kun akka haqamu
taasifameera.
Yakka malaammatummaa ilaalchiise yakkamaan kan himatamee SY keewwata- 407(1) ykn
(2) jalatti yoo ta’ellee murtiin adabbii yeroo murtaa’u kaayyoo yakkiichi itti raawwatame
cimaa ol yommuu ta’u SY keewwata- 407(1) keessatti kan kufu ture keewwata 407(2) jalatti
www.abyssinialaw.com
kufa, kan keewwata-407(2) jalatti himatame keewwata- 407(3) jalatti akka adabamu
sadarkaan bahe qopaa’uun isaa qajeeltoo seera kan hin hordoofne dha. Aangoo yakkamtoota
ilaalchiise kanaan dura akka bu’uurati kan fudhatame ala labsii koomishinni farraa
malaamaltummaa naannoolee hundeessuuf bahanfi seeroota biroo keessatti hiikaan “Abbootii
Taayitaaf” kenname akkuma jirutti akka fudhatamu taasifameera.
2.2.1.2. Itti Fayyadamaa Sababoota Adabbii Cimsa fi Salphiisan
Sadarkaan yakkiichaa erga addaan bahe boodafi adabbii ka’umsa erga murta’e booda gareen
falmiitoon sababoota adabbii cimsuu fi salphiisu akka dhiyeessan ni taasifama. Sababootni
kun seerichaa keessatti yeroo kaa’aman adabbii cimsuu fi salphiisuuf faayida /value/ isaani
garaaggarummaa akka qabu wanta kaa’ame hin jiru. Haata’umalee haalli qajeelfamni adabbii
itti qophaa’e yeroo ilaalu sababootni adabbii salphiisan ciiminaa adabbii gocha yakka
yakkamaan raawwate balleessa ittin jedhame irratti hundaa’u akka guudatu kan taasifame
yommuu ta’u, sababootni adabbii cimsan garuu gattii wal-fakkaatu akka qabaatan
taasifameera. Kanarra kan ka’e adabbii murtaa’u kaayyoo seerichaa galmaan gahu irratti
dhiiba akka uumu godhe jira. Kanaafuu, qajeelfama adabbii isa haaraa keessatti ciiminaa
adabbii gocha yakka yakkamaan raawwate garaagarummaa yoo qabaatees sababa adabbii
cimsuu ykn salphiisu tokkotiin fayadamuun guulataan manni murtii dabalu ykn hir’su tokko
akka ta’uu taasifameera.
2.2.1.3. Tilmaamaa Qabeenyaa
Tilmaama qabeenyaan wal-qabatee qajeelfama 1/2002 keewwata-22(1,2) irratti
Yakkichii
qarshii biyya alaa irratti kan raawwatame yoo ta’e, jijjiraan yeroo adabbii murtaa’u akka
herragamee adabbii akka murtaa’u ka’ee jira. Kun immoo jijjiramaa dandeetti bitu qarshii
yeroo yerooti mul’atu wajjiin wal-qabate adabbii madaalawwaa yakkamaa irratti akka hin
murtoofne taasiisu ni danda’a. Kanarraa kan ka’e qajeelfama 2/2006 keessatti Yakkichii
qarhii biyya alaa irratti kan raawwatame yoo ta’e, jijjiraan yeroo Yakkichii raawwatameetti
jirun herragamee akka murtaa’u godhameera.
Dabalataan tilmaama qabeenyaa ilaalchiise gama himatamaatiin mormii yoo ka’uu baateelee,
manni murtii tilmaamni gama abbaa alangaatiin dhiyaate irraa kan ka’e haqani ni jalataa
jedhe kan amanu yoo ta’e, tilmaamni qabeenyiicha akkuma barbaachisummaa isaatti akka
qulqula’u ajaju ni danda’a. Kanamalees amala addaa qabeenyichii qaburraa kan ka’e abbaan
alangaa himanna isaa keessatti qabeenyaa sanaaf tilmaama qarshii baasuu kan hin dandenyee
www.abyssinialaw.com
yoo ta’e, manni murtii kallatii mataa isaatiin sirrii dha jedhe haala itti amaneen murtii kennuu
ni danda’a.
2.2.1.4. Sadarkaan Kan Qophaa’e Yakkoota Muraasaaf Waan Ta’eef
Seerrii yakka biyya keenya gochoota yakkaa baay’ee kan of-keessatti qabu yoo ta’ellee
qajeelfamni adabbii yakkaa 1/2002 yakkoota muraasa qofadhaafi sadarkaa kan qopheesse.
Manni murtii Waliigalaa Federaalaa qajeelfamiicha yeroo baasuu kallattin inni hordoofe
yakkoota hundaaf yeroo tokkoti sadarkaa baasuu otoo hin ta’iin, yakkoota murta’aniif
sadarkaa baasuun yakkoota hafaniif immoo akka waliigalaatti toofta sadrkaan isaani itti
hojjatamu ka’uun adeemsaan yakkoota hafanifiis sadarkaa qopheessu (Progressive Approach)
isa jedhamu dha. Haalumaa kanaan yakkooni muraasa kanaan dura sadarkaa hin baaneef
sadarkaa qopheessuun barbaachiisa akka ta’e hubatameera.
Sababootni armaan olitti kaa’aman akkuma jirantti ta’e, qajeelfama adabbii Lakk-1/2002
kutaa adda seerichaa keessatti adabbii hidhaa cimaafi salphaa filannoodhaan yeroo kaa’aman
maal irratti hundaa’udhaan lamaan keessa tokko filachu akka qabnu wanta ifatti kaa’ame hin
jiru. Adabbii qarshii ilaalchiise haalli gulantaan adabbii isaa itti qophaa’e adabbiilee seeroota
adda addaa keessatti kaa’aman yaada keessa kan hin galchiinee ture. Haaluma kanaan
rakkooleen kun qajeelfama adabbii Lakk-2/2006 keessatti deebii gaha ta’e akka argatan
taasifameera.
2.2.2. Dhimmoota Qajeelfamni Adabbii Itoophiyaa Lakk-2/2006 Irratti Xiyyeeffate
Qajeelfamni Adabbii Itoophiyaa Lakk-2/2006 kutaa 6tti kan qoqqodame yommuu ta’u,
kutaan inni jalqabaa tuumaalee waliigalaa kan off-keessatti hamate dha. Hiikkoo jechoota
ilaalchiise qajeelfama adabbii 1/2002 irratti jecha “Mana Murtii” jedhuuf kenname keessattuu
Mana Murtii dhimma yakka ilaaluudhaaf seeraan angeefaman kanneen akka Mana Murtii
loltuu kan of-keessatti hin hamanne dha yaada jedhuun qeeqaamaa waan tureef, jecha kanaaf
hiikkoo “dhimmoota yakka ilaaluudhaaf qaamni seeraan angeefame” jedhu kennuun akka
siraa’u taasifameera. Kaayyoo qajeelfamiicha ilaalchiise isa kanaan duraa bifa waliigalaattiin
kan kaa’ame waan ta’eef, yaadichaa caalmaati ifa gochuudhaaf carraaqiin taasifameera.
Kunis: kaayyoon qajeelfamicha adabbiin haala iftoomina qabufi itti gaafatamummaa
hordoofsiisun akka murtaa’ufi akkasumas sirna bu’aa qabeessuummaafi tilmaamamuummaa
adabbii cimsuu akka ta’e ifatti kaa’amera.
www.abyssinialaw.com
Adabbii ka’umsaa gulantaa inni kufee keessatti haala kamiin murteessuu danda’ama yaadni
jedhu kanaan dura qabxii baay’ee falmiisiisa ture dha. Fkn: adabbiin ka’umsaa hidha gulantaa
29ffaa jalatti kan kufuu yoo ta’e gulantaa kun hidhaa cimaa waggaa 10 hanga 12 kan nama
adabsiisuu waan ta’eef kana gidduutti waggaa 10 fi baatii 3 hanga waggaa 11 ykn…
murtessuuf, maal irratti hundaa’u qabna? Sababoota adaabbii cimsanii fi salphiisaniin yoo
fayyadamne rakkoo kan fidu akka ta’e ifa dha. Kanaafuu sababoota SY keewwata-88(2)
jalatti tarreeffaman keessaa sababoota adabbii cimsuuf ykn salphiisuuf SY keewwata 84 fi 82
jalatti hin kaa’amne irratti hunda’uun (amala yakkiicha xiinxaluun) adabbii ka’umsaa ni
murtessuu. 35 Tumaan kun rakkoo kanaan dura gama kanaan ture guutuumaan guutuutti furuu
ni dandesiisa yoo jedhamu baatees, rakkichaa salphiisuuf ni gargaara yaada jedhu gama koree
qopheesiitoota qajeelfamichaatiin ni jira. Kanamalees, yakkoota hawaasa irratti balaa cimaa
geesiisa jiran kanneen akka yakka hanna, miidhaa qaamaa cimaafi maallaqa baasuu otoo hin
qabaatiin cheekii irratti ajaju fi k.k.f irratti adabbii ka’umsaa gad aanaa kutaa adda seerichaa
keessatti kaa’ame hamma ta’een ol buutuun akka qopha’uu taasifameera.
Qajeelfamichaa keessatti gabatee adabbii hidhaafi qarshii kan kaa’aman yommuu ta’u,
kayyoon isaaniis wal fakkaattummaa adabbii mirkaneessudha. Gabatee adabbii hidhaa
gulantaa 39 kan of-keessa qabu yoo ta’uu, gulantaa 1 hanga 15 garaagarumaan isaani baatii
jaha taasifameera. Gabatee adabbii qarshii ilaalchiise gulantaa 23 kan qabu yoo ta’uu, adabbii
qarshii seeroota adda addaa bifa yaada keessa galcheen hanga qarshii miliyoonaa lama oliin
qophaa’era.
2.2.2.1. Sadarkaa Yakkootaa Qopheessuu
Bu’uura qajeelfama adabbii Itoophiyaa Lakk-2/2006tiin sadarkaa yakka jechuun haala
raawwii yakkiichaafi ulfina isaarra kan ka’e yakkoota wal-fakkaatan sadarkaa wal-fakkaatu
irratti akka kaa’aman ulaagaa yakkiichaa kan of-keessatti qabu dha. 36 Akkuma beekamu
seera baasaan gocha yakka tokkof adabbii ka’umsafi baaxii gidduutti daangaa bal’aa ta’e kan
kaa’ame namoota keewwata- seera wal fakkaatu jalatti balleessa jedhaman gidduutti adabbiin
murtaa’u garaagarummaa akka qabaachuu danda’u kan agarsiisu dha. Kanaafuu keewwata
seeraa tokko keessatti sadarkaan adda addaa jiraachu ni danda’a.
FKN: Seera yakka keewwata-407(2) jalatti adabbii hidhaa kaa’ame yoo ilaale, nama
keewwata- kana jalatti balleessa jedhame tokko adabbii cimaa waggaa 7-15 adabamu akka
35
36
Qajeelfama Adabbii Itoophiyaa Lakk-2/2006 Keewwata-4(1)
Akkuma Lakk-35, Keewwata-2(2)
www.abyssinialaw.com
danda’u seerichaan tumameera. Seera baasaan adabbii ka’umsaa fi baaxii gidduutti daangaa
bal’aa ta’e ka’uun isaa Abbootiin Seeraa ijoo dubbii yakkiichaa hundeessudhaaf seerichaan
kaa’aman madaaluun sadarkaa yakkiichaa baasuun adabbii akka murteessani dha. Kanaafuu,
qajeelfamni adabbii hojiirra oolchuun yaada haaraa burqisiisani hojiirra olchuun adabbii akka
murtaa’u gochu otoo hin ta’iin, Abbootii Seeraa giddutti haalawwan raawwii yakka tokkoof
tilmaamni isaan kennan garaagarummaa qabaachu waan danda’uuf garaagarummaa uumamu
kana dhiphisuudhaaf yaadame kan tumame akka ta’e dhimma hubatamu qabu dha.
Keewwata-
407(2) jalatti firiilee dubbii kaa’aman
yeroo
ilaallu:
kaayyoon
itti
gaafatamummaan ykn dirqamni kun akka cabu barbaadameef, hammi faayidaa argamee/
miidhaa qaqqabe, sadarkaa aangoo yookiin itti gaafatamummaa balleessichaa akka ulaagaati
kaa’amani jiru.
Ulaagaalee kunniin cimaa ta’ufi dhabu isaani mirkanneessuun adabbii
ka’umsaa akka ol’guddatu ykn gadi bu’uu ni taasiisa. Tokkoon tokkoon yakkootaaf sadarkaa
qopheessuun rakkoolee adabbii wajjiin wal-qabate mul’atu guutuumaan guutuutti kan
dhabamsiisu yoo ta’uu baatees, rakkoolee kana hir’isuudhaaf kan dandeesiisu akka ta’e afaan
guutuudhaan dubachu ni danda’ama.
2.2.2.2. Haala Adabbiin Ka’umsaa Itti Murtaa’u
Sirrummaan murtii adabbiifi wal fakkaattummaa isaa mirkaneessuuf dhimmoota gargaaran
keessa tokko ka’umsii adabbii akka walitti dhiyaatu gochuu dha. Bu’uura qajeelfama adabbii
Itoophiyaa Lakk-2/2006 keewwata 2(3)tti adabbii ka’umsaa jechuun manni murtii sababoota
adabbii cimsanii fisalphiisan kan waliigalaafi addaa otoo yaada keessa hin galchiin gulantaa
adabbii bu’uura godhachuun adabbii murtaa’u dha. Kanawajjiin wal-qabatee gaaffiin ka’u
adabbii ka’umsaa kutaa adda seerichaa keessatti kaa’ameen alatti haalli adabbii ka’umsaa itti
murteessuu dandeenyu ni jira moo? miti? kan jedhudha.
Yakka tokkorratti sababoonni adabbii cimsaniifi salphisan yommuu walirraa bu’an, manni
murticha dursee sababoota adabbii cimsan tilmaama keessa galchuun adabbicha cimsee, itti
aansuun sababoota adabbii salphisan bu’uura godhachuun adabbicha hir’isuu akka qabu SY
irratti tumameera. 37
Tuma
kanarraa
kan
hubatamuu
adabbii
cimsuudhaafis
ta’e
salphiisuudhaaf dursinne ka’umsaa adabbii qabaachu akka qabnu kan agarsiisu dha.
Qajeelfamni adabbii otoo hojiirra hin oliin duura Manneen Murtii keessatti duraa duubaan
adabbii murteessu ilaalchiise hojiimaatni qajeeloo ta’e hin ture. Adeemsa kanaan dura ture
37
SY RDFI Keewwata-189(1)
www.abyssinialaw.com
yommuu ilaalu, Abbootiin Seeraa adabbii ka’umsaa otoo hin murteessiin yaada adabbii bitaaf
mirga irraa dhiyaatu fudhachuun adabbii murteessa turanirru. Kanaarra kan ka’e adabbiin
maal irraa ka’ee akka cimee ykn salphate hubbachuuf ulfaata ta’urraa darbe rakkoo sirrumma
murtii adabbiifi wal fakkaattummaa isaa mirkaneessu hin danda’amne ture. Abbootiin Seeraa
tokko
tokko
immoo
sababoota adabbii cimsanii
fi
salphisan
fudhachuun dura
barbaachiisummaa ka’umsaa adabbii ka’uu kan itti amanan fi itti hojjachaa turaniiru.
Haata’umalee ka’umsaa adabbii walakaa adabbii kutaa adda seerichaa keessatti kaa’ame ta’u
qaba jedhani haalli itti kaasan ni jira. Tooftaan kun gaarrii kan fakkaatu yoo ta’elee,
gadifageenyaan yeroo qoratamu hir’ina matassaa kan qabu dha.
Seera yakkaa keewwata 88(3) jalatti manni murtichaa adabbii baay’ee salphaa ta’e irraa
eegalee hanga adabbii cimaatti kan jiru of eeggannoon qorachuun tokkoon tokkoon
dhimmichaatiif adabbii barbaachisaa ta’e murteessu akka qabu tumameera. Keewwatni seera
kun kallattidhaan waa’ee adabbii ka’uumsa kan duubatu yoo ta’uu baatees, yeroo kamiyyuu
taannaan adabbiin ka’umsaa adabbii kutaa adda seerichaa keessatti kaa’amera ka’uun
Akkuma barbaachisuuma isaatiin kan ol’guddachaa deemu akka ta’e kallatti kan ka’u dha.
Kanaafuu, Abbootiin Seeraa adabbii ka’umsaa yeroo kaa’an yaada amansiisafi sababadhaan
deegarame kan isaan irraa eegamu ta’a. Kun yoo ta’e immoo adeemsii kun adeemsaan cimaa
fi ifa ta’a deemaa jechuu dha.
2.2.2.3. Itti Fayadamaa Sababoota Adabbii Cimsanii fi Salphiisan Wal-fakkeessuu
Sadarkaa yakkiichaafi adabbiin ka’umsaa erga beekame booda garee falmiitootarra yaada
adabbii akka dhiyaatu ni taasifama. Sababootni adabbii cimsanii fisalphiisan kun adabbii
akka adabbii ka’umsaati fudhatame ol-guddisuun ykn gadi-buusuun adabbii isa dhuma akka
murtaa’u taasiisa. Jiraachu fi dhabamu sababoota adabbii cimsanii fi salphiisan yakkamtoota
keewwata seera tokko jalatti balleessa jedhaman adabbii isaani akka walitti dhiyaatuu ykn
garaagarummaa akka qabaatu ni taasiisu. Galmi sababoota kun qaban adabbiin madaalawwaa
yakkamtoota irratti akka murtaa’u taasiisu yommuu ta’u, bu’aan isaanis naanna’ee naanna’ee
kaayyoo fi galama seera yakka milkeessu dha.
“If sentencing factors are not conceptually and systematically applied, the public
image of sentencing will suffer. Poorly understood sentencing factors can be
source of much public and media criticism”. 38
38
Julian v. Robert (ed),Mitigation and Aggravetion at Sentencing, Cambrige University Press, 2011, p-253
www.abyssinialaw.com
Yaada kana gara Afaan Oromooti hiikuun yommuu ilaallu sababoota adabbii cimsanii fi
salphiisan haalaan hubatanii hojiirra oolchuu kan hin danda’amne yoo ta’e hawaasni
sirna murteessa adabbii irraa amanta dhaba yaada jedhu qaba. Adabbiin nama irratti
cimuu hin qabnerraatti yoo cimee ykn faala kanaan yoo salphaate rakkichii yakkamaa
ykn miidhaamtoota qofa irratti daanga’ee kan haafu otoo hin ta’iin hawaasa irrattis kalatti
adda addaatiin kan calaqiisu ta’a.
Kanawajjiin wal-qabate gosaa adabbii yakkaman adabamuufi hanga ka’umsaa adabbii
kutaa addaa seerichaa keessatti kaa’aman irratti hundaa’uun haalli adabbiin akka salphatu
ittin taasifamaa ture rakkoo armaan olitti kaasne kan fidu akka ta’e waan hubatameef,
rakkoo kana furuuf sababoota adabbii cimsanii fisalphiisan ulfaatina wal-fakkaatu akka
qabaatan qajeelfama kanaan taasifameera.
2.3. Yakkoota Kanaan Dura Sadarkaa Isaaniif Qopha’ee Ilaalchiise Qajeelfama
Adabbii 2/2006 Keessatti Sireeffama Taassifamme
Qajeelfama adabbii Lakk-1/2002 keessatti yakkoota shan ta’aniif sadarkaan kan qophaa’ee
yommuu ta’u, sababoota armaan olitti kaasneen yakkoota kanaaf qajeelfama adabbii 2/2006
keessatti irraa deebiin sadarkaan isaani akka qophaa’u taasifameera. Tokkoon tokkoon
yakkootaaf jijjiramni taasifamee maal maal irratti kan xiyeefate akka ta’e akka armaan gaditti
kan ilaalu ta’a.
2.3.1. Seeraan Ala Aangootti Fayyadamuu (SY Keewwata- 407)
Yakkoota hojii mootummaa iratti raawwataman keessaa sadarkaa fi gulantaan kan ba’eef
keewwata-407 yoo ta’uu qajeelfama adabbii kanaan duraa keesattis sadarkaan kan ba’eef yoo
ta’uu rakkoo tokko tokko ni qaba jedhame waan amanameef akka fooya’uu taasifameera.
Rakkoolee keewwata- kun qaba jedhame boqonnaa 2ffaa keessatti waan kaa’amef asitti irra
deebi’uun barbaachiisa miti. Yakka seeraan ala aangootti fayyadamuuf sadarkaan yommuu
ba’uu firiin dubbii hojii irraa akka olan taasifaman keewwata-407(2) jalatti kan jiran yommuu
ta’an, isaaniis sadarkaa aangoo/taayitaa, fayidaa argame ykn argamuuf yaadame yookiin
miidhaa dhaqabe yookiin dhaqabuuf yaadamee fi kaayyoo Yakkichii raawwatameef ilaalcha
keessa galchuun dha.
Keewwata kana keessatti firiiwwaan dubbii kun mata isaanitiin hiikkoo kan barbaadan yoo
ta’uu, SY fi labsiilee adda addaa xiinxaluuudhaan kaayyoo qajeelfama kanaatiif
angoo/taayitaan kan jedhuu iddoo 3 tti qooqodamee ilaallameerra. Isaanis:
www.abyssinialaw.com
Aangoo/taayitaa Ol’aanaa, Giddu galessa fi Gad-aanaa jedhamu. Aangoot/taayitaa
ol’anaan kan jedhaman aangoowwan labsii komishinii farra malaamaltummaa
Federaalaa hundeessuuf bahee Lakk- 433/1997 keewwata 2(5) jalatti kan
ibsameedha. Keewwatichii akkas kan jedhuu dha. 39
"Public Official" “means members of the Houseof People's Representatives and of the
House of the Federation, officials of the Federal Government above ministerial rank,
ministers, state ministers, vice ministers, commissioners, vice commissioners, judges of the
Federal Supreme Court, members of Regional State Councils, officials of the Regional State
above the Regional State bureau heads, Regional State Bureau heads, judges of the Regional
State Supreme Court, Council members of the Addis Ababa City Administration and the Dire
Dawa Administrative Council, officials of the Administration above Bureau heads, Bureau
heads and such other officials of the Federal, Regional, Addis Ababa City Administration and
Dire Dawa Administrative Council of equivalent rank.”
Aangoo/ Taayitaa/ Gidduu-galeessa kan jedhuu ammoo Aangoo Ol’aanaa kessatti kan hin
ibsamne ta’e garuu itti gaafatamtoota murtee murteessuu danda’an,jechuun Itti gaafatamtoota
Qajeelchaa, Abbootii Hdeemsa hojii, Hojjatoota itti waamamnii isaanii itti gaafatamoo
ol’aanoo mana hojiif ta’an, Itti gaafatamtoota Godinaa, Itti gaafatamtoota Aanallee fi
Aanollee fi Godinaaleetti itti gaafatamtoota qajeelchaa fi isaan kanaan kan walfakkina qaban
kan dabalatu dha. Taayitaa Gad aanaan ammoo aangoo jiddu galleessaa keessatti kan hin
kufne ta’ee, hojjatoota mootummaa gulantaa gadi’aanaa irattii hojjatan kan ta’anii dha.
Qajeelfama adabbii kana keewwata 11(3) jalatti hiikaan taayitaaf kenname akkuma jirutti ta’e
labsiilee Koomishinii Farra Malaammaltummaa Naannolee hundeessuuf bahanii fi Seerota
biroon roggummaa qabaniin hiikkoo kenname kan dabalatuu dha. 40 Hiikkoon kun qajeelfama
duraanii keessattii kan hin haamatamneefi qajeelfama fooyya’ee kanaan garuu sirna
Federalizimii kabajuuf haamachiisamuuf kan yaadamee ta’u hubatamuu qaba. Fkn Labsii
koomishinii naamusaa fi farra malaammaltumaa
mootummaa
naannoo
Oromiyaa
hundeessuuf bahe Lakk-71/1995 seera dhimmichaaf rogummaa qabu keessaa tokko yoo ta’uu
keewwata 2(6) jalatti: “Abbaa Tayitaa” “jechuun nama kamiyyuu mana hojii mootummaa
yookiin dhaabbata misooma mootummaa keessatti itt-gaafatamummaan akka tajaajjilu kan
39
40
Akkuma Lakk-35 Keewwata 11(3)(B)
Akkuma Lakk-35 Keewwata 11(3)(D)
www.abyssinialaw.com
muudame, kan ramadame, qacarame, ykn uummataan kan filatame jechuudha” jedhe hiikaa
kennee jira.
Akka hiikaa kanaattii abbaa taayitaa /puplic officials/ kan jedhaman mana hojii mootummaa
keessattii nama itti gaafatamummaan akka hojjatuu muudamee,qacarame, ramadame yookaan
ammoo ummataan filatamee kamuu kan dabalatuu waan ta’eef fkn bulchaan gandaa
magaalaa Oromiyaa keessaa jiru tokko abbaa taayitaa jedhamu akka danda’u kan ibsu dha.
Kana jechuun ammoo abbaa taayitaa jedhamanii labsii Lakk-433/97 keewwata 2(5) keessatti
warreen yaamaman taayitaa ol’aanaa akka qabanittii qajeelfama adabbii keewwata 11(3) (A)n
hanga ramadamanittii kan naannoos bu’uura qajeelfamichaan abbootii taayitaa warren
jedhaman angoo/taayitaa ol’aanaa warren qabanii dha jechuun ni danda’ama. 41Kun ammoo
sadarkaa mootummaa Federaalatti namnii Angoo/taayitaa gad aanaatti ramadamuu tokkoo
sadarkaa mootummaa Naannoottii ammoo Taayitaa ol’aanaatti ramadamuu ni danda’a.
Dhimmi kun ammoo hangam haqummaa qaba falmii jedhuu kaasisuu kan danda’u akka ta’e
hubatamu qaba.
Yakka kanaaf sadarkaa baasuuf firiin dubbii bu’uura ta’ee inni 2ffaan ammoo Faayidaa
argame yookaan argamuuf yaadamee yookaan miidhaa dhaqabee yookaan yaadamee
irratti kan xiyeefatu dha. Raawwii qajeelfama kanaatiif faayidaa argame ykn argamuuf
yaadamee ykn miidhaa dhaqabee ykn yaadamee iddoo 5 ttii kan qoqodame yommuu ta’u,
Isaanis,
 Faayidaa/miidhaa baay’ee Ol’aanaa hanga maallaqa qarshii 500,000 ol yoo ta’ee,
 Miidhaa/faayidaa Ol’aanaan qarshii 100,001 hanga 500,000,
 Giddu galeessii qarshii 25,001 hanga100,000
 Gad aanaan qarshii 1001 hanga 25,000 fi
 Baay’ee gadi’aanaa ammoo hanga maallaqa 1000 kan ga’uu dha.
Faayidaan argamee ykn miidhaan dhaqabee maallaqan tilmaamanii ka’uun kan hin
danda’amnee yoo ta’ee mannii murtii sababa isaa ka’uun sadarkaa isaa kan murteessu ta’a 42.
Qabxiin inni dhumaa ammoo kaayyoo yakkichii raawwatameef kan ilaallatu dha. “Kaayyoo
Cimaa”tiif hiikaan kennameef labsii komishinii farra malaamaltummaa Federaalawwaa
hundeessuuf fooyya’ee ba’e Lakk-433/1997 keewwata 2(9) (A,C) jalatti hiikkoo kennameen
41
42
Akkuma Lakk-35 Keewwata 11(3)(D)
Akkuma Lakk-35 Keewwata 11(6)
www.abyssinialaw.com
yakka raawwatame yoo ta’e dha. 43 Hiikkoo keewwata kana jalatti kenname yoo ilaallee
yakka malaammaltummaa cimaa (Serious Corruption Offence) tiif kenname kallattiin
kaayyoo cimaaf akka raawwatameetti fudhatamee sadarkaa yakkiicha baasuuf hojiirra akka
olu taasifameera. Keewatichaa yommuu ilaaluu:
Article 2(9) "Serious Corruption Offence" means
a) Corruption offences involving huge amount of money committed in highly strategic Public
Office and Public Enterprise; or
c) Corruption offences which cause or capable of causing a grave danger to the national
sovereignty, economy, security or social life.
Keewwata kana keewwata xiqqaa “A” irraa kan hubannuu yakkii malammaltummaa
raawwatamee sun maallaqa guddaatii kan tilmaamamuu yoo ta’ee fi waajjira mootummaa fi
dhabbata misoomaa mootummaa faayidaa tarsiimawaa (strategy) ol’aanaa qabaniirratti
yakkoota raawwataman akka ta’e ni hubachiisa. Kaayyoon cimaa sadarkaa seera yakkaa
keewwata 407(2fi 3) baasuuf qofa kan hojiirra oolee yoo ta’uu keewwata 407(1) keessattii
faayidaa/miidhaa dhaqabee ykn ni dhaqaba jedhamee yaadamuufi angoo/taayitaa qoftii hojii
irra akka oolee sadarkaa yakkiichaaf ba’ee ilaaluun beekuu kan danda’amuu dha. Kanaafuu
bu’uura kanaan SY keewwata 407(1) sadarkaan 5, SY keewwata 407(2) sadarkaan 4
akkasumas keewwata 407(3) ammoo sadarkaaleen Sadii qopha’eera. Dhumarratti wantii
dagatamuu hin qabnee yakkii aangoon garmalee fayyadamuu kan raawwatamuu faayidaa
ofiif yookiin nama sadaffaaf argamsiisuuf akka ta’e beekamaa ta’ulleen yakkamtichii
yerootokko tokkoo fayidaan argatee ykn argamsiisefi miidhaan dhaqabee kan walcaalu ta’uu
ni danda’a. Yeroo kana lamaan keessaa isa caaluu fudhachuun itti fayadamuu ykn sadarkaa
isaa addaan baasuu akka qabnu qajeelfamichii ni dirqisiisa.
FKN: Itti gaafatamaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa kan ta’an obbo Roorrisaan
magaalaa
Adaamaa keessaa nama mana qoricha qabu tokkorraa qarshii 24,000 fudhachuun aangoo
isaattii fayyadamee mana qorichaa maddii nama qarshiicha kennee qabeenyummaan isaa kan
Addee Qorichee ta’ee sababa sirrii hin taaneen akka saamsamu ajaje, manni qorichaa sun
baatii tokkoof sababa saamsameef qorichii achi keessattii ture tilmaamni isaa qarshii 80,000
ta’u tortoree faayidaan ala akka ta’uu waan godheef himatamee balleessaa jedhameera (SY
keewwata- 407(2)). Sadarkaa fi gulantaan adabbii isaan irratti kennamuu:
43
Akkuma Lakk-35 Keewwata 11(5)
www.abyssinialaw.com
 Taayitaan- itti gaafatamaa Biiroo – Ol’aanaa
 Faayidaan argame-qarshii 24,000 yoo ta’uu- Gadiaanaa
 Miidhaan dhaqabe qarshii 80,000 Giddu galeessa
Kaayyoo raawwatameef baasuun otoo hin barbaachifnee sadarkaa baasuu waan dandeenyuuf
yeroo kana angoo/taayitaa ol’aanaa fi fayidaa gadaanaa yoo ilaalle sadarkaa 2 gulantaa
adabbii 26 yoo ta’uu taayitaa ol’aanaa fi faayidaa argame otoo hin taanee miidhaan dhaqabee
yoo illalle giddu galeessa yoo ta’ee ammoo sadarkaa 3 fi gulantaa adabbii 27 ta’a jechuu dha.
Kanaafuu, sababa adabbii cimsu ykn salphisuu hin jiru jennee otoo yaadnee adabbiin obbo
Roorrisaa irratti kennamuu gulantaa 27 jalatti malee 26ffaa jalatti ta’uu akka hin qabnee
qajeelfamichii ni dirqisiisa jechuu dha.
Qabxiin asitti ka’uu kan biraa keewwata 407(1) f sadarkaa fi gulantaan kan ba’ee adabbii
hidhaa fi maallaqa wal-cinaa yoo ta’uu haala kanaan hidhaa fi maallaqan adabuf ammoo gosa
adabbii keewwaticha jala taa’an (hidhaa salphaa yookiin cimaa) keessaa hidhaa cimaan yoo
filatame qofa dha. Seera yakkaa keessattii adabbiin maallaqa hidhaa salphaa wajjin haallii itti
kennamuu danda’u tarii haala SY keewwata 91 jala ta’een yoo ta’ee malee haala biraan haala
kanaan tumamee hin jiru. Kanamalees hidhaa salphaan yeroo salphatuu maallaqattii kan
jijjiramuu ta’uu isaa SY keewwata 179(F) jalatti tumamuun isaa kanuma kan dhugoomsu
dha.
Gaaffii Marii
1. Yakkaa aangootti akkamalee fayyadamuu ilaalchiise namnii hojjataa mootummaa hin
taane bu’uura seera yakkaa keewwata 33 tiin ballessaa kan raawwate ta’uu yoo
mirkanaa’ee, Aangoo/ Taayitaa isaa adda baasuufi sadarkaa, akkasumas gulantaa isaa
hubachuuf haaluma hojjataa mootummichaa waliin yakkicha raawwateen akka ta’e
qajeelfamicha Kwt-11(8) jalatti tumameera. Haata’umalee namni kun hojjataa
mootummaa aangoo Gad-aanaa, Gidduu-galeessa fi Ol’aanaa qabaatan wajjin yakka
tokko waliigalanuun yoo hojjate aangoo ibsame kana keessaa kamtu fudhatamee adabbiin
kan shallagamuuf ta’a?
2. Qajeelfamichi yakkaa angootti akkamalee fayyadamuu ilaalchiise Aangoo/Taayitaa
ilaalchisee Labsii komishinii farraa Malaamaltummaa Naannoolee hundeessuuf bahee
ykn seera biroon waa’ee angoo ilaalchisee kan tumamee fudhatama akka qabu qajeelfama
adabbii keewwata-11(3d) jalatti tumameera. Haata’uumalee sadarkaa aangoo ilaalchisee
www.abyssinialaw.com
kan seeronni Naannoo kun tumanii fi kan qajeelfamichii tumu ykn kan labsiin 433/1997
kwt 2/5 tumu yoo walitti bu’ee (fkn qajelfamicha 11(3b) itti gaafatamtoota Godinaalee fi
Aanaalee Aangoo/Taayitaa Gidduu-galeessa akka qaban tumeera. Labsiin K/F/M/N/
Oromiyaa hundeessuuf bahee Lakk-71/1997 kwt-2(6) Ittigaafatamtoota aanaas ta’ee
Godinaa Abbaataayitaa jedhee waan hiikeef aangoo ol’aanaa keessatti kan kufu dha).
Kanaaf kamtu fudhatama argachuu qabaa? Maaliif?
3. Qajeelfamichii hiikaa “Kaayyoo cimaaf” yoo kennuu yakkoota haala labsii 433/1997
keewwata 2(9 Afi C) yoo raawwatame akka ta’ee ibsameera. Haaluma kanaan ulaagaa
kanarratti hunda’uun seera yakkaa Kwt-407(2) (3) sadarkaa baheeraaf. Haata’umalee
keewwata labsichaa yoo ilaalamee yakkichii faayidaa/miidhaa hordofsiise maallaqaa
tilmaama guddaa qabuuf akka ta’ee tumamee osoo jiruu kwt-407(2) sadarkaaleen 1, 2, 3,
kaayyoo cimaa fi faayidaa/miidhaa salphaa fi Gidduu-galeessaa waliin hojjatamuun isaa
sirrii dhaa?
2.3.2 Yakkoota Qaamaa Namaa Irratti Raawwataman (SY keewwata-555-560)
Tuumaaleen kun harka darbuu, rukutuu, madeessuu, qaamaa hir’isuu, miidhaawwan yookiin
balleessaawwan
qaamaarratti
raawwataman
kamiiniyyuu,
akkasumas
miidhaawwan
fayyummaa qaamaa yookiin sammuu namaarratti raawwataman hunda ni dabalata. Manni
murtichaa keewwata kana ilaalchiise amala miidhaa qaamaa tokko, bu’aa inni hordofsiisu
yookiin ciimina isaarratti wanti shakkisiisu yoo mudate dhimmicha murteessuuf gochoota
dhimma yakkaarratti raawwataman qorannoo yaalattiin ogeessi beeku akka isa gargaaru
gaafachuu ni danda’a. 44
A) Miidhaa Qaamaa Cimaa Ittiyaadamee Raawwatamu (SY keewwata-555)
Yakka kanaaf kana dura qajeelfama adabbii Lakk-1/2002 sadarkaan kan baheef yoo ta’uu,
akkuma boqonnaa 2ffaa keesattii ibsameen firiin dubbii irratti hundaa’amee sadarkkan baheef
ture kan keewwaticha jala hin jirre ta’uun (fakkeenyyaf dirqama ogummaa kan qabu yoo
ta’ee jedhamee kan ba’ee ta’uu), Kanamalees sadarkaa 1ffaan gulantaa 7 irratti sababa
jalqabuuf
namoota SY keewwata 555 jalatti ballessaa ta’an irratti adabbii xiqqaatee
kennamaa komiin jedhu ka’aa waan tureef komii kana hambisuuf fooyessuun akka
barbaachiise ni ibsama. 45Kanaafuu, qajeelfama isa haaraa kanaan keewwata kanaaf firii
dubbii keewwaticha jalatti haammatamee qofa irratti hundaa’uun sadarkaan 6 kan isaaf
44
45
SY RDFI Keewwata-554
Akkuma Lakk-29 Fuula-80
www.abyssinialaw.com
qophaa’e yommuu ta’u, ka’umsii adabbii sadarkaa isa jalqabaa gulantaa 16ffaarraa akka
eegaluu taasifameera. Gulantaan kun ammoo adabbii hidhaa waggaa 3-3.7 kan adabsiisuu
waan ta’eef komii kana dura adabbiin akka xiqqaatu godhameera jedhamaa ture akka
hambisuuf yaadamee kan ta’ee ta’us ka’umsa adabbii sadarkaa jalqabaaf kennamu qabu kan
seera baastuun keewwata seerichaa jalatti kaa’een adda gochuun seera yakkiichaa qajeelfama
adabbiitiin fooyyessuu hin ta’uu gaaffii jedhuus kaasisuu akka danda’u hubatamuu qaba.
Haala qajeelfamichatiin adabbiin sadarkaa tokkoffaaf hojjatamee kanaan adabbii ka’umsaa
SY keewwata 555 jalatti hidhaa cimaa kan filatamee otoo ta’ee hidhaa cimaa waggaa 1 bira
ga’uuf qabxii adabbii salphisan kan waliigalaa 5 illee otoo argamee gulantaa 11 irraa waan
bu’uuf ka’umsii reenjii gulantaa kanaaf ta’ee ammoo hidhaa waggaa 1 fi baatii sadeetii waan
ta’uuf ka’umsa bira hin gahamnee jechuu dha. Ka’umsa keewwaticha jalatti ta’ee bira gahuuf
sababa walii gala adabbii salphisan bu’uura keewwata 86 kan argamuu yoo ta’ee malee hin
danda’amuu jechuu dha. Sababa ka’umsii sadarkaa gadi’aanaaf kenname gulantaa 16 irraa
eegaleen baaxiin adabbii sadarkaa dhumaa (6ffaa) ammoo akka olka’u taa’eera. Inniis
gulantaa 31ffaarratti kan kufuu yoo ta’uu ka’umsii adabbii reenjii kanaf ta’e hidhaa waggaa
12-14 fi baatii 5 waan ta’eef otoo qabxii adabbii cimsan waliigalaa hin argamiin adabbii
baaxii keewwatichan ta’ee waggaa 15 bira waan gahuuf dhimmichaa falmisiisaa kan taasisuu
dha. Seera qabeessummaa adeemsa kanaa ilaalchiise ejjenoo tokko otoo hin qabatiin dura
muuxannoo biyyoota biroo ilaaluunis barbaachisaa akka ta’e barressitoonni moojulii kanaa ni
amanu.
Dhimma kanaan walqabatee qabxiin ilaalamuu qabu kan biroo SY keewwata 555 jalatti
ballessaa namnii jedhamuu akkuma haala dhimmichaatii hidhaa salphaa waggaa 1 gadi hin
taneen adabamuu akka danda’an seerichaan tumamee jira. Haata’umalee akkaata amma
qajelfama kanaan sadarkaa fi gulantaan ba’eefiin yoo ilaallee sadarkaan jalqabaa kan ta’eef
adabbiin kan qabamuu gulantaa 16 ffaa keessattii waan ta’uuf adabbiin isaa ammoo waggaa 3
hanga waggaa 3 fi baatii torbaa waan ta’uuf haala kanaan seerichaaf sadarkaa fi gulantaan
yeroo hojjatamuu yaadni kun ilaalcha keessa waan gale hin fakkaatu. Tarii reenjiin adabbii
gulantaa kanaaf ta’ee waggaa 3 waan eegaluuf hidhaa salphaas haala aguuguu danda’un
hojjatamuu isaa ni agarsiisa falmiin jedhu yoo kan ka’us ta’ee, jalqabuma falasamnii ittiin
qajeelfamnii adabbii hojjatamee adabbii baaxii adabuf yoo xiqqaatee qabxiin adabbii cimsu
www.abyssinialaw.com
kan waliigalaa argamuu qaba kan jedhuu waliin waan hin deemneef baaxii hidhaa salphaa
kan ta’ee fudhachuun rakkisaa taasisa. 46
Seerrii yakkaa keewwata 555, yaada balleessichaan ol miidhaa gahe (SY keewwata- 558) fi
miidhaa qaamaa dagannooon raawwataman (SY keewwata-559(2)) ilaalchiise gostiifi hangi
miidhaan dhaqabee walfakkaata dha. Keewwatoota kan gargar kan godhuu kutaa sammuu
(mental state) yakkiichi ittin raawwatamee akka ta’e hubachuun salphaa dha. Haata’umalee
keewwata 559(2) kessatii miidhaan dhaqabee miidhaa salphaa nama dirqama ogummaa
yookiin kan biroo qabuun yeroo ta’uu miidhaan dhaqabe salphaas ta’uu akka danda’amuu
hubatamuu qaba. Kanaafuu, sadarkaa SY keewwata-558 baasuudhaaf firii dubbii keewwata
555 baasuuf gargaramamee irratti hunda’uun sadarkaa 6(jaha) kan ba’eef yoo ta’uu
garaagarumaan 555 waliin qaban gulantaa adabbii isaa qofa dha. Sababbiin isaa keewwata
558 itti yaaduun miidhaa qaamaa salphaa geessisuuf yaadee dagannoon miidhaa qaamaa
cimaa nama geessiseef kan rogummaa qabu waan ta’eef adabbii isaa kan keewwata-555 tiif
baherraa salphate waan tumameef dha. Kunis balaafamummaan yaada sammuu abbaa
ballessaa kanaa kan keewwata 555 jalatti kaa’ameera gadii waan ta’eef seerichii haaluma
kanaan adabbii tumee waan argameef dha.
SY Keewwata 559(2) ilaalchiise miidhaan salphaan kan gahee nama dirqama ogummaa
yookiin kan biroo qabuun yoo ta’ee sadarkaa ka’umsaa taasisuun, sadarkaa 2-7 tti sadarkaan
kan ba’eef firii dubbii keewwata 555 gargaaramnee ta’ee ammas gulantaa adabbii qofa adda
godhuun akka ta’e hubatameera. SY keewwata 559(1)f sadarkaan tokkoo kan bahef yoo ta’uu
sadarkaan kunadabbii hidhaa gulantaa 4 yookiin adabbii maallaqa gulantaa 4 kan baheef dha.
Haata’umalee keewwata 559(1) adabbiin seerichii tumee hidhaa baatii 6 hin caallee yookii
adabbii maallaqa qarshii 1000 hin colleen kan adabsiisuu yoo ta’uu gulantaan adabbii
maallaqa 4ffaan garuu hanga qarshii 5,000.00(kuma shan) kan adabsiisu waan ta’eef
gulantaan kun dogongoraan kan ta’e dha jechuun ni danda’ama.Qarshiin 1,000.00 ammoo
gulantaa 1ffaa jala waan jiruf haala sanaan hubachuun barbaachisaa dha.
46
Hidhaan salphaa jedhame yoo caqasamee hidhaa guyyaa 10 hanga waggaa Sadii akka ta’e SY keewwata
106(1) ni ibsa. Baaxiin hidhaa salphaa waggaa 5 gahuu kan danda’u seera addaa keessatii ifan kan tumamee
yoo ta’ee yookiin hidhaa salphaan gocha adabsiisuun yakka dadabalamaan yoo raawwatamee yookiin yakkii
irra deddeebii yoo raawwatamee akka ta’e ifattii tumameera. Haata’umalee keewwata 555 ilaalchiise adabbiin
tumamee hidhaa salphaa waggaa 1 gadi hin taaneen jechuu malee ifattii hanga waggaa 5 gahuu akka danda’u
waan hin tumneef baaxiin isaa waggaa 5 jechuun hin danda’amuu. Haala kanaan kan hojiirraa ooluu tarii
yakkoota daddabalamaa yookiin irrra dedeebii qofan yoo rawwatamee ta’uu ni danda’a jechuun falmuuu ni
danda’ama ta’a.
www.abyssinialaw.com
Yakkii kun haala keewwata 557 jalatti ibsameen haala adabbii salphisaniin raawwatamuu
akka danda’an tumaa seera yakka iraa hubachuun ni danda’ama. Keewwatin 557 kan ibsuu
miidhaan dhaqabee akka 555 jalatti tumameen ykn miidhaa qaamaa cimaas ta’uu kan danda’u
ta’ee garuu sababoota adabbii salphisan keewwata 557 jalatti tartiibaman yeroo argamuus kan
raawwatiinsa qabu waan ta’eef keewwata 555 fi 557 waliitii hidhuun sadarkaan 7
hojjatameera. Yeroo sadarkaan kana keewwata- 555 qofa isaatii kanuma hojjatamee
waaraabamee gara keewwata 557 dhufee yoo ta’uu garaagarumaan isaa gulantaan adabbii
kenname qofa akka ta’e hubatamuu qaba. SY keewwata 555 fi 557 waliin kan hojjatamee
adabbiin filannoo maallaqas waan qabuuf yoo M/Murtii adabbii maallaqa filates hanga ta’uu
qabuu gulantaan maallaqa kan hojjatameef jira.
B) Miidhaa Qaamaa Salphaa Itti Yaadamee Raawwatamu (SY Keewwata-556)
Miidhaan qaamaa salphaan sadarkaan baheef SY 556(1) sadarkaan tokko kan hojjatameef
yoo ta’uu keewwata 556(2) ammoo firii dubbii keewwaticha jala jiru irratti hunda’uun
sadarkaan 4 kan qopha’eef yoo ta’uu, ijoo /firiin dubbii/ sadarkaa qopheessuuf sababa ta’an
ifa waan ta’aniif ibsa baldhaan kan barbaachisu miti. Asirratti waan hubatamu oggeessooni
seera tokko tokko garagarummaan keewwata-xiqqaa tokkooffaa fi lamaffaa gidduu jiru
ciimina miidhaa dhaqabeerraa kan raraa’udha jedhani haalli itti yaadanii fi qabatamaan ittiin
hojjatan ni jira. Haata’umalee keewwata kana gadi-fageenyaan yeroo ilaalu keewwatoota
lachuu jalatti miidhaan dhaqabee miidhaa qaamaa salphaa yommuu ta’u, garaagarummaan
yakka miidhaa qaamaa keewwata-556/1/ ykn 556/2/ jalatti kufuu ciimina ykn salphina
miidhaa gahee otoo hin taane, yakkamaan gochii miidhaa qaamaa salpha kan raawwate
summiidhaan, meeshaa ajjeesuun, meeshaa biroo miidhaa qaamaa geessisuu danda’u
kamiiniyyuu fayyadamuun yoo ta’e, ykn dirqama ogummaa yookiin kan biroo qabaachu
yakkamaa ykn miidhaamtichi dadhabaa, dhukkubsataa, ofirraa ittisuu kan hin dandeenye yoo
ta’e dha.
Miidhaa qaamaa salphaaf sadarkaan yeroo qopha’uus sababoota adabbii haala kanaan akka
cimu taasisan meeshaa yookiin tooftaa miidhaa gessisuun ta’uu isaa, yakkamaan dirqama
ogummaa ykn kan biroo kan qabu ta’uufi dhiisuu isaa, miidhaamaan nama saaxilbahaa ta’uu
isaa ilaalcha keessa galchuun kan hojjatamee ta’uu hubatamuu qaba. Asittiis SY 556(2) haala
adabbii salphisuun bu’uura 557 tiin yoo raawwatamee haala ittii adabbiin kennamuu qabu
sadarkaan kan hojjatameef yommuu ta’u, garaagarummaan keewwata 556(2) irraa qabus
gulantaa adabbii qofa dha.ijoowwan dubbii kanuma keewwata 556(2) jala jiran ta’ee
www.abyssinialaw.com
sababoota adabbii salphisan kan keewwata 557 jala jiran yeroo argaman adabbiin salphatee
murtaa’uu waan qabuuf gulantaan adabbii xiqqaatee kan ba’ee dha.
SY keewwata-560 yakka harka darbuu wajjiin wal-qabate gochii kun miidhaa qaamaa
yookiin hir’ina fayyaa otoo hin geessisiin gocha raawwatamu yoo ta’eelee, Haala qabatamaa
hojii amma jirun ogeessota seeraa naannoo keenya biratti SY keewwata’n 556 fi 560 wal jala
fuudhuun darbee darbee ni mul’ata. Gochooni yakkaa keewwata kana jalatti raawwataman
dirmammuuwwan, mallattooleen kulkula dhiigaa ykn dhukkubni ykn gidiraan dafee darbu
yommuu ta’an miidhaawwan kun akka miidhaa qaamaatti yookiin hir’ina fayyaatti hin
lakkaa’aman. Namni keewwata kana jalatti balleessaa jedhamu adabbii maallaqaa dhibba
Sadii hin caalleen yookiin dubbichi ulfaataa yoo ta’e, hidhaa salphaa ji’a Sadii hin caalleen
kan adabamu waan ta’eef sadarkaan tokko qofa qopha’eef jira.
2.3.3 Qabeenyaa Irratti Yakkoota Raawwataman (SY Keewwata -665fi 669)
A) Hanna (SY Keewwata- 665)
Yakkoota bal’inaan hawaasa keessatti raawwataman keessaa yakkii hanna isa tokko akka ta’e
dhimmoota Manneen Murtiitti dhiyaataan irraa hubachuun ulfaataa miti. Sababa kanaaf
yakka hannaaf qajeelfamnii adabbii Lakk- 1/2002 yoo ba’uu sadarkaa fi gulantaan kan baheef
yoo ta’uu, raawwii isa keessatti garuu rakkooleen yeroo sadarkaan bahuuf hin hubatamnee
muudate akka ture hubatameera. Rakkoolee sana keessaa tokko yakka hannaaf sadarkaan kan
bahee hanga maallaqa ykn tilmaama qabeenyaa hatamee qofarratti hunda’uun rakkoo tokko
ture. Qajeelfama 1/2002 keessattii maallaqaa ykn tilmaamni qabeenyaa qarshii 100 kan hin
guunne yoo ta’ee akka yakka danbii darbuuttii kan raawwatameeti fudhatameera. 47Kanaaf
kana fooyyessuuf jecha hanga qarshii 1000(dhibba tokkoo) kan jiraniif sadarkaan tokko
qopha’eera. 48
Kanamalees yakkichii kutaa yaada himatamaa kan adabu danda’u miti sababa jedhuuf
tilmaama qabeenyaa ykn maallaqa irratti hunda’uu qoftii gahaa miti jedhe manni murtii yoo
amane sababa isaa ibsuun gulantaa adabbii 2 dabaluun adabu akka danda’u tumameera. 49
Rakkoon biroo turee sadarkaa fi gulantaan yakkiichaa wayita hojjatamu baay’ee gadibu’eera
komiin jedhuu ka’aa waan tureef sadarkaa jalaqabaa kan qajeelfama adabbii duraanii
47
Qajeelfama Adabbii Itoophiyaa Lakk-1/2002 Keewwata 10(3)
Akkuma Lakk-35 Keewwata 16
49
Akkuma Lakk-35 Keewwata 16(3A)
48
www.abyssinialaw.com
keessattii gulantaan adabbii 2 kan ture yoo ta’uu 50 amma garuu qajeelfama haaraa kanaan
sadarkaa 6ffaa irraa kan eegaluu taa’eera. 51 Kan biroo ammoo sirreeffamnii taasifamee hanga
tilmaama qabeenyaa ykn maallaqa ilaalchiise adabbiin sadarkaaleef yoo kennamuu sadarkaan
jalqabaa baaxiin isaa fi sadarkaaleen itti aanaan ka’umsii isaanii kan walfakkaatu waan ta’eef
isa kana furuuf qajeelfama haaraa kanaan akka sirrattuu taa’eera.
Kanaafuu qajeelfama haaraan kunis rakkoo kana dura turan furuuf yaalus ammas sadarkaan
kan qophaa’e tilmaama maallaqa ykn qabeenyaa argamee ykn argamuuf yaadamee irratti
hundaa’uun sadarkaa xiqqaa hanga guddaattii sadarkaan 8 qopha’eera. Sadarkaan isaa kan
qajeelfama isa haqamee caala sadarkaa lama kan dabale yoo ta’uu baaxiin mallaqichaas
qarshii 100,000.00 gara 1,000,000.00 fi sanaa olitti daangaa malee guddateera. Gulantaan
adabbii inni guddaan 20 yoo ta’uu adabbiin isaaf kaawwamee hidhaa waggaa 4 fi baatii 5
hanga waggaa 5 fi baatii 4 dha. Kun ammoo otoo sababa adabbii cimsu walii gala hin
argamnee baaxii adabbii irra kan gahee yoo ta’uu haala sadarkaan yeroo qopha’uu ilaalcha
kessa galamee kanaaf kan hin hojjanne ta’uu mul’isa. Haalli kun gumgummii haawasa
keessaa yakka hannaa ilaalchiise qajeelfamni adabbii Lakk-1/2002 adabbiin ni xiqqeessaa
jedhu irraa kaa’ame kan raawwatamee ta’u ni hubatama. Akkasumas ka’umsii isaa gulantaa
6ffaa hidhaa baatii 8 irraa kan eegaluu ta’uun isaa yaadumma kana kanuma kan bu’uureffate
fakkaata.
Qabxiin inni biroon qajeelfama isa haqame keessattiis ifattii tumamee kan ture ammas
haaluma qajeelfama isa haaraa keessattii namnni ykn dhabbanni qabeenyi jalaa hatamee
sababa hanna kanaan jireenyi guyyaa guyyaa ykn hojii dhabbatichaa balarratti kan kufe yoo
ta’e, dabalataan gulantaa lama kan dabalu ta’uun isaa keewwata 16(3)(b), qabeenyaa hatamee
sun kan dhodho’u ykn kan gubatan (ibidda qabsiisuu danda’an) yoo ta’ee tilmaama hanga
maallaqa qabeenyaa hatamee irratti hunda’amee kan hojjatameeratti dabalataan gulantaa 2
dabaluun kan hojjatamuu yoo ta’uu, hallan ibsaman kun yoo iddoo tokkotti argaman ammoo
hanga tokkon tokkon isaanii gulantaa dabalsiisan dabaluun hanga baaxii adabbii keewwata
addaa seericha keessatti tumameetti dabaluun ni danda’ama (keewwata 16(3c fi d)).
50
51
Akkuma Lakk-47 Maxxantuu 3ffaa Fuula 33
Akkuma Lakk-35 Maxxantuu 3ffaa Fuula 93
www.abyssinialaw.com
B) Hanna Cimaa(SY Keewwata -669)
Hanna cimaaf sadarkaa baasuuf ulaagaan bu’uuraa kaawwamee hanna cimaa fi salphaa kan
gargarbaasuu yakkiichaa haala ciimina qabuun raawwatamuu isaati. Yakkii raawwatamee
tokko yakka cimaadha jedhamuuf ulaagaa keewwata 669 jalatti tumamee haala Sadiin ta’uu
danda’u guutuu qaba. Isaanis: Gosa qabeenyaa hatamee(669(1), Eenyummaa nama
qabeenyaa hate 669(2) fi Haala raawwii hannichaa 669(3) jalatti tumamanii jiran irratti
hunda’uu dhaani dha. Kanaafuu raawwii qajeelfama kanaaf jecha sababoota adabbii cimsan
kan jennu keewwata 669(1-3) kan jiran akka sababooa adabbii cimsan Sadiitti kan
fudhatamanii dha. Sababoota kana keessaa keewwata-xiqqaa 1 jala jiran tokkos ta’ee tokkoo
ol-yoo argaman akka sababa adabbii cimsuu tokko argameetti kan fudhatamuudha. 52
Kanaafuu baayyina sababoota adabbii cimsanii fi tilmaama qabeenyaa/maallaqa argamee ykn
argamuuf yaadammee haaluma dabalaa deemuun dabaluun sadarkaafi gulantaan kan
hojjatamee dha. Kanumaan yakka hanna cimaaf sadarkaan sagal (9) qopha’eerra.
Fakkeenya; Bara 1997 baatii waxabajjii keessa sababa filannoon walqabateen dhabbanni
“Qindoomina” jedhamuu filannoon waliin dhahameera jechuun jeequmsi akka ka’uu godheen
sababeefachuun
namichi Ayichilum Yitaagasuu jedhamuu hiriyoota isaa namoota 4
dabalatee “poolii mukaa Afelamaa” korporeeshinni humna ibsaa Itiyoophiyaa sarara ibsaa
ittiin diriirsuuf godina Sh/ki/lixaa Aanaa Sooddoo Daaccii Magaalaa Tarree keessa daandii
iraatti kuusee jiru keessaa bayyinni isaa 100 ta’u fi gatiin waliigalaa isaa qarshii 50,000.00
kan ta’uu hatuudhaan gara Magaalaa Finfinnee fiduun gurgurataniiru. Mana Murtiitti himanni
irratti banamee SY keewwata 669(1B) fi 3(B) jalatti ballessaa jedhamaniiru. Kanaafuu
sadarkaa fi guulanta yakkiicha baasuuf dhimmichi akka armaan gaditti kan xiinxalamu ta’a:
 Mallaqni argamee qarshii 50,000.00
 Sababoota adabbii cimsan keewwata 669(1)(b) qabeenyaa human ibsaa eegumsa hin
qabne ta’uu fi
 Bu’uura keewwata 669(3)(b)tiin gareen raawwatamuu fi yeroo jeequmsi uummataa
jirutti raawwatamuuisaa. Keewwata kana jalatti sababbiin lama argamuun isaa
akkuma sababoota tokko argametti kan fudhatamu dha.
Kanaafuu maallaqa 50,000.00 fi sababoota adabbii cimsan lama waan argamaniif sadarkaa
6ffaa gulantaa 24ffaa jalatti kan kufuudha. Gulantaan 24 ammoo hidhaa waggaa 6fi baatii 6
52
Akkuma Lakk-35 Keewwata 16(5)
www.abyssinialaw.com
hanga waggaa7fi baatii 8 gahuun kan adabsiisu waan ta’eef adabbiin ka’umsaa reenjii kana
keessatti fudhatamee sababoota waliigalaa adabbii cimsan yoo jiraatee gulantaa tokko irraa
kaasuun dabaluun, sababoota adabbii salphiisan yoo jiraatee ammo haala wal-fakkaatuun
gulantaa 1 eegalee salphisuun gulantaa jalatti kufe keessatti adabbiin dhumaa kan kennamu
ta’a jechuu dha. Dhumarratti yakkoota qabeenyaarratti raawwatama kana (Hanna cimaa fi
salphaa) ilaachiise tilmaamnii qabeenyaa hatamee tilmamuuf rakkisaa yoo ta’ee yookaan kan
hin tilmaamamnee yoo ta’ee manni murtii dhimmichii dhiyaateef sababa isaa ibsuun
sadarkaafi gulantaa adabbii adda baasuun murtii dhumaa akka kennu kan tumameedha. 53
2.3.4. Yakka Wanbadummaa (SY Keewwata- 670fi 671)
A) Wanbadummaa (SY Keewwata- 670)
Yakkii saamichaa salphaas ta’ee cimaan raawwatamee ballessummaan namoota kanaa
M/Murtiin yoo mirkana’uu haala armaan gadiin adabbiin kan kennamu ta’a jechuu dha.
Yakkii saamichaa akkuma yakka hannaafi goyyoomsuu faayidaa hin mallee argachuuf kan
raawwatamuu dha. Saamicha kan adda isa godhuu fayyidaan argamee yookaan yaaddamee
kan argamuu gocha humnaan dabalamee waan ta’eef dha. Kanaafuu ulaagaan yakkoota
kanaaf sadarkaan ittiin bahee fayyidaa argamee/argamuuf yaadameefi haala itti fayyadama
humnaa ilaalcha keessa galchuudhaan ta’eerraa. Humnaan fayyadamuuu ilaalchiise ammoo
meeshaa malee, meeshaa qabachuun, meeshaa waraanaa qabachuun raawwatamuun isaa
walduraa duubaan sadarkaa isaa dabalaa akka deemu ta’ee kan qopha’ee dha.
Bu’uuruma kanaan keewwata 670tiif sadarkaan 9 qopha’eera. Fkn himatamaan ulee miidhaa
gessisuu danda’u qabatee namoota hoolota Mandara keessa nannauun hoolota bitanii gabaa
nannoo isaanii dhiyoo jirutti geessuun gurguruun daldalanii bulan, bosona keessattii eeggatee
uleedhaan reebee qarshii 12,000.00 yoo saame ta’eefi SY 670 jalatti ballessaa ta’ee, sadarkaa
isaa baasuuf
 Fayyidaan maallaqaa argamee qarshii 12,000.00
 Meeshaa miidhaa geessisu, ulee qabachuun
Kanaafuu ulaagaan kun lameen iddoo tokkottii kan qabatee jiru sadarkaa 4ffaa gulantaa 17
jalatti reenjii kaawwamee hidhaa waggaa 3fi baatii 3hangga waggaa 3fi baatii 11 keessattii
hidhaa ka’umsaa qabama jechuu dha. Fakkeenya armaan olii kun meeshaa miidhaa gessissuu
danda’an otoo hin qabannee ta’ee hanga mallaqichaa sanuma ta’ee sadarkaan isaa gara
53
Akkuma Lakk-35 Keewwata 16(7)
www.abyssinialaw.com
sadarkaa 3ffattii kan gad-hiiqu ta’a jechuu dha. Gulantaan adabbii isaa 15ffaa yoo ta’uu
hidhaa waggaa 2fi baatii 9hanga waggaa3baatii 3 kan adabsiisu waan ta’eef kana keessaa
ka’umsa adabbii qabata jechuu dha.
B) Wanbadummaa Cimaa (SY Keewwata- 671)
Yakka wanbadummaa/saamicha cimaa kan raawwatamuu faayidaaf ta’uu isaa, meeshaa ykn
meeshaa malee fayyadamuu fi gareen ta’uufi dhiisuu irratti kan hunda’ee akka ta’e
hubachuun ni danda’ama. Kanaafuu ulaagalee faayidaa argame, meeshaa fayyadamuu fi
gareen ta’uu jedhuu sadan irratti hundaa’uun keewwata 671(1)f sadarkaan 9 hojjatameera.
Keewwata 671(2) ammoo adabbiin tumamee jiru lama qofa waan ta’eef buufata jalqabaaf
sadarkaan 1ffaan kan kenname yoo ta’uu buufata2ffaa ammoo gochichi du’a kan hordofsiise
yoo ta’ee sadarkaa 2ffaan hojjatameeraaf.
2.3.5. Yakkoota Gowwoomsuu (SYKeewwata- 692fi 693)
Yakkoota M/Murtii keessatti irra dedeebi’ani dhiyaatan keessaa tokko yakkaa gowwomsuu
dha. Adabbiin yakka kanaaf tumamee jiru yakka hannaa wajjin hidhaan isaa kan walfakkaatu
yoo ta’uu dabalataan adabbii maallaqa kan of-irraa qabuu dha. Kanamalees yakkii
gowwomsuuf faayidaa argachuuf ykn argamsiisuuf kan raawwatamuu waan ta’eef yakka
hannaa wajjin kan walfakkatu dha. Kanaafuu sadarkaan yakka gowwomsuuf kan ba’ee haala
yakka hannan walfakkatuun dha.
Bu’uuruma kanaan hanga maallaqa irratti hunda’uun sadarkaan 10 kan ba’eef yoota’uu
qajeelfama adabbii isa kanaan duraa irraa fooyyeen inni kun qabuu ka’umsii adabbii sadarkaa
tokkoffaa gulantaa 2ffaa kan ture gara gulantaa 5ffatti kan guddate yoo ta’uu qajeelfama
haqameerratti sadarkaan 7 kan turee amma gara sadarkaa 10 ol-guddateera. Kanamalees
qajeelfama isa durii keessatti hanga qarshii 100tti danbii darbuun kan gaafachiisu jedhamee
kan kaa’ame qajeelfama kanaan haqameera. Kanaaf kana dura maallaqa xiqoorraa kaasee
hanga maallaqa guddaa kan gowwomse gosa adabbii tokko qofa kan adabsiisuu yoo ta’uu
amma kun adda ba’eera.Yakka kanaafis akkuma yakka hannaa sababa adda addaan adabbiin
maallaqa akka dabalaa deemuu danda’u kan tumamee dha. Fkn: Manni Murtii haala sadarkaa
bahe qofarratti hundaa’uun adabbiin yoo kenname yaadaa yakkamaa adabuuf gaha miti
jedhamee yoo amanamee sababa isaa ibsuun gulantaa 2 dabaluun adabu ni danda’a. Haaluma
kanaan sababoonni keewwata 18(3) (A-E) jala jiran wayita argaman gulantichii dabalaa kan
deemu ta’a.
www.abyssinialaw.com
Maallaqa irratti ajaju otoo hin qabaatiin cheekii baasuu ilaalchiise akkuma yakka
gowwomsuutti hanga maallaqa irratti hunda’uun SY keewwata-693(1) tiif sadarkaan 11 kan
ba’eef yommuu ta’uu qajeelfama adabbii isa kanaan duraa irraa fooyya’iinsa inni qabu,
ka’umsii adabbii sadarkaa 1ffaa gulantaa 2ffaa kan ture gara gulantaa 5ffatti kan guddate yoo
ta’uu, qajeelfama haqame irratti sadarkaa 7ffaa kan ture amma gara sadarkaa 11tti olguddateera. Kanamalees qajeelfama isa durii keessattii hanga qarshii 100tti danbii darbuudha
jedhamee kan kaa’ame haqameera.
Gaaffii Marii
1. Adabbiin
yeroo
murtaa’u
haala
yakkamaa
ykn
yakka
raawwatame
qofa
xiinxaluuudhaan kan murtaa’u yoo ta’e rakkoon inni hordoofsiisu ni jira laata,
maaliif? Adabbiin yeroo murtaa’u yaadoota bu’uura inni godhatu qabu maalfaa dha.
2. Qajeelfama adabbii Itoophiyaa 1/2002 akkataa adabbii itti cimuufi salphatu wajjiin
wal-qabate sababoota adabbii salphiisuufi cimsuu gidduuti garaaggarumman akka
jiraatu taasiifamuun isaa adabbii wajjiin wal-qabate rakkoon inni hordoofsiisee jira?
Qajeelfama adabbii isa haaraa hoo akkamitti ilaaltu?
3. Yaada adabbii bitaaf mirga irraa dhiyaatan soba ta’e yoo argaman bu’aan isaan
hordoofsiisan jira, Yaadni adabbii salphiisu gama yakkamaatiin dhiyaate soba ta’e
yoo argame yakkamaa irratti adabbii cimsuu ni danda’a?
4.
Adabbiin gad aanaa kutaa addaa seerichaa keessatti kaa’aman adabbii ka’umsaa dha
jenne fudhachu ni dandeenya? maaliif?
5. Yakka malaamaltummaa wajjiin wal-qabate qajeelfamicha keewwata-11(3)(d)ttii
hiikkan aangoof kennamee fi kan labsii naannoo tiin kenname yoo walitti bu’ee
sadarkaa baasuuf isa kamtu fudhatamuu qabaa?
6. Bu’uura labsii 433/97 keewwata 2(9) (a)(c)tiin yakkoonii raawwataman “ kaayyoo
cimaaf” akka raawwatamanitti fudhatamuu akka qabamuu qajeelfamichi keewwata
11(5) ni tuma. Haata’umalee yakkoonii haala kanaan raawwataman jechuuf maallaqa
ol’aanaafi miidhaa cimaa kan geessisan yoo ta’ee akka ta’e tumameera. SY
keewwata 407(2)f sadarkaan yoo ba’uu ammoo keessumaa sadarkaa 2 fi 3 faayidaa
/miidhaa Gad-aanaa fi giddu galeessaa waliin kaayoo cimaaf ba’uun isaa hangam
fudhatam qaba jettu?
www.abyssinialaw.com
7. Kaayyoo cimaa ilaalchiise hiiknii labsii armaan olitti caqasamee keessa jiru
keessumaa keewwata xiqqaa (A) jala kan jiru waajjira mootumma yookiin dhabbata
misoomaa mootummaa irratti yakkichii yoo raawwatamee dha. Mana hojii
mootummaa ammoo yookiin dhabbata misoomaa mootummaa ammoo hiikkoon
labsichaan kenname Federaala kan ilaallatuu akka ta’e labsicha keewwata 2(3fi 4) ni
hubachiisa. Kanafuu yakkii qabeenyaa mootummaa Naannoo irratti raawwatamee
midhaa cimaa gessisuu waan danda’uuf “kayyoo cimaa” jechuuf hiikkoon kun nu
deemsisaa?
8. Seerrii yakkaa keewwata-557 haala tumeen qabxiin adabbii salphisan yoo argaman
seera yakkaa keewwata 556f rawwii qabaachuun isaa sirrii dhaa jettu? Keewwata557(2) jalatti adabbii tumamee hanga hidhaa salphaa waggaa 4 ga’uun isaa, baxii
adabbii keewwata 556f ta’e waliin akkamitti ilaalamaa?
9. SY keewwata 556(1) fi 557 walitti sadarkaan hin baaneef maaliif isinitti fakkaata?
Haala kanan sadarkaa baasuufiin ni danda’amaa?
www.abyssinialaw.com
BOQONNAA SADII
QAJEELFAMA ADABBII LAKK- 2/2006 KEESSATTI YAKKOOTA HAARAA
SADARKAAN BA’EEF FI HIN-BAANEEF AKKAATA ADABBIIN ITTI
SHALLAGAMU
Seensa
Boqonnaa darbee keessattii yaadoota waliigalaa qajeelfamnii adabbii Lakk-2/2006 irratti
xiyyeeffate tokkoon tokkoon ilaalleerra. Kanamalees, yakkoota kanaan dura qajeelfama
adabbii 1/2002 keessatti warra sadarkaan isaaniif qopha’ee, qajeelfama isaa haaraa keessatti
haala kamiin sadarkaan isaani akka qopha’ee bal’inaan ilaalleera. Boqonnaa kana keessatti
ammoo yakkoota kanaan dura sadarkaa hin qophofneefi qajeelfama haaraa keessatti
sadarkaan ba’eef kam kam akka ta’an tokko tokkoon kan illallu yoo ta’uu, yakkooni
kunniinis firiin dubbii bu’uureffatamee sadarkaan ba’eef maal maal akka ta’an akkasumas
walqunnamtii firiiwwan dubbii kunniin keewwata seerichi sadarkaan ba’eef waliin qaban ni
xiinxalama. Walqunnamtii sadarkaan yakkootaf kennamee fi gulantaan adabbii qabuus iddoo
barbaachisaa ta’eetti kan xiinxalamu ta’a, akkuma haala isaatti iddoo barbachisaa ta’ee
mul’ateettii qabatama hojii jiru dhimmootaa qabatamaa waliin xiinxalamanii ni ilaalamu.
Kanamalee yakkoota sadarkaan hin baaneef hanga sadarkaan ba’uuffitti adeemsaa itti
hojjatamuu maluu fi dhimmoota itti xiyyeeffatamee sadarkaan ba’uu qabus bal’inaan ni
ilaalama.
Leenjifamtoonni dhuma boqonnaa kana irraatti:
Yakkoota haaraa sadarkaan ba’eef firii dubbii irratti bu’uureeffatamee sadarkaan
ba’ee adda ni baafatuu, tartiibaanis ni ibsu.
Yakkoota sadarkaan ba’eef irratti hundaa’uun murtii kennuu ni danda’u,
fakkeenyaanis hojjatanii ni agarsiisu.
Adabbiin ka’umsaa sadarkaa yakkootaaf haala itti qophaa’ee hubannoo waliigalaa ni
argatu.
Yakkoota sadarkaan hin baaneef haala itti sadarkaa baasuun hojjatan ni hubatuu,
fakkeenyaanis hojjatanii agarsiisuu ni danda’u.
www.abyssinialaw.com
3.1 . Yakkoota Sadarkaan Ba’eef
Qajeelfama adabbii Lakk-2/2006 keessatti yakkoota kanaan dura sadarkaa hin qophoofneenf
gosoota yakkaa 5 ta’an keewwatoota 23 jalatti argamaniif sadarkaan akka qophaa’u kan
taasifamee yommuu ta’u, yakkoota kanaaf yakkoota biroo irraa kan irratti xiyeefatame
sadarkaan akka qophaa’uu kan taassifamee yakkoonni kun qabatamaan Manneen Murtii
keessatti baay’inaan waan mul’ataniif murtii adabbii keewwatoota kana irratti kennamu hama
danda’ame kan wal-fakkaatufi sirrummaa isaa kan eeggate gochuudhaaf yaadameeti.
3.1.1 Yakkoota Biyya Irratti Raawwataman
A) Yakka Tokkummaa Siyyasaafi Dangaa Biyyatti Tuquun Raawwatamu (Kwt- 241)
Yakkii kun kan argamuu mata duree “Yakkoota Biyya Irratti Raawwataman” jedhu jalatti
kan argamuu dha. Yakkonni kun ammoo SY keewwata- 238 hanga 260 jalatti tumamaniiru.
Yakkoota kanneen hundaaf sadarkaan kan hin baanee yoo ta’uu keewwatni 241 kan filatamee
yeroo ammaa kutaa kana jalatti yakkoota qabatamaan Manneen Murtii Federaalaatti
dhiyaatan keessaa yakkii kun bayyinaan kan dhiyaatu ta’uun isaa waan hubatameef
dha. 54Yakka Tokkummaa Siyyasaafi Dangaa Biyyatti Tuquun Raawwatamu sadarkaan kan
ba’eef ulaagaawwan 4 bu’uura godhateeti dha. Isaanis: miseensa garee ta’uu fi ta’uu dhabuu,
miidhaa dhaqabe, abbaa taayitaa ta’u yakkamaa fi bu’aa argame dha.
Ijoo kana irratti gaaffiin ka’uu malu tokko ijoowwan kun SY keewwata 241 dubbisuun kan
argamuu danda’anii ykn firiin dubbii kun keewwaticha irraa ni hubatamuu? gaaffii jedhu dha.
Keewwaticha yoo ilaalle “Namni kamiyyuu humnaan yookiin karaa heera mootummaatn
walfaalleessu biroo kamiiniyyuu” kanaaf yakkiichi kun kan raawwatamuu humnaan yookaan
karaa biroo kamiinuu jechuun humna otoo hin fayyadamnee yakka raawwatamuu danda’u
ta’uu hubachuun barbaachisaa dha. Kana yoo ta’ee ammo “humnaan” inni jedhuu mataan
isaa hubachuuf keewwatoota boqonnaa sana jala jiran kan biroo waliin walbira qabuun
ilaaluun barbaachisaa dha.
Fkn, meeshaa waraanaa fayyadamuu keewwata 256 (b), 258 (b), (c) fi (d), namoota gareen
hundeessuun keewwata 256 (a) 257 /b/ fi /c/, 258/b/) ilaaluun ijoowwan dubbii kun keewwata
241 hojjachuu akka danda’u hubachuun ni danda’ama. Akkuma haala isaattii keewwata 256259 tti kan jiru waliin ilaaluun barbaachissa dha. Kanaafuu firiiwwan dubbii sadarkaan ittiin
bahe kun keewwatichaaf rogummaa kan qabanii dha jechuun ni danda’ama.
54
Akkuma Lakk-29 Fuula 73
www.abyssinialaw.com
Miidhaa tokko dhaqabsiisuuf meesha waraanaan fayyadamuun (SY keewwata-256(B),
258(B, C, D)) ykn gurma’uun (SY 256(A), 257(B), 258(B)) ta’u akka danda’u tuumaalee
kana dubisuun beekuu ni danda’ama. Kanaafuu yaadooni kun haala raawwii keewwata- 241
keewwatoota kana wajjiin kan walitti dhiyaatu waan ta’eef miseensa garee ta’uu ykn ta’uu
dhabuu inni jedhu yaadoota kanarra kan fudhatame dha. Qabxillee abbaa taayita ta’u
yakkamaa fi bu’aa argame jedhaman ilaalchiise qabxiileen kun SY keewwata-259 jalatti
adabbii keewwata-241cimsuuf kan kaa’ame waan ta’eef sadarkaa yakkaa keewwata-241/259
waliin sadarkaa qopheessuuf hojiirra olanirruu.
Miidhaan dhaqabe kan jedhamee, miidhaa qabeenyaa ykn nama irratti dhaqqabe ta’uu
danda’a. Miidhaan kuns miidhaa salphaa hanga qarshii 25,000 ykn miidhaa qaamaa salphaa,
jiddu galeessa qabeenyaa irratti qarshii 25,001-50,000 ykn miidhaa qaamaa cimaa, cimaan
ammoo miidhaa maallaqa qarshii 50,000 ol ykn du’a kan hordofsiise yoo ta’ee dha. 55
Miidhaan qabeenyaa irra gahee fi kan qaamaa ykn lubbuu namaa irra dhaqabe sadarkaan
jalatti argaman gargar yoo ta’ee manni murtichaa sadarkaa isa adabbii caalu hordofsiisu
fudhachuun adabbii dabarsa. 56
Fkn Yakkiichi kan raawwatamee miseensa gareetiin ta’ee miidhaan qabeenyaarra dhaqabe
qarshii 20,000 ta’ee miidhaan qaamaa dhaqabee miidhaa cabinsa miilaa ykn harkaa yoo
ta’ee, miidhaa qabeenyaarra ga’ee midhaa salphaa yoo ta’uu, miidhaan qaamaa dhaqabee
ammo jiddu galeessa waan ta’eef kun ammo lamaan isaa sadarkaa tokko jalatti argachuun
rakkisaa waan ta’uuf isa adabbii caalu hordofsiisu fudhanna jechuu dha. Bu’uura kanaan
Yakkichii miidhaa qabeenyaa irra ga’ee yoo fudhanne sadarkaa 2ffaa gulantaa 30 kan ta’uu
maluu bu’uura qajelfamichaa keewwata 8(4) adabbiin ka’umsaa kan fudhatamuu sadarkaa
4ffaa gulantaa 33ffaa jalatti ta’a jechuu dha.
Ijoon kan biraa SY keewwata 241 maallaqan waan hin adabsiifneef gulantaan maallaqa
sadarkaa 7ffaa irraa eegalee maaliif galee kan jedhuuf keewwata 259 waliin walitti kan
hojjatamee yoo ta’uu keewwata 259 jalatti ulaagaan jiran yoo guuttamanii argaman
himatamaan keewwata 241 jalatti balleessaa ta’ee adabbii hidhaa yookaan umurii guutuu
irratti kennameettii dabalataan maallaqa hanga qarshii 100,000 ga’uun adabamuu akka
danda’u waan tumameef iddoo tokkotti hojjatameera.
55
56
Akkuma Lakk-35 Keewwata 8 (3)
Akkuma Lakk-35 Keewwata 8(4)
www.abyssinialaw.com
Akkasumas keewwata 258 yakkoota Boqonnaa kana (kutaa 2ffaa, kitaaba 3ffaa, boqonnaa 1ffaa)
jala jiran hidhaa cimaa umurii guutuu ykn du’aan akka adabsiisu tumamee yoo ta’ee murtiin
du’aa darbuu kan danda’u ulaagaa tarreeffaman keessaa tokko guutee yoo argamee akka ta’e
tumeera. Dhimooni kunis:
Yakkiichi kan raawwatame biyya irratti jeequmsi yommuu gahetti yoo ta’e ykn
waraanni biyya alaa wajjin taasifamu yommuu yaaddessutti, giddu seentummaan
mootummaa biyya alaa yommuu jiraatutti, sababa jeeqamuu tasgabbiin labsiin yeroo
ariifachiisaa ragga’ee yommuu jirutti, ykn haalawwan addaa jiraachuun isaanii ifatti
yommuu himametti yoo ta’e; ykn
Gochoonni kun kan karoorfamaniifi raawwataman korannaa irraa kan ka’e yoo ta’e
yookiin gartuulee meeshaa waraanaa hidhataniin yoo ta’e; yookiin
Yakkamtichi qabeenyaa, meeshaa waraanaa, gargaarsa, deggersa haala kamiiniyyuu
biyya alaa ykn jaarmiyaa siyaasaa ykn kan biroo mootummaa
biyya alaa irraa
argatuun yakkiicha kan raawwate yoo ta’e; yookiin
Boombiin, dimaamitiin ykn meeshaa dhowuun ykn meeshaa shororkeessaa namoota
hedduu irratti balaa geessisuu danda’un ykn mala kana fakkaatu biroo kamiiniyyuu
yakkiicha raawwateera yoo ta’edha.
Kun kan agarsiisuu murtii du’aa keewwata 241 jalatti kennamuu akka danda’u seerichaan
tumamullee murtii du’aa kennuuf keewwatichi qoftii gahaa akka hin taanee fi keewwata 258
waliin ilaalamuu akka qabuu nama hubachiisa. Murtii du’aa kana kennuuf ulaagaa keewwata
241 fi 258 jalatti tumamee qofa otoo hin taane SY keewwata 117 dabalataan akka ilaaluu
qabnu hubatamuu qaba. Kanaafuu, SY keewwata 241 qofaf sadarkaan 6, keewwata 241fi 259
ammoo sadarkaa 3 (sadarkaa 7, 8, 9) akkasumas keewwata 241 fi 258 ammoo sadarkaa
1(sadarkaa 10) hojjatameera.
Gaaffii marii
1. Muudamaa ykn gageessaa kan jedhuu eenyu ilaallataa? Sadarkaa kam irratti nama
muudame kan ilaallatuu dha? Gaggessaan hoo eenyu dha?
2. Faayidaa yakkiichaan argamee akka firii dubbii tokkoottii qabamee sadarkaan
yakkiichaa akka ittiin hojjatamee qajeelfamicha keewwata 8(2) irraa ni hubatama.
Haata’u malee faayidaan argamee sadarkaa 8ffaa jalatti hojii irra oolus faayidan kun
maallaqa moo waabiraas ni dabalataa? Maallaqa yoo jennee maallaqa hangamiittii?
Hiikkoo keewwata 8(3) jalatti miidhaaf kenname fayyadamuu dandeenyaa?
www.abyssinialaw.com
B) Yakka Tuttuquufi Gocha Qopheessuu Qabatamaa Hin Taane (SY Keewwata- 257)
Yakkii kun kan adabsiisuu yakkoota keewwata 238-242, 246-252 jiran akka raawwatu
taasisuuf ykn deeggaruun gocha tuttuquu fi qophaa’uu qabatamaa hin taanee nama raaawwate
kan adabsiisuu dha. Keewwata kana jalatti koreen sadarkaaa yoo baasuu gochoota
keewwaticha jalatti A-E ttii tarreeffaman irratti hundaa’uun yoo ta’uu tarreeffamnii isaaniis
haala cimnina yakkiichaa ilaalcha keessa galchuun kan qopha’ee ta’uu hubannoon
fudhatameera.
Bu’uuruma kanaan qabxiilee A-E jiraniif sadarkaalee 1-5 akkasumas gochoonnii A-E jiran
keessaa tokkoon isaa, balaan dhaqqabsiisuu danda’u keessumattuu baay’ee olka’aa kan ta’e
yoo ta’e ammo sadarkaa 6ffaa, akkasumas 257 fi 259 ammoo walittii hidhuun yakkoota 257
A-E tarreeffaman keessaa tokko kan raawatee nama muudameen ykn gaggessaadhaan ykn
fayidaa argachuuf yoo ta’ee sadarkaa 7ffaa, gochii sadarkaa 7ffaa jala jiru akkaa jiruttii ta’ee
balaan dhaqabsiisuu danda’u baay’ee olka’aa ta’e yoo ta’ee sadarkaan 8ffaa kan ba’eef
dha.Manni murtii kewwattoota jalatti kaa’aman keessaa isa tokkoon miidhaa ol’aanaa ni
dhaqabsiisa ture jedhee kan murteessu yoo ta’e sababa isaa haala ifa ta’een kaa’uu
qaba(9(4)). Walumaa galattii keewwata 257 sadarkaan 6 keewwata 259 waliin ammo
sadarkaan lama dabalamee walumatii sadarkaan 8 qopha’ee sadarkaalee hundaaf ka’umsii
adabbii isaanii dabalaa akka deemuu gulantaa sadarkaaleef ta’e irraa ni hubatamaa.
3.1.2. Maallaqa Sobaa, Sandoota Dirqamaa Yookiin Wabummaa hojjachuu
(SY keewwata 356-362)
Maallaqa sobaa, sanadoota dirqamaa ykn wabummaa waliin walqabatee yakkamaa seera
yakkaa keewwata 356-362 jirani jalatti ballessaa jedhaman adabbiin kan kennamuuf haala
armaan gadiitiin dha.Seera yakkaa keewwatoota 356 hanga 362 jiraniif sadarkaan kan ba’ee
hanggaa maallaqa argame ykn argamuuf yaadamee ykn tilmaama qabeenyichaa irratti
hundaa’uunii dha. Kanaaf ka’umsa kan ta’e SY keewwata 362 dha. Keewwata kana warabbii
isaa akkuma jirutti yoo ilaalle:
Keewwata 362: Haala Salphaa
“Yakkoota keewwata 356 hanga 361 jaran ilaalchiise hammi maallaqichaa
tilmaamni xiqqaan kan kennamuuf ta’uu isaatiin yakkiichi salphaa yommuu ta’utti,
adabbichi hidhaa salphaa ni ta’a” jedha.
www.abyssinialaw.com
Keewwata kana yoo ilaallee “hammi maallaqichaa tilmaamni xiqqaan kan kennamuuf...”
gaaleen jedhu gochi raawwatame SY keewwata 356 hanga 361 jalatti kan kufuu yoo ta’elee
hanga mallaqichaa ilaalcha keessaa galchuun adabbiin kennamuu hidhaa salphaa ta’u kan
danda’u ta’uu isaa nama hubachiisa. Hangi maallaqa tilmaamnii xiqqaan kennamuuf
hangamii kan jedhu ammoo dhimma gaaffii kasiisuu danda’u dha. Isa kanaaf koree ykn
boordiin qajeelfama adabbii kana qophesseen hangii maallaqa tilmaama xiqqaan kennamuuf
maallaqa hanga qarshii 1,000 tti akka ta’e ejjennoon qabatameera. 57 SY keewwata 362 qofa
isaa kan dhaabatuu otoo hin taanee keewwata 356-361 ttii keewwatoota jiran irra kan
darbamee ta’ee hangi maallaqa isaa xiqqaa yoo ta’ee adabbiin hordofsiisu hidhaa salphaa
waan ta’eef keewwatootuma kanaan walsimee sadarkaan kan hojjatameefi dha.
Bu’uuruma kanaan keewwata 362 walitti hidhuun (hunduu maallaqa tilmaama salphaa ta’een
raawwatamuu waan danda’aniif) sadarkaa shan shan (5) kan ba’eef yoo ta’uu keewwata
356,357,358,359,361(1)(a),361(1)(b) qofa qofatti ammo sadarkaan 9, keewwata 361(2)(a)
sadarka 11, 361(2)(b) sadarkaa 6
hanga maallaqa irratti hunda’uun sadarkaan ba’eera.
Keewwata 361(2) (a) hidhaa salphaan waan adabsiisuuf ,keewwata 361(2)(b) ammo maallaqa
qofan waan adabsiisuuf keewwata 362 waliin walitti sadarkaan kan hin hojjatamneef ta’uun
hubatamuu qaba.
Fakkeenya 1ffaa
Himatamaan gatii isaanii guutuu akka qabatanitti fakkeessee ofii ittiin daldaluuf jecha
maallaqa Itoophiyaa sobaa 700 (dhibba torba) akka qabate waan argameef kwt-359
jalatti himatame balleessa jedhameera.
Gochii yakkamaan balleessa itti jedhamee bu'uura qajeelfamiichaatiin tilmaamni
xiqqaan kan kennamuuf waan ta’eef kwt-359 jalatti balleessa yoo jedhameees kwt362 waliin kan ilaalamu ta’a.
Kanaafuu sadarkaan yakkicha 4, gulantaan isaa immoo 8 ta’a. Manni Murtii gulantaa
kana jalatti adabbii ni murteessa. Sababoonni adabbii cimsanii fi salphiisan yoo
jiraatan manni murtii guulanta kanaarra ka’uun bu’uura qajeelfamichaatiin baay’ina
sababoota adabbii argamantiin kan ol ka’u ykn gad-bu’u ta’a.
57
Akkuma Lakk-35 Keewwata 10(2)
www.abyssinialaw.com
Fakkeenya 2ffaa
Himatamaan sanada wabummaa qarshii 1000 (kuma tokko) isaaf ajajameera (Bearer
Security) bifa isa jijjiiruun baankiirra qarshii 100,000 (kuma dhibba tokko)
fudhachuun isaa waan bira gahameef SY kwt-357 jalatti himatame balleessa
jedhameera.
Gochii yakkamaan balleessa itti jedhamee bu'uura qajeelfamiichaatiin tilmaamni
xiqqaa ol kan keennameef waan ta’eef keewwata balleessaa jedhame jalatti sadarkaa
fi gulantaa isaa kan addaan baasnu ta’a. Bu’uurma kanaan:
Faayidaan argame qarshii 99,000 dha
Kun immoo sadarkaa 8ffaa gulantaa 28ffaa jalatti kufaa. Manni Murtii gulantaa kana
jalatti adabbii ni murteessa. Sababoonni adabbii cimsanii fi salphiisan yoo jiraatan
manni murtii guulanta kanaarra ka’uun bu’uura qajeelfamichaatiin baay’ina sababoota
adabbii argamantiin kan ol ka’u ykn gad-bu’u ta’a.
Gaaffii Marii
1, Seera yakkaa keewwata 361(1) (b) adabbii hidhaa salphaa hanga waggaa 5 gahuu yookiin
maallaqan kan adabsiisuu dha. Keewwata 362 ammoo hidhaa salphaa qofan kan adabsiisuu
dha. Kanaafuu keewwatoota kana lameeniif idoo tokkotii sadarkaan kan ba’eef ta’uu fi
hidhaa salphaan yookaan maallaqaf filannoon akka hojjatameef qajeelfamicha Fuula 30 irraa
waan hubatamuuf keewwata 362 filannoo malaqaan adabsiisamoo maliif isinitti fakkaata?
2, Gochootni yakkaa keewwata 356-362 jalatti olitti ibsaman jaarmiyaatiin kan raawwatame
yoo ta’e fi ulaagaaleen SY kwt-34 jalatti kaa'aman guutamani kan argaman yoo ta’e adabbiin
haala kamiin shallagamuu qaba jettu?
3.1.3. Yakkoota Lubbuu Namaa Irratti Raawwataman (SY keewwata-539-543)
Namni kamiyyuu itti yaadee ykn dagannoon meeshaa miidhaa dhaqabsiisuun ykn tooftaa
akaakuu kamiiniyyuu fayadamee nama biroo ajjeesu ni danda’a. Yakkamtooni ajjeechaa
lubbuutiin himatamani balleessa jedhaman irratti adabbiin murtaa’u Akkuma salphinaafi
ciimina ajjeechaa isaan raawwtan irratti kan hundaa’u yoo ta’uu, keewwatooni seera 539-543
www.abyssinialaw.com
jalatti namni balleessa jedhame firii dubbii kewwatoota keessatti kaa’aman irratti hundaa’uun
sadarkaa isaani haala kamiin akka qophaa’e akka armaan gaditti ilaaleera.
A) Ajjeechaa Namaa Cimaa (SY keewwata-539)
Keewwata seeraa kanaaf sadarkaa fi gulantaan kan ba’ee yeroo jalqabaaf ta’ee adabbiin
tumamee jiru hidhaa umurii guutuu yookaan du’a waan ta’eef, keewwata 539(1) jalatti A-C
ttii keewwata xiqqaa sadaniifuu sadarkaa lama lama qopha’eera. Keewwatni seeraa kun
sadarkaan kan ba’eef baayyina firii dubbii yakkiichaa hundeessan fi/ykn haallii raawwii
yakkiichaa baay’ee cimaa ykn cimaa ta’uu isaa kan bu’uureeffatee dha.
Haalli raawwii yakkiichaa cimaa yookiin baay’ee cimaa kan jedhamuu haala kamiin yoo
raawwatamedha kan jedhuu gaaffii kan kaasisu ta’ulleen dhimma kan qajeelfama adabbiitiin
cufuun/tartiibanii xumuruun/ dhimmicha bal’isuun rakkisaa kan taasisu caalaa Manneen
Murtii akka qabatama naannoo isaaniitii dhimmicha akka hin madaallee kan isaan taasisu
waan ta’eef, kun ammoo kaayyoo qajeelfamichii yaadameef ala waan taasisuuf aangoon kun
M/Murtiif akka dhiifamu taasifameera. Kun akkuma jirutti ta’e manni murtii yakkamtoota
irratti adabbii du’aa murteessuun dura ulaagaalee SY keewwata-117 jalatti kaa’aman ilaalu
qaba. Bu’uura kanaan 539(1) (A) dhaaf Yakkichii dursamee kan itti yaadame ta’ee haalli
raawwii isaa cimaa yoo ta’e yookaan yakkiichaa haala keewwata 84 ykn keewwata 86tiin
qabxii adabbii cimsu 2 hin caallen kan raawwatamee yoo ta’ee sadarkaan isaa 1ffaa ta’ee
adabbiin ka’umsaa isaa umurii guutuu ta’a jechuu dha.
FKN: “C”n SY keewwata-539(1A) jalatti himatame balleessaa jedhameera. Sababoota
waliigalaa adabbii cimsan keewwata-84(a, b, d) jalatti kaa’aman Sadii argamaniiru,
Sadarkaan yakkiichaa akka armaan gadiitti adda baha:
 Yakkichii dursamee kan itti yaadame dha,
 Baayyina firii dubbii yakkiichaa hundeessan keewwata-84 jalatti sababoota Sadii
argamani jiru
Kun immoo sadarkaan isaa 2ffaa yommuu ta’u gulantaa 39ffaa jalatti kan kufuu ta’a.
Kanaafuu, M/murtii gulantaa kana jalatti adabbii murteessuu qaba.
www.abyssinialaw.com
B) Ajjeechaa Namaa Dasiiba (SY keewwata-540)
Yakkii kun haala keewwata 539 cimaa otoo hin taanee fi akka 541 ammoo salphaa hin taanee
yakka raawwatamu kan ilaallatuu akka ta’e kewwatichi ni ibsa. Kana jechuun immoo
keewwata kana jalatti firiin dubbii yakkiicha hundeessan eessaa dhufuu gaaffii jedhuu kan
kaasisuu fi haala itti ballessaa tasifamuu walxaxaa taasisaa kan turee fi ammas walxaxaa
taasisaa kan jiru dha. Kun kan agarsiisu firii dubbii yakkiichaa hundeessan ifatti akka hin
kaa’amane dha. Ta’us yakkichii keewwata-539 fi 541 waliin walqunnamtii waan qabuuf
firiiwwan dubbii haala kana irratti hunda’uun sadarkaan akka ba’uuf taa’eera.
Qabiyyee keewwata-540 maal akka ta’e hunda isa qajeelfamicha keessatti tarreessuun ulfaata
waan ta’eef, akkasumas haala qabatamaa falmiifi ragaa dhiyaate irratti bu’uureefachuun
hiikaa kan kennu qabu Mana Murtiidhaan waan ta’eef hojiirra olma qajeelfamiichaatiif
sababoota ka’umsaa yakkiichaa ta’anii fi itti fayyadamaa meeshaa yaadoonni jadhan sadarkaa
yakkiichaa qopheessuuf hojiirra olani jiru.
Bu’uuruma kanaan sadarkaan kan ba’ee sababa du’ichaaf ka’umsa ta’uu fi dhiisuu isaa fi itti
fayyadama meeshaa yookiin tooftaa itti fayyadamame ilaalcha keessa galchuudhaani dha.
Haala itti fayyadama meeshichaa ilaalchiise meeshaan ajjechaa kanaaf sababa ta’an meeshaa
balaafamoo ta’an yookaan balaafamoo hin taane ta’uu danda’u. Meeshaa kamtuu balaafamaa
kamtuu ammoo balaafamaa miti isa jedhuu Mana Murtiif kan dhiifamee yoo ta’uu, yeroo
dhimmichii dhiyaatuu akkuma haala isaatti ilaaluun manni murtii meshaan itti fayyadamamee
sadarkaa balaafamummaa isaanii murteessa. Meeshaalee balaafamoo ta’an agarsiisuuf
sadarkaa 3 fi 6 ffaa keessatti meshaa balaafamoo ta’an kan akka meeshaa waraanaa, wantoota
qara qaban fi kkf jechuun ibsee waan jiruf kallatii agarsiiseera jechuun ni danda’ama. SY
keewwata- 540 sadarkaan 6 kan baheef yoo ta’uu keewwata kana ilaalchiise sababoota
waliigalaa adabbii salphisuu bu’uura SY keewwata 82(1)(D) tiin yoo argamees sadarkaa
baasuuf gargaaree waan jiruf yeroo lammaffaaf fayyadamuun barbaachisaa miti. 58
FKN: Himatamaan yakka ajjeechaa namaa dasiibatiin himatame balleessa jedhameera
(keewwata-540). Ka’umsaa yakkiichaa kan ta’e yakkamaa yommuu ta’u, yakkiichaa kan
raawwatee cuubee fayyadameeti haajennu. Kun immoo sadarkaan yakkiichaa 6ffaa,
gulantaan 33 jalatti kan argamu waan ta’eef manni murtii gulanta kana jalatti adabbii ni
murteessa.
58
Akkuma Lakk-35 Keewwata 12(6)
www.abyssinialaw.com
C) Ajjeechaa Namaa Salphaa (SY keewwata-541)
Ajjechaa namaa salphaan keewwata-xiqqaa A dhaaf sadarkaan hin baaneef sababbiin isaa
keewwata kun kan adabsiisuu daangaa haala dirqisiisaa darbuu keewwata 76 yookiin Hanga
Of Irraa Ittisuu Seera Qabeessa Darbuu keewwata-79n nama ballessaa jedhamee kan waan
ta’eef, ulaagaaleen kun guuttamani yoo argaman Manni murtii qajeelfama adabbii kanaatiin
otoo hin daangeeffamiin adabbii salphiisu waan danda’uuf sadarkaa yakkiicha baasuu
barbaachisaa waan hin taanneef bira darbameera.
SY keewwata-541(B) ilaalchiise firii dubbii keewwaticha jala jiran, meeshaa fayyadamuu fi
fayyadamuu dhabuufi meshaan fayyadamamee balafamaa ta’uu fi ta’uu dhabuu isaa irratti
hundaa’ameetidha. Kana jechuun firiin dubbii keewwaticha jala jiru jechuunis:
 Sababa olaanaa gar malee nama aarsuun,
 Sababa tasaa hin eegamne sammuu jeequun yookiin
 Miira ol’aanaan yookiin
 Miira ho’aan qabamuurraa kan ka’een ta’een Yakkichii yoo raawwatame,
Isaan kana keessaa qabxiin tokkoollee yoo argame isa fudhannee kanatti dabaluun meeshaan
fayyadamamuu, gosa meeshichaas adda baasuun sadarkaa keewwatichaf hojjatamee ilaallee
adabna jechuu dha. Sababoota akka firii dubbiitii ibsine kana sababoota adabbii salphisan
ta’anii guuttamanii yoo argaman lammaffaa itti hin fayyadamnu jechuu dha. 59Asirratti garuu
wanta irratti xiyeefatamuu qabu, sababooni kun iddo, yeroo ykn haala akkami keessatti yoo
raawwataman akka itti fayyadamnu seerichaa keessatti ifatti hin kaa’amane. Kun immoo firii
dubbii fi yaada keewwaticha hubatani hojiirra olchu wajjiin wal qabate rakkoon guddaa akka
jiraatu taasiiseera. Akka waliigalaatti garuu, gochi dhiiga namaa danfiisu ykn nama aarsu
dirqamaan gocha seeraan dhorgame ykn balleessummaa mul’isu ta’u irraa hin eegamu.
Dabalataan, haalli qabatamaa naannoo tokko mata isaatiin dhiiga namaa kan danfiisu ta’u
dhabu ni danda’a. Manneen Murtii sababoota keewwaticha jalatti kaa’aman kanaan yommuu
fayyadaman haala qabatamaa naannoo, uumataafi bilichinaa samuu yakkamaa ilaaluun
ta’u qaba.
59
Akkuma Lakk-35 Keewwata 12(9)
www.abyssinialaw.com
D) Dagannoon Nama Ajjeesuu ( SY keewwata-543)
Ajjechaan dagannoo yeroo ilaallu ijoowwan seericha falmisiisoo taassisan keessaa tokko
keewwata 543(3) adabbii kan cimsee dirqama ogummaa yookaan kan biroo warreen qabaniif
qofa moo haala 543(1) tiin ajjechaa dagannoo nama raawwaterratis raawatiinsa qabaa? Kan
jedhu dha.qabxii kan ilaalchiise barreeffamoonnii tokko tokko kan ibsan falmin kana
ilaalchiise ijjennoo lama akka jiru dha. inni jalqabaa keewwata 543(3) namoota dirqama
ogummaa yookaan kan biroo hin qabneefis ni hojjataa kan jedhuu yoo ta’uu, kan biroo
ammoo keewwatinii 543(1) jalqabumaayyuu yoo ibsuu
“Namni kamiyyuu keewwata kana keewwata xiqqaa (2) fi (3) jalatti haalawwan
tumamaniin ala dagannoon nama kan ajjeese yoo ta’e” jedha.
Kanaafuu, keewwata kun ifattii keewwata-xiqqaan 3 hojii iraa akka hin oollee dangesseera
kan jedhuu yoo ta’ee dabalataan “hatata zamikiniyat” irraattii ibsii dabalataa keewwata
xiqqaa 3 barbaachiseef yoo ibsuu namoonnii hedduun sababa balaa tiraafikaan lubbuu isaanii
dhabaa waan jiraniif balaa tiraafikaa kana xiqeessuuf akka toluuf kan tumamee ta’uu waan
ibsuuf hin dabalatuu kan jedhuu dha. Koreen qajeelfama adabbii kan baasee ejjennoo isa
lammaffaa kana deeggaruun sadarkaa kan baasee yoo ta’uu. Qabxiin biroo ammoo
dagannoon SY keewwata 59(1) (a)fi (b) jalatti dagannoo beekamaa yookiin dagannoo hin
beekamnee ta’uu akka danda’u walduraa duubaan ibse waan jiruf, ajjechaa dagannoof
sadarkaa baasuuf akka oolu ta’erraa. Kanumaan keewwata 543(1) meeshaa fayyadamamee fi
sadarkaa meeshichaa fi gosa daguu irratti hundaa’uun sadarkaa jaha(6) kan baheef yoo ta’uu,
Keewwata 543(2) ykkamaan dirqama ogummaa yookaan kan biroo qabaachuu isaa,ballesicha
keessa gaheen isa du’ee jiraachuu fi dhiisuu fi gosa daguu irratti hunda’uun sadarkaa 4(Afur),
keewwata 543(3) ammoo ijoowwan dubbii keewwaticha jala jiran jechuunis:
Balleessichi namoota lama yookiin isaa ol Kan ajjeese ykn yakkiicha Kan
raawwate dambii ykn qajeelfama ifa ta’e darbuun yoo ta’e, ykn
wahiyyoota yookiin dhugaatiwwan nama macheessan yookiin faajjeessan
fudhachuun fi kkf
Firii dubbii keewwaaticha jalatti kaa’aman keessaa qabxiin tokko isaa argamuufi tokko
ol’argamuun isaa haala sadarkaa yakkiichaa dabalaa deemuun kan hojjatamee ta’ee sadarkaan
Sadii (3) qophaa’eera. Keewwata seeraa kanaaf sadarkaa baheen otoo sadarkaa gulantichaa
hin baasiin dura tokkoon tokkoon dhimmicha dhiyaatee ilaalaluun M/Murtii daguun sun
daguu beekkamaa ta’uu fi daguu hin beekamnee ta’uu isaa addaan baasuun irraa eegama.
www.abyssinialaw.com
Fakkeenya; Yakkamaan danbii ifa ta’e darbuun konkolaata fee’umsaa irratti gama
guubbaatiin nama lama fe’uun osoo deemaa jiru waan garagaleef namoota kana waan
ajjeesseef balleessaa jedhameera. Seera yakkaa keewwata 543(3) fi Danbii geejjiibaa Lakk279/1956 keewwata 46/1/ (Naannoo Oromiyaa Irra Deebiidhaan murteessuuf bahe Lakk -143
/2004 keewwata 96(2)) .
Fakkeenya kana keessatti firii dubbii keewwaticha keessaa lama guutamani jiru.
Isaaniis:
 Dambii ifa ta’e darbu fi
 Namoota lama ajjeessuu kan jedhani dha.
Kanaafuu adabbii hidhaatiif sadarkaan yakkicha 2ffaa yommuu ta’u gulantaan isaa
immoo 25 yommuu ta’uu, adabbii qarshiitiif garuu gulantaan isaa Gu-7 ta’a.
Adabbii maallaqa gulantaa 7ffaa jalatti kaa’ame hanga qarshii kuma diigdama ta’u
akka danda’u gabatee adabbii maalaqaarra kaa’ameera. Kanaaf Manni murtii
adabamaa kana adabbii maallaqa hanga kuma diigdama adabu ni danda’a
jechudha?
Gaaffii Marii
1. Hiikaa SY keewwata 543(3) nama dirqama ogummaa yookiin kan biroo hin qabneef
raawwatiinsa hin qabuu?
2. Namnii SY keewwata 543(1) jalatti nama lama yookiin sanaa ol ajjesee ballessaa yoo
jedhamee haala kamiin adabbiin kennamaa? SY keewwata 60(C) tiin akka yakka
daddabalamaattii himata lamaa ol himatamaarratti dhiyessuun ni danda’amaa?
3. SY keewwata 543(2) dirqama ogummaa yookiin kan biroo kan jedhuu dirqama
ogummaan ala kan ta’ee dirqama biroo kan jedhuu akkamiin hiikamuu qabaa?
Dirqama akamii yoo darbamee lubbuu fi fayyaa namaa irratti miidhaan dhaqabuu
danda’aa? Dirqamnii kun dirqama seeraa yookiin kan waliigaltee ta’uu danda’aa?
Ejjennoo keessan fakkeenyan deeggaratii ibsaa.
4. Ajjechaa daggannoo sadarkaan yeroo ba’uu innii du’e ballessichaaf gumaacha
qabaachuu isaa akka qabxii tokkootii ilaalamee sadarkaan ba’uun sirrii dha. firiin
dubbii gumaacha qabaachuu miidhaamaa keewwata 543 jala ni jiraa? Miidhaamaan
gumaachaa yoo qabaatee himatamaan adabamuu qabaa?
www.abyssinialaw.com
5. Dagannoo beekamaa (SY keewwata 59(a) fi daguu hin beekamnee SY 59(b) keessaa
kamtuu balaafamummaa qaba (degree of guilt)? Maaliif?
3.1.4. Lammiilee Itoophiyaa Karaa Seeraan Alaattin Hojiif Biyya Alaatti Erguu
(SY Keewwata- 598)
Kooreen Qajeelfama Adabbii kana baase karaa seeraan alatiin lammiilee Itoophiyaa biyya
alatti erguun qaamaa yakka namaan daldaluuti xumura jedhurra gaheera. Seera yakka
keewwata 598(1) keessattii “Namni kamiyyuu otoo eeyyama hinqabaatin yookiin karaa biroo
seeraan alaa kamiiniyyuu lammii Itiyoophiyaa hojiif gara biyya alaatti kan erge yoo ta’e;”
kan jedhu keessaa “…karaa biroo seeraan alaa kamiiniyyuu…” kan jedhuu kana yoo ilaallee
ifa waan hin taaneef, SY keewwata 598 sadarkaa fi gulantaa isaa baasuudhaaf protokolii
plarmoo(Palermo Protocol) Nama dadabarsuu ilaalchiise biyyi Keenya Labsii lakkoofsa
737/2004 ALH mirkaneessite keessatti ulaagaa keewwata 3 jalatti ta’e bu’uurefachuun dha. 60
Protokolii kana Keewwata 3 jalatti gochaan namootaan daldaluu/dadabarsuu jiraachuuf gochi
akka namoota foo’achuu, iddoodhaa iddootti geessuu,dhoksuu, daddabarsuu, kkf
jiraachuu akka qabuu, akkasumas fedhiin miidhaamtootaa kan argamee sodaachisuun,
human fayyadamuun, yookiin karaabiraan
dirqisiisuun, haaxxummaan, butuun,
gowwomsuun, aangoo qabuttii garmalee fayyadamuun yookaan saxilamummaa yookaan
hayyama nama miidhaamaa irratti aangoo too’achuu qabuu argachuuf jecha kanfaltii
yookaan faayidaa
kennuun yookaan fudhachuun akka taeefi kaayyoon yakkiichi
raawwatameef ammoo kaayyoo miidhaamaatti fayyadamuu (seeraan ala saamuu) akka ta’e
tumameera. 61 Kanaafuu haala fedhiin miidhaamaa/miidhaamtuu itti argamuu karaa seera ala
ta’ee kamiinuu kan jedhuu haala protokolii kana keessatti ta’een humnaan, gowwomsuun,
sodaachisuun, faayidaa kennuun ykn fudhachuun kkf ta’uu danda’a jechuu dha.
Walumaagalatti SY Keewwata-598f sadarkaan kan baheef ulaagaan Protokolii kana jalatti
ta’ee bu’uurefachuun jechuun ni danda’ama. 62 Bu’uuruma kanaan faayidaa argamee, haala
fedhiin miidhaamtu/ma itti argamee fi ulaagaa SY Keewwata-598(2) jalatti adabbi cimsuuf
taa’an bu’uurefachuun SY Keewwata-598(1fi3)f sadarkaan 6, SY Keewwata-598(1-3) ammo
sadarkaan 7 qopha’eera. Keewwata kanaaf Sadarkaan yommuu qopha’uu Keewwata-xiqqaa 3
60
Akkuma Lakk-35 Keewwata 14(5)
Protocol to prevent, suppress & punish trafficking in persons, especially women and children, supplementing
the UN convention against transnational organized crime; UN-2000 Art-3
62
Akkuma Lakk-61
61
www.abyssinialaw.com
waliin walitti hidhamee kan qopha’ee yakkichii dhiirarrattis raawwatamuu akka danda’u
waan tumameef iduma tokkotti kan tumamee ta’a jechuu dha.
Qajeelfama adabbii Lakk-2/2006 keewwata-14(6) jalatti ibsa sadarkaan yakkootaaf
kennameerratti baayyina miidhaamtootaa fi fayidaan/mallaqini argame sadarkaa adda addaa
keessatti kan argaman yoota’uu sadarkaa isa adabbiin ka’umsaa isaa ol ka’aa ta’etuu
fudhatama jechuun tumeera. Haata’u malee qajelfamni adabbii kun dursa yoo qopha’uu
baayyina miidhaamtootaa akka ulaagaa tokkootii kan gargaarame yoo ta’uu adeemsa keessa
ulaagaan bayy’ina miidhaamtootaa akka ulaagattii otoo hin taanee bu’uura SY Keewwata60(C) tiin yakka daddabalamaa kan taasisuu waan ta’eef, keewwatni kun qajeelfamicha
keessaa akka bahuu murta’ee dagannoo kan hafee waan ta’eef hojjirra oolmaa kan qabu miti.
Fakkeenyaaf; Addee Zalaqaan dubaree caaltuu jedhamtu (lammii Itoophiyaa kan taate)
faayidaa tokko malee karaa seeraan alaatiin hojiif biyya alaatti erguu ishii fi sababa kanaan
miidhamtuun qaamaa ishii irratti miidhaan qaqqabuun isa mirkanaa’eera haajennu (SY
keewwata-598(1, 2)). Fakkeenya kennameera wanttoota Sadii adda bahaniiru:
Fiirii dubbii kwt-598(1 fi 2),
Faayidaan kan hin argamne ta’u, fi
Miidhaan qaqqabu.
Kun immoo sadarkaa 1ffaa gulantaa 22ffaa jalatti kan kufuu waan ta’eef sababootni adabbii
cimsanii fi salphiisan yoo hin jiraanne manni murtii gulantaa kana jalatti adabbii ni
murteessa. Sababootni adabbii cimsanii fi salphiisan yoo jiraatan adeemsii itti aanuu kan itti
fufuu ta’a.
3.1.5. Yakkoota Bilisummaa Saalquunnamtiifi Qulqullummaa Irratti Raawwataaman
(SY keewwata- 620-628)
Yakkoota bilisummaa saalquunnamtii fi qulqullummaa irratti raawwataman ilaalchiise
keessattuu yakkii raawwatame dirqisiisanii gudeeduu yoo ta’e hojii keessatti hanqinoonni
mul’atan ni jiru. Isaanis shakkamaa tokko keewwata itti himatame jalatti balleessa qaba
jedhani murteessuuf:
•
Baduu fi jiraachuu dubrummaa akka ulaagaa yakkiichaati fudhachuu,
•
yakka kana yakka miidhaa qaamaan salphaa waliin wal-jala fuudhachiisuun hojjachu,
www.abyssinialaw.com
•
Ulaagaaleen jiraachuu yakkiichaaf barbaachisan guutanii otoo hin argamin yakkiichi
jira jechuu fi kkf dha.
Kanaafuu yakkoota kanaa ilaalchiise yakkamaa tokko haala kamiin balleessumaa isaa
mirkanneessu akka qabnufi sadarkaa isaa akkamitti akka qopha’ee akka armaan gaditti kan
ilaalu ta’a.
A) Dirqisiisanii Gudeeduu (SY keewwata-620)
Yakkoota Bilisummaa Saalquunnamtiifi Qulqullummaa Irratti Raawwataaman kanaan dura
sadarkaan kan hin baaneef yoo ta’uu amma qajeelfama haaraa kanaan yakkoota keewwata
620-627 jiraniif tokkoon tokkon isaaniif sadarkaa fi gulantaan kan ba’ee yoo ta’uu SY
keewwata 628 tumaa seerichaa irraa kan hubatamuuu keewwatoonnii 620-627 ttii jiran haala
tumaa keewwata 628 jalatti jirun qabxiin adabbii cimsuu yoo argamee adabbicha cimsuuf
kan oolu malee of danda’ee kan jiru akka hin taanee hubachuun keewwata 628 keewwatoota
kanneeniin walitti hidhuun sadarkaan baheera.
Yakkoota Bilisummaa Saalquunnamtiifi Qulqullummaa Irratti Raawwataaman ilaalchiise
tumame keessaa yakkii dirqisiisanii gudeeduu isa tokko yoo ta’uu, sababbii seera yakkaa bara
1996 ALH bahe akka fooyya’ee ba’uu keessaa tokko adabbiin yakka dirqisiisanii gudeeduu
xiqqaachuu isaa akka ta’e hubatameera. 63 Kanaafuu ammas yakkoota irra deddeebiin
raawwatamaniifi murtii wal-fakkaatan itti hin kennamne keessaa tokko yakka kana yoo ta’uu,
haala walfakkaatan akka hojjatamuuf yakka kanaaf sadarkaa fi gulantaan baheera. Seera
yakkaa keewwata 620 yakkii dirqisiisanii gudeeduu jira jechuuf ulaagaan barbachisan
keessaa:
 Yakkichii dhiiraan dubartii iratti kan raawwatamu ta’uu qaba,
 Gaa’elaan alatti ta’uu qaba,
 Humnaan ykn sodachisoo cimaadhaan ykn akka of-wallaltu gochuun ykn haala biraa
kamiinuu akka of-irraa hin ittisnee gochuu, fi
 Walqunnamtiin saalaa raawwachuun jiraachuu qaba.
Kanaafuu ulaagaan armaan oliis akkuma haala isaatti yoo guutaman yakkichii kan
raawwatamu ta’us, ulaagaan tokko tokko ammoo akkuma haala isaatti haala adda addaan
raawwatamuu danda’a. Fkn: Namnii humnaan dirqisiisee gudeeduu barbaadu tokko meeshaa
63
Akkuma Lakk-19
www.abyssinialaw.com
waraanaa qabatee yookiin otoo meeshaa hin qabatiinis sodaachisuu ykn gocha humnaa
raawwachuu danda’a. Kanafuu keewwata kanaaf sadarkaan yoo ba’uu meeshaan itti
fayyadamamee ilaalcha keessa galchuun akka ta’e qajeelfamicha irraa ni hubatama.
Kanaaf ulaagaa armaan olittii ibsameefi ulaagaalee SY keewwata 628 jala jiran (ulfa’uu
miidhaamtuu, dhibee dadarboo walqunnamtii saalaan darban akka qabu/qabdu otoo
beekuu/beektuu
walqunnamticha
gochuun
dhibee
qabsiisuu
fi
miidhaamaan/miidhaamtuun sababa gocha sanaan gadda guddaa ykn dhiphinaan ykn
abdii kutuun kan of ajjestee/ ajjesse) walitti hidhuun keewwata 620(1) sadarkkaan 9
baheeraaf. Keewwata kana jalatti haala Yakkichii itti raawwatamu humnaan, sodaachisa
cimaadhaan, akka of wallaaltu gochuu kkf haallan kana keessaa wal caalmaan akka jiru
haala kamiin yoo raawwatamee miidhaamtuu balaa caaluuf saaxila kan jedhu wanti agarsiisu
hin jiru. Keewwaticha jalas halli itti ta’e filannoon ta’uun isaa walcaalmaa akka hin qabnee ni
agarsiisa. Kanafuu kan irratti hunda’uun sadarkaa kennuun waan hin danda’amneef,
firiiwwan dubbii kana fi meeshaa balaafamoo ta’an fayyadamuu fi dhiisuu irratti hunda’uun
sadarkaa 1-3 kan ba’eef yoo ta’uu sadarkaa 4-9 kan jiru ammoo keewwata 628n walfaana kan
hojjatamee dha.
Sadarkaan 1ffaan gulantaan adabbii 23 yoo ta’uu gulantaan kun ammoo ka’umsi adabbii isaa
waggaa 6 yoo ta’uu hidhaa waggaa 6 hanga waggaa 7fi baatii 2 kan adabsiisuu dha. Kun
ammoo akkuma armaan olitti ilaallee ka’umsii seera yakkaan ta’ee otoo jiru sadarkaan gad
aanaan isaa kan Seeraan kaa’ame (waggaa 5) irra adda ta’uun isaa seericha fooyyessuu dha
falmii jedhu kaasisuu danda’us, iddoo kanaatti wanti hubatamu qabu adabbii waggaa shan
kun keewwaticha jalatti akka adabbii Gad-aanaatti kan kaa’ame waan ta’eef seerichaan
dhorkame sana gadi bu’aani adabbii ka’umsaa qabaachuu dha malee waggaa shan irraa ol
buutuun adabbii ka’umsaa qabachuun seerichaan hin dhorkamne. Dabalataan koree
qajeelfama adabbii Lakk-2/2006 qopheesse rakkoowwan raawwii keessatti jiran hamaata ta’u
isaanii qorannoodhaan waan addaan baaseef rakkoo kana furuuf itti yaadamee kan taasisfame
ta’uun isaa hubatamuu qaba.
Fkn himatamaan miidhaamtuu umuriin ishee 19 taate cuubeen sodaachisuun dirqisiisee
gudeedee SY keewwata 620(1) jalatti ballessaa jedhame tokkoof sadarkaa yakkiichaa yoo
baafnuu
 Sodaachisuun –firii dubbii 620(1) jalatti kaa’ame guutameera
www.abyssinialaw.com
 Meeshaan fayyadamee ammoo cube –meeshaa qara qabu
Kanaafuu sadarkaa 3ffaa gulantaa adabbii 25 irratti kan kufuu yoo ta’uu miidhaamtuun kan
ulfoofte yoo ta’ee ammoo sadarkaa 5ffaa gulantaa adabbii 30 jalatti adabbiin ka’umsaa kan
kennamu ta’a.
SY keewwata- 620(2) ammoo SY keewwata 620(1) cimsuun kan tumamee yoo ta’uu
ulaagaan yakkiichaa kanuma keewwata 620(1) jalatti tumamee ta’ee haala yakkiicha cimsuu
danda’un kan tumamee dha. keewwata-xiqqaa 4 kan of jalaa qabu yoo ta’uu eenyummaa
miidhaamtuu,
umuriin
miidhaamtuu
waggaa
13
oliifi
18
gadi
ta’uufi
sababa
dullumaan,dhibee qaamaa ykn sammuuf kkf ofirraa ittisuu kan hin dandeenyerratti ta’uun
isaa (620(2)(a fi c), eenyummaa yakkamtichaa(nama miidhaa geessisee) gaggessaa, too’ataa
ykn A/taayitaa ta’uu isaa 620(2)(b) fi haala raawwii yakkiichaa 620(2)(d) Yakkichii kan
raawwatamee gara jabummaanykn dararuun ykn gamtaa dhiirota bayyinni isaanii 1 ol ta’een
yoo raawwatamee waggaa 5-20 kan adabsiisu dha. Adabbii kana yoo ilaallee ka’umsii isaa
kan keewwata 620 jala jiru waliin tokkuma ta’ee baaxii isaa qofatu olka’ee tumame. Kanaaf
ka’umsi adabbiin keewwata 620(2) jalatti kennamu kan 620(1) jalatti kan kennamuu caalaa
cimuu akka qabu tumaa seerichaa irraa ni hubatama. Kanamalees baayyinni sababoota
adabbii cimsan kanaa akkuma dabalaa deemuun adabbiin kennamus dabaluu akka qabu ni
hubatama. Keewwata 620(2)fi 628 tis waliin ilaaluun sadarkaan kan bahee dha.
Kanaafuu sababoota adabbii cimsan 620(2) fi 628 jala jiran walittii hidhuun keewwata kanaaf
sadarkaan 7 qopha’eera. Sadarkaan jalaqabaa gulantaa 27 yoo ta’uu gulantaan kun waggaa
8fi baatii 5 hanga waggaa 10 kan adabsiisu dha. Gulantaan ol’aanaan ammoo sadarkaa 7ffaa
jala kan jiuu 36ffaa yoo ta’uu wagaa 18 hanga waggaa 21 fi baatii 8 kan adabsiisuudha. Firii
dubbii Keewwata 620(2) jalatti tarreeffamaniin sadarkaan isa ol’aanaa sadarkaa 6ffaa yoo
ta’uu ulaagaan adabbii cimsan 4ffanuu guutanii yoo argaman ta’ee gualntaa 35 jalatti kan
adabsiisuu dha. Gulantaan 35ffaan ammoo hidhaa waggga 16fi baatii 6 hanga waggaa 19fi
baatii 6 kan adabsiisuu ta’ee, baaxii keewwata 620(2) bira ga’uuf baatii 6 kan hafuu waan
ta’eef yaada qajeelfamicha keewwata 4(5) jalatti baaxii adabbii bira kan gahamuu sababoota
adabbii cimsan waliigalaa yoo argaman kan jedhu waliin guutumaan guutuutti ta’uu baatus
kan waldhiitu dha.
Fkn miidhaamtuu umuriin ishee wagaa 18 taate tokkoo sababa mana hinqabneef iddoo
isheen bultuu ala (barandaa) mana namaa jalaa himatamtoonnii lama ta’anii halkan fuudhanii
deemanii bosonatti geessanii dirqisiisanii waan gudeedaniif SY keewwata 32(1)(A)fi
www.abyssinialaw.com
620(2)(d) jalatti ballessaa jedhamaniiru. Yakka kanaaf sadarkaan yoo ba’uuf gareedhaan
dhiira 2 ta’uun waan dirqisiisanii gudeedaniif SY keewwata 620(2d) waan guutameef qofa
isaa sadarkaa 4 gulantaa 32 jalatti kan kufu yoo ta’uu yakkiichi halkan raawwachuun isaa
bu’uura SY keewwata 84(1)(c)fi qajelfamicha keewwata 21(4)tiin gulantaa tokko dabaluun
sababbiin adabbii salphisu yoo hin jiraannee gulantaa 33 jalatti adabbii dhumaa kenna jechuu
dha.
SY keewwata 620(3)f adabbiin kaawwamee adabbii hidhaa cimaa umurii guutuu qofa waan
ta’eef sadarkaan tokko qofan bahee gulantaan adabbii isaas 38 ffaa ta’a jechuu dha.
Keewwata 620(4) yakka dirqisiisanii gudeeduu hundeessu yookaan kan cimsuu otoo hin
tanee dhimmoonnii keewwata xiqqaa kana jalatti argaman guuttamanii wayita argaman
yakka daddabalamaa ta’uu akka danda’an kan hubachiisu waan ta’eef bira darbameera.
Gaaffii marii
1. Ka’umsaa adabbii keewwata 620(1)fi 620(2) dhaaf tumamee waggaa 5 akka ta’e
keewwatoota kana irraa ni hubatama. Kanaafuu keewwata 620(2) sadarkaan inni
jalqabaa fi 620(1) sadarkaan inni jalqabaa ka’umsii adabbii isaa walqixa ta’uu
qabaa? Maaliif? Kanaafuu SY keessattii reenjiin adabbiiwwaniif kenname ilaaluun
adabbiin isa xiqqaan adabbii ka’umsaatii jechuu ni dandeenyaa?
2. Dhibeen keewwata 620(4) keessattii caqasamee yoo jiraate yakka dadabalamaa akka
ta’e ibsameera. Haata’u malee kan keewwata 628(b) jala jiru yeroo argamee
yakkiicha cimsuuf kan tumameedha. Garaagarummaan dhibee kanaa maal isinitti
fakkaata?
B) Dhiira Tokko Dirqisiisanii Saalquunnamtii Akka Raawwatu Taasisuu
(SYKeewwata 621fi keewwata 628)
Yakkii kun yakka dirqiin raawwatamuu yoo ta’uu, walqunnamtii saalaa kana dirqisiisuun kan
raawwatuu akka isa keewwata 620 dhiira otoo hin ta’iin dubartii dha. Kanaafuu seerrii
yakkaa keenya dhiibbaa koornyaarraa bilisa (gender nuteral) dha jechuun ni danda’ama.
Keewwata kana tumaa keewwata 626(2) fi 627(2) waliin yoo ilaallee umuriin miidhaamaa
waggaa 18fi sanaa ol akka ta’e hubachuun ni danda’ama. Kanamalees adabbii kennamuu
hidhaa cimaa waggaa 1-5 gahuu ni danda’a. Hidhaa kana yoo ilaalle reenjiin A/seeraaf
kenname waggaa 5 ta’uun isaa hanga yakka dirqisiisanii gudeeduu ta’u baatuus
garaagarummaa murtii sadarkaa adda addaattii bahan dhiphisuuf sadarkaa baasuuf
www.abyssinialaw.com
barbaachisaa akka ta’e hubatameera. Keewwata kana firii dubbii isaa yoo ilaalle “Dubartiin
tokko dhiiraa tokko dirqisistee ishii waliin saalquunnamtii akka raawwatu kan taassiste yoo
ta’e” jechuu malee ibsoota dabalataa kan biraa waan hin qabneef firii dubbii dirqisiistee
jedhu kun haala keewwata 620 jalatti tumameen dirqisiisuu waan danda’amuf humnaan ykn
sodaachisuun ykn akka ofwallalu taasisuun ykn haala biraa kamiinuu raawwachu ishee fi
meeshaalee fayyadamte ilaalcha keessa galchuun keewwata 628 waliin walittii sadarkaan 7
baheera.
Ulaagaan keewwata kana sadarkaa 1ffaa-3ffaa ittiin bahee kanuma keewwata 620(1)
sadarkaa 1-3 baheef yoo ta’uu garaa garummaan isaa saala himatamaa fi miidhaamaa akka
ta’e ni hubatama. Haala kanaan SY keewwata 620(1) waliin walfakkeessuun kan
barbaachiseef koreen sadarkaa baasee keewwata 620fi 621 jidduu garaagarumaan jiru saalaa
fi hanga adabbii walcaaliuu isaa malee lameenuu yakka dirqisiisanii gudeeduu akka ta’anitti
waan fudhateef dha. Sadarkaaleen 5, 6 fi 7 ammoo dhimmoota yakkiicha cimsan keewwata
628 jalatti argaman keessaa miidhaamaa dhibee qabsiisuu fi sababa gocha irratti
raawwatameen of ajjesuu isaa ilaalcha keessa galchuun haala adabbii cimaa deemuun kan
tumamee dha.
Keewwata kana jalatti namnii miidhaamee dhiira waan ta’eef dhiirri ammoo ulfa’uu waan hin
dandeenyyef sababbiin adabbii cimsan keewwata 628 (a) irra jiru sadarkaa baasuuf kan oole
miti. Sadarkaa 4ffaa isaa yoo ilaallee miidhaamaan dirqiin walqunnamtiin saalaa irratti
raawwatame sun miidhaa sammuu yookaan qaamaa cimaa yoo irra dhaqabee kan adabsiisu
ta’ee tumameera. Ulaagaan kun keewwata 621 jalatti tumamee kan hin jirree ta’us gochi
akkasii miidhaa jedhamee hordofsiisuu akka danda’u waan amanameef fi akkasumas
keewwata kun keewwata 620 waliin walfakkina qabu irraa kan ka’ee sadarka yakkiichaa
baasuuf kan itti gargaaraman akka ta’ee ni hubatama.
C) Kabaja Qulqulluummaa Irratti Gocha Humnaa Raawwatamu(SY Keewwata 622fi
628)
Kabaja qulqullummaa irratti gochi humnaa raawwatuu walqunnamtii saalaa kan dabalatu
miti. Walqunnamtii saalaa oso hin taanee gocha saalquunnamtii fakkaatu yookiin gocha
akaakuu kamiyyuu kabaja qulqullummaaf (safuuf) faalla ta’e yoo raawwatamee kan
adabsiisuu dha.
www.abyssinialaw.com
Tarii dhimmii falmisiisaa ta’uufi hiikaa barbaaduu gochoota kamtuu gocha saalqunnamtii
fakkaata kan jedhuu fi gocha kabaja qulqullummaaf faallaa ta’anoo (indecent act) gochoota
akkamii akka ta’an adda basuun Mana Murtiif hojii salphaa akka hin taanee beekamaa dha.
Dhimma kana ilaalchiise barreffamoonnii hedduminaan barreefamani dhabamanillee
walqunnamtiin saalaan ala ta’ee akka gocha saalquunnamtii fakkaatutti fudhachuun akka
danda’amuu ni ibsu. 64 Kanamalees gochoonnii falla kabaja qulqullummaa ta’u kan danda’an
ammoo, tuquu ykn dhungachuu ta’uu danda’a. 65 Tuquu yookaan dhungachuun kun
callisamee otoo hin taanee haala faallaa kabaja qulqullummaa ta’een, gocha nama arsuu
dand’aniifi saalfachiisoo ykn qaanii ta’an akka ta’es hubatamuu qaba.
Kutaan gochaa isaa akkuma yakka dirqiin gudeeduu humnaan ykn sodaachisuun ykn karaa
biraa kamiinuu yookaan tooftaa/ meeshaa kamiinuu raawwatamuu akka danda’u seerichi
tumeera. Miidhaamtuu/miidhaamaa irraan miidhaa sammuu ykn qaamaa cimaa ta’ee
geessisuu ni danda’a. Kanamalees yakkiichi dhiiraan dubartii irratti ykn dubartiin dhiirrarratti
raawwatamuu danda’a. Kanafuu keewwata kunis “jender nuteral” dha jechuu dandeenya.
Kanaafuu keewwata kanaaf sadarkaan kan bahee ulaagaa. Itti fayyadamaa humna ykn toofta,
Itti fayyadamaa meeshaa ykn Miidhaa qaamaa ykn sammuu dhaqabefi Sababoota adabbii
cimsuuf keewwata-628 jalatti kaa’aman bu’uureefachuun yommuu ta’u,
sadarkaa 10
qophaa’eraaf.
Fkn dhiirri tokko dubartii kan biroo meeshaa malee sodaachisuun dirqisiisee qaamaa saala
isheetti quba isaa yoo galchee gochaan kun gochaa walqunnamtii saalaa fakkaatu waan
ta’eef SY keewwata- 622 jalatti ballessaa yoo jedhame, sadarkaan isaa 1ffaa gulantaan
adabbii isaa ammoo 7ffaa ta’a. Sababa gocha kan dirqisiise rawwateef midhamtuun otoo
ofirraa ittisuuf jettuu qubni harka ishee yoo cabe ammoo sadarkaa 4ffaa gulantaa adabbii 23ffa
ta’a jechu dha.
Gaaffii marii
1. SY Keewwata-621 jalatti gochoonni tumaman haadha manaan abbaa manaa irratti
yoo raawwatamee ni adabsiisaa? Maaliif keewwata-622 jalattoo gaa’elaan alattii kan
raawwatamuumoo ga’ela keessattis yoo ta’ee ni adabsiisaa? Maaliif?
64
It may be reckoned that the law maker has in mind nne jenital copulation such as anal, oral, digital,
mechanical etc may taken as acts corresponding to a sexual act. Jornal of Ethiopian law volume 25 No-2,
September, 2012 page 210
65
Akkuma Lakk-64
www.abyssinialaw.com
2. SY keewwata- 622 sadarkaa 6ffaa ilaala. Gochoonni walqunnamtii saalaa fakkaatu
ykn faallaa kabaja amala garii ta’ee ta’een ulfi umamuu ni danda’aa? Fakkeenyan
deeggaraatii ibsa.
D) Namoota Sammuu Isaanii Wallaalan Yookiin Sammuun Dadhaboo Ta’an ykn
Mormuu Hin Dandeenye Irratti Kabaja Qulqulluummaa (Safuu) Sarbuun Miidhaa
Raawwatamu (SYKeewwata 623 fi 628)
Keewwata kana yoo ilaallee miidhaamtoonni as jalatti haammataman namoota sammuu
isaanii wallalan ykn sammu dhaboo ta’an ykn maraatuu ta’an irratti kan raawwatamu waan
ta’eef miidhaamtoonni kunis fedhii ofii kennuufs ta’ee diduuf dandeettii kan hin qabne waan
ta’aniif gochichii humnaan raawwatamuun isaa akka ulaagaattii hin teenyee.
Yakkichii
dhiiraan yookaan dubartiin raawwatamuu ni danda’a. Adabbiin isaas hidhaa salphaa waggaa
tokkootii kaasee hanga hidhaa cimaa waggaa 15 ga’uu waan danda’uuf A/seeraa aangoo
ballaa kan kennee dha. Miidhaamtoonii kun namoota saxilbahoo (vulnerable groups) ta’an
waan ta’eef haala kamiinuu nama isaan irratti gocha saalqunnamtii ykn saalqunnamtii
fakkaatu ykn kabaja faallaa qulqullummaa ta’ee raawwachuun kan gaafachiisuu dha.
Keewwata kanaaf sadarkaan yoo ba’uu wantoonni ilaalcha keessa galame; gochichii gocha
saalqunnamtii fakkaatuu ykn faallaa kabaja qulqullummaa ta’uun isaa gocha saalqunnamtiirra
salphata jedhamee waan amanameef gochoota kanarratti hunda’uun walcaalchisuun
sadarkaan kan bahee yoo ta’uu, miidhaa cimaa qaamaa ykn sammuu gochichi hordofsiisus
ilaaluun sadarkaan 1-4 kan bahee yoo ta’uu sadarkaa 5-10 ammoo keewwata 628 walitti
hidhuun baheeraaf.
Sadarkaa 1ffaan gocha saalqunnamtii fakkaatu ykn faallaa kabaja saalaa kan raawwatamee
yoo ta’uu, sadarkaa 2ffaan ammoo saalqunnamtiin yoo raawwatame, sadarkaa 3ffaan gocha
salqunnamtii fakkaatu ykn faallaa kabaja qulqullummaa ta’ee miidhaa qaamaa ykn sammuu
yoo hordofsiise, sadarkaa 4ffaan ammoo gocha salqunnamtii ta’ee miidhaan qaamaa ykn
sammuu cimaa ta’ee yoo dhaqabee kan ilaalatu dha. Sadarkaa kanarraa kan hubannu gochi
saalqunnamtii gocha saalqunnamtiin walfakkaatu ykn faallaa kabaja qulqullummaarraa cimee
kan ilaallamee ta’uusaa ni hubatama. Qaamni seera baasaan seericha yoo tumu Keewwata
SY 620, 622, 626(3) fi 627(3) yoo ilaallees gochi saalqunnamtii gochoota salqunnamtii
fakkaatani fi faallaa kabaja qulqullummaa ta’an caalaa cimaa akka ta’e hubachuun akka tume
kan agarsiisuu dha
www.abyssinialaw.com
Sadarkaa 5ffaa-10ffaattii ammoo gochii salqunnamtii ykn saalqunnamtii fakkaatu ykn faallaa
kabaja qulqullummaa ta’ee kan raawwatamee fi dhibeen dadarboo saalaa nama hin ajjesnee
yoo darbee sadarkaa 5ffaa, miidhaamtuun yoo ulfoofte sadarkaa 6ffaa, dhibeen nama hin
ajjesneefi ulfi yoo waliin argamee sadarkaa 7ffaa, dhibeen dadarboo kan nama ajjessuu yoo
ta’ee sadarkaa 8ffaa dhibeen nama ajjessuufi ulfii yoo argamee ammoo sadarkaa 9ffaa,
miidhaamaa yookiin miidhaamtuun sababa gocha irratti raawwatameen kan of ajjeese/tte
ammoo sadarkaa 10ffaa ta’ee baheeraaf.
E) Namoota Hospitaala Keessa Jiran, Hidhaman Yookiin To’annaa Jala Jiran
Irratti Kabaja Qulqullummaa (Safuu) Sarbuun Miiddhaa Raawwatamu
(SYKeewwata 624fi 628)
Adabbiin seera yakkaa keewwata- 624 fi 623 jala jiran adabbii walqixa ta’ee dha.
Kanamalees keewwata 624 jala miidhaamtoonni jiran bilisummaan qaamaa isaani kan
daanga’ee waan ta’eef gochichi humnaan ta’uufi dhiisuun akka ulaagaattii kan fudhatame
miti. Kanaaf fedhii isaanii ibsuu hin danda’an tilmaama jedhuu seerichaan akka fudhatamu
taassifameera. Yakkiichi saala kamiinuu raawwatamuu kan danda’u waan ta’eef keewwanni
kun walfakkiin keewwata 623 waliin qabu guddaa dha. Keewwata kanaafis sadarkaan
qopha’ee 10 yoo ta’uu sadarkaan kun haaluma keewwata 623 garaagarummaa malee kan
hojjatamee dha. Dhumarratti miidhaamtoonni keewwata 623 fi 624 jala jiran SY keewwata
626(4)fi 627(4) ilaaluun umuriin isaanii waggaa 18 ol kan ta’an akka ta’e dagatamuu hin
qabu.
F) Rakkoo Olaanaa Yookiin Maxxantummaa Dubartiin Tokko Qabdu Sababa
Godhachuun Gocha Raawwatamu(SY Keewwata 625 fi 628)
Keewwata kana jalatti haaluma keewwata 623-624 jiraniin miidhaamtoonni kun fedhii yoo
kennaniis bilisaan waan hin taaneef, akkasumas fedhiin ala yakka raawwatamuuf itti
gaafatamummaa yakkamaan kan hambisu miti. Miidhaamtoonni kun maxxantummaa kana
qabaachuu kan danda’aniif rakkoo hawaasummaa ykn diinagdee qaban irraa kan ka’ee akka
ta’e ni hubatama. Keewwata 623-624 irraa kan adda isa godhu miidhaamtuun dubartii ta’uu fi
sababa fedhii guutuu kennuu dhorkee dha. Kan biraa immoo adabbiin isaa adabbii hidhaa
salphaa yommuu ta’uu halli himanni itti dhiyaatus iyyannoo dhuunfaan akka ta’e hubatamuu
qaba.
Kanaafuu yakka kanaafiis gochichi walqunnamtii saalaa yoo ta’ee sadarkaa isaa dabaluun,
gochichii saalqunnamtii kan fakkaatu ykn faallaa kabaja qulqullummaa yoo ta’e ammoo
www.abyssinialaw.com
sadarkaa Gad-aanaa/jalqabaa kennuun, akkasumas miidhaan cimaa qaamaa ykn sammuu
dhaqabeefi sababoota adabbii cimsan keewwata 628 jala jiran wal-duraa duubaan
fayyadamuun sadarkaan 10 qopha’eera. Keewwata 623-624 jiran waliin yakka wal-fakkatu
waan ta’eef gulantaa adabbii sadarkaaleef kennameen ala garaagarummaa biraa kan qabu
miti. Ulaagaa ibsaman irratti hunda’uun haaluma keewwata 623-624 jiran waliin haaluma
walfakkatuun waan qopha’eef isa tokko hubannan kan hubachuun salphaa ta’a.
Gaaffiilee marii
1. Seera yakkaa keewwata -621-625 jiran yoo ilaallame haala walfakkatuun sadarkaa
4ffaan miidhaan cimaan qaamaa ykn sammuu dhaqqabe bu’uureffachuun sadarkaan
kan bahee dha. Ulaagaan kun keewwatoota caqafaman jalatti akka firii dubbiitti kan
haammataman dha jettuu?
2. Tumaa keewwata 620(4), 626(5) fi 627(5) waliin ilaaluun miidhaan qaamaa ykn
sammuu cimaan yakka tokko cimsuuf yookaan ammoo yakka dadabalamaa ta’a
jedhee ifatti tumeera. Gochoonni akkanaa miidhaa sammuu fi qaamaa cimaa
hordofsiisuu akka danda’an amanamaa ta’us haala keewwata armaan oliitti ibsamee
kanaan ifatti yoo hin tumamne yakka daddabalamaa ta’uu hin danda’u?
3. Miidhaa qaamaa ykn sammuu salphaan seerota kana keessattii kan hin
haammatamneef maaliif? Raawwii keewwata yakkoota saalqunnamtiif Miidhaan
qaamaa salphaa ykn cimaadha jechuuf maal bu’uureffannaa?
G) Ijoollee Umuriin Isaanii Waggaa Kudha Sadii Ta’eefi Waggaa Kudha Saddeet
Hinguunne irratti Miidhaa Saalqunnamtii Raawwatamu
(SYKeewwata- 626fi 628)
Keewwatinni Seerrii yakkaa kun kan adabsiisu daa’ima/ijollee umuriin isaanii waggaa 13
guutee garuu ammoo waggaa 18 gadi ta’an irratti miidhaa saalqunnamtii ykn gocha miidhaa
saalqunnamtiin walfakkaatan ykn faallaa kabaja qulqullummaa ykn gochoota akkanaa
daa’ima kana fuulduratti
yoo raawwatamee dha. Gochichii saala lameeniinuu kan
raawwatamuu dha. Keewwata 626 (1-3) kan jiran gochoota yakka hundeessan dha.
Keewwatinii 626(4) ammoo yakkoota keewwata 626(1-3) jiran yoo raawwataman cimsuuf
kan tumamee yoo ta’uu keewwata-xiqqaa 3 kan qabuu dha. Kanaafuu yakkoonnii kun wayita
raawwataman himanni A/Alangaa hallan adabbii cimsan kana waliin walitti hidhamee
dhiyaachuu qaba.
www.abyssinialaw.com
Bu’uuruma kanaan gochoonni keewwata 626(1 fi 2) walqunnamtii saalaa ta’ee
garaagarummaan qaban saala miidhaamaa fi adabbii keewwatoota kana jalatti aragmu dha.
Keewwata-xiqqaa 1 dhiiraan dubartiirratti keewwata-xiqqaa 2 ammoo dubartiin dhiirrarattii
kan raawwatamuu dha. Keewwata-xiqqaan 3 ammoo gochii raawwatamu gocha
saalqunnamtii fakkaatu ykn faallaa kabaja qulqullummaa ykn ammoo daa’ima fuulduratti
raawwachuu dha. gochoonni kun fedhii miidhaamaan raawwatamanis kan adabsiisan dha.
Keewwata xiqqaa sadeeniifuu adabbii kaa’ame garaa garaa waan ta’eef wayita sababoota
adabbii cimsan keewwata-xiqqaa 4 jala jiru argames haala walcaaluun kan adabamuu waan
ta’eef haaluma kanaan, sababoota adabbii cimsan keewwata-xiqqaa 4 jala jiranii fi keewwata
628 jala jiran walitti hidhuun sadarkaan baheera. Firiin dubbii irratti xiyyeeffatamee umurii
miidhaamaati. Kun ta’uu kan danda’eef guddinnii qaamaa fi sammuu namaa umurii wajjin
kan walitti hidhate waan ta’eef dha. Haqa kana kan dhugoomsuu seera maatii Federaalaa kan
fooyya’e keewwata 7 akkasumas seera maatii Oromiyaa keewwata 26(2) jalatti daa’ima
umuriin waggaa 16 guute haala addatiin ulaagaa ibsamee yoo guutamee argamee gaa’ela
raawwachuu akka danda’an tumameera. Kun kan agrsiisuu hanga umuriin dabalaa deemuu
ciminii sammuus ta’ee qaamaa dabalaa waan deemuuf miidhaan namoota kana irra dhaqabuu
kan daa’ima umuriin daangaa kana hin geenyee muudatu caalaa salphaa akka ta’e waan
amanameef dha. Kanaafuu daa’ima umuriin 13 guutee garuu 16 hin guunne miidhaan
dhaqabuu warreen 16 fi 18 jidduu jiran ni cimaa jedhamee waan amanameef sadarkaan
yakkiichaa akka dabalamuu godhamee kan hojjatame dha. Kanumaan keewwata 626(1,) (4A)
fi 628 sadarkaa 10, kan 626(2) (4B) fi 628 sadarkaa 7 akkasumas 626(3C),(4)fi (628)
sadarkaa 8 kan baheef dha.
Keewwata 626(2) (628) sadarkaa 7 keessattii “miidhaamaan gocha salqunnamtii
fakkaatuun ykn faallaa kabaja qulqullummaa….” Jechii jedhuu firiin dubbii akkanaa
keewwata kana jala waan hin jirreef “gocha saalqunnamtii” jedhuun bakka buusanii
hubachuun barbaachisaa dha. Gochoonni akkanaa keewwata xiqqaa 3 jalatti kan
haammatamanii dha.
H) Daa’imman Irratti Miidhaa Saalquunnamtii Raawwatamu
(SY Keewwata 627 fi 628)
Gochi keewwata kana jalatti kaa’amee Seera yakkaa keewwata 626 waliin walfakkina kan
qabuu yoo ta’uu, garaagarummaa guddaan umurii miidhaamaa waggaa 13 kan hin guunne
ta’uu fi adabbiin tumamee isa keewwata 626 caalaa cimaa ta’uu isaati. Garaagarummaan
www.abyssinialaw.com
biroo ammoo midhaan qaamaa ykn sammuu cimaan ykn duunii yoo dhaqabee keewwata 626
akka yakka dadabalamaatii kan tumamee yoo ta’uu keewwata 627 jalatti garuu miidhaan kun
yoo dhaqqabe adabbii hidhaa cimaa umurii guutuu adabsiisa. Kanarraan kan hafee haaluma
keewwata 626 fakkatuun keewwata 627(1-3) yakka kan hundeessan yoo ta’uu keewwataxiqqaa 4 ammoo yakkii keewwata-xiqqaa 1-3 tumaman yoo raawwataman sababoota adabbii
cimsan ta’uun tumameera. Keewwata- xiqqaan 5 ammoo of-danda’ee adabbiin hidhaa umurii
guutuu tumameera.
Keewwata kanaaf sadarkaa baasuuf ulaagaan fayyadamamee umuriin miidhaamaa waggaa 9
guutuu fi guutuu dhabu isaati. SY keewwata 52-53 yoo ilaalle itti gaafatamummaan yakkaa
kan dhufuu daa’ima umuriin isaanii waggaa 9 guutuu fi guutuu dhabuu akka ulaagaattii kan
kaa’e ta’uu isaa ni hubatama. Kun kan agarsiisuu daa’imnii umuriin waggaa 9 hin guunnee
qaamaanis ta’ee sammuun dadhaboo kan ta’aniifi waan raawwataniifi bu’aa hordofsiisu akka
hin beekne waan tilmaamamuuf dha. Kanaaf daa’ima kana irra miidhaan gahuu warreen
umuriin waggaa 9 guutan caalaa miidhaan akka dhaqabu tilmaamni fudhatameera. Kanaafuu
ulaagaa kanarratti bu’uureffachuun keewwata 627(1)fi keewwata-xiqqaa 4(A) sadarkaan 4,
keewwata 627(2)fi (4B)fi 628 sadarkaa 7, keewwata 627(3)(4C)fi 628 sadarkaa 10, keewwata
627(5) adabbiin isaa tokko qofa waan ta’eef sadarkaan tokko baheeraaf.
Keewwata 627(1) haala sadarkaan baheef yoo ilaalle keewwata 628 waliin walitti hidhamee
kan hojjatamee miti. Sababbiin isaa SY keewwata 628 tumaa isaa yoo ilaalle; “Miidhaa
dirqisiisanii guddeeduu yookiin saalquunnamtii kan ilaallatu yakkii biroo kamiyyuu yommuu
raawwatamu (keewwata 620-627), tumaan rogummaa qabu adabbii ol’aanaa yoo kaa’e
malee hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuun kan adabsiisu”.
Gaalee adabbii ol’aanaa yoo kaa’e malee jedhuu kun raawwatiinsa keewwata kanaa
tuumaaleen sun adabbii xiqqaa ta’ee qabaachuun akka irraa eegamu kan ibsan ta’uu
hubatamuu qaba. Adabbiin keewwata 627(1) jala jiru ammoo isa keewwata 628 jala jiru
caalaa cimee ka’umsaa adabbii isaallee waggaa 15 waan eegaluuf keewwatichi raawwatiinsa
hin qabu.
Gaaffii Marii
1. Seera yakkaa keewwata 620(1), 620(2), 628 yoo ilaalaman Reenjiin adabbii
kaawwamee jiruu waggaa 5 irraa kan eegalu yoo ta’uu baaxiin isaa garuu waggaa
5,20fi 25 walduraaduubaan ta’a. Kanaafuu reenjii inni gadi-aanaan (hidhaacimaa
www.abyssinialaw.com
waggaa 5) waan wal-qixa ta’eef adabbiin ka’umsaa (ideal punishment) kewwatoota
kana jalatti namoota ballessaa jedhmaniif qabannu walqixa ta’uu ni danda’aa?
Maaliif? Walqixa hinta’uu kan jettan yoo ta’e adabbiin ka’umsaa seera yakkaa
kessatti ta’eera moo hin teenyee kan jedhuuf kallattii ni agarsiisaa?
2. Seera yakkaa kwt-621-625 jiran yoo ilaallame haala walfakkatuun sadarkaa 4ffaan
miidhaan cimaan qaamaa ykn sammuu dhaqqabe bu’uureffachuun sadarkaan kan
bahee dha.Ulaagaan kun keewwatoota caqafaman jalattii akka firii dubbiitti kan
haammataman dha jettuu?
3. Tumaalee keewwatoota 620(4), 626(5)fi 627(5) waliin ilaaluun miidhaan qaamaa ykn
sammuu cimaan yakka tokko cimsuuf ykn ammo yakka daddabalamaa jedhe ifatti
tumeera. Gochoonni akkanaa miidhaa sammuu fi qaamaa cimaa hordofsiisuu akka
danda’an amanamaa ta’u shaala keewwata armaan oliitti ibsamee kanaan ifatti yoo
hin tumamne yakka daddabalamaa ta’uu ni danda’u?
4. Miidhaa qaamaa ykn sammuu salphaan seerota (keewwatoota seeraa) armaan oliitti
caqafaman kana keessattii kan hin haammatamneef maaliif? Raawwii yakoota
saalqunnamtiif
miidhaan
qaamaa
salphaa
ykn
cimaa
dha
jechuuf
maal
bu’uureffannaa?
5. Obboo Agidaw dubartii umuriin ishee waggaa 27 taatee fi dhibee sammuun maraattee
daandiiirra deemaa bultu halkan sa’aatii 6:00tti dirqisiisee gudeede. Obboo Agidaw
kana duradhibee “HIV”qabamee akka jiruu of beekkaa ture. Dhibeen kunis
miidhamtuutti darbuun isaa fi miidhamtuun sababa kanaan ulfaa’u ishee ragaa mana
yaalaan mirkana’eera. Mana Murtiitti himatamee SY keewwata 623fi 628(Afi B)
jalatti ballessaa ta’eera. Qajeelfama adabbii irratti hunda’uun sadarkaa fi gulantaa
baasuun adabbii kennaa.
3.2 Murteessa adabbii Yakkoota Sadarkaan Hin Baaneef
Qajeelfama adabbii Lakk- 2/2006 yeroo qophaa’uu akkuma qajeelfama adabbii Lakk-1/2002
yakkoota hundaaf sadarkaa kan hin qophofneef waan ta’eef gara Fuuladuratti yakkoota
hafaniif sadarkaan qophaa’eef hanga hojiirra olutti akkataa adabbiin yakkoota kana itti
shallagamu waliigalaa ta’e kaa’uun barbaachiisa waan ta’eef akka armaan gaditti akka
hojjatamu kallatiin kaa’amera.
www.abyssinialaw.com
3.2.1 Yakkoota Adabbii Hidhaatiin Adabsiisan
Yakkamaan tokko yakkoota sadarkaan hin baaneen himatamee balleessummaan isaa yoo
mirkanaa’ee, Abbaan Seeraa kan armaan gadii ni raawwata. Kunis yakkamaan keewwata
seeraa adabbii hidhaatiin adabsiisan jalatti balleessaa qaba yoo jedhame fi keewwaani kun
filannoo adabbii hidhaa salphaafi cimaa yoo qabate, jalqaba lamaan keessaa tokko ni filataa.
Haala wal-fakaatuun gochi yakkamaan balleessaa itti jedhame adabbii hidhaa salphaa ykn
qarshiitiin kan nama adabsiisuu yoo ta’e, jalqaba lamaan keessaa tokko ni filata. Asi irratti
dhimma irratti xiyeefatamu qabu, Manni murtii gotoota adabbii kutaa addaa seerichaa
keessatti filannoodhaan kaa’aman kana keessaa adabbii isa tokko yommuu filatu adabbii sana
maaliif akka filachuu danda’ee kaayyoo adabbii wajjin sirriitti ilaaluu qaba. Manni murtii
gotoota adabbii seerichaan kaa’aman keessaa adabbiin inni filatee sirrii akka ta’e, sababa fi
haalli murtii sana itti filachuu danda’e kaayyoo adabbii isa kam kam irratti xiyyeeffate akka
ta’e ifan yoo hin keenye adabbiin kenname akka seera baastuun yaadetti hojii irra olaa jira
jedhanii dubbachuuf kan rakkisuu ta’a.
Kana booda adabbiin manni murtii filatee adabbii hidhaa yoo ta’e, adabbii seera
yakkiichaarra ta’ee jalqabaa hanga baaxii isaa bakka wal-qixa afuritti ni qooda. Itti-aansuun
firii dubbii tumaa seeraa yakkiichaa, haala raawwii yakkiichaafi ulfinaa isaa irratti
hundaa’uun sadarkaan yakkiicha gad aanaa, Gidduu-galeessaa ykn ol’aanaa jechuun addaan
ni qooda, kanaafis sababa isaa haala ifa ta’een kaa’u qaba. Manni murtii sadarkaa yakkiichaa
haala kanaan murteessuudhaaf dhimmoota armaan olitti bifa yaada keessaa galcheen haala
dhimmicha irratti hundaa’uun:
Haala raawwii yakkiichaa,
Akaakkufi hamma miidhaa dhaqabe,
Faayidaa argame,
Yakkiichi durfamee itti yaadame raawwatamufi dhabu isaa, fi
Yakkiichi dagannoon gocha raawwatame yoo ta’e dagannoon kun
 Otoo beekuu hin qaqqabu tilmaama jedhuun yookiin madaaluu dhiisuun
 Tilmaamuu dadhabuun yookiin yaaduu dhiisuun ta’uisaa itti fi k.k.f gargaaramu ni
danda’a.
Haata’umalee, sababoota waliigalaa adabbii cimsufi salphiisuuf akka olan kutaa waliigalaa
seerichaa keessatti kan kaa’aman sadarkaa yakkiichaa addaan baasuuf hin tajaajilan.
www.abyssinialaw.com
Kanabooda, sadarkaa yakkiichaa gad aanaa isa ta’eef sadarkaa 1ffaa keessatti, Gidduugaleessa isa ta’eef sadarkaa 2ffaa keessatti, ol’aanaa isa ta’eef sadarkaa 3 keessatti adabbii ni
murteessa.Manni Murtii sadarkaan yakkiichaa baay’ee ol’aanaadha jadhe yoo itti amane
sadarkaa 4ffaa jalatti adabbii murteessu ni danda’a. Kanatti aansuun, adabbii murteesse
gabatee maxxantu 1 jalaa gulantaa kam jalatti akka kufu ilaalee adabbii ni murteessa.
Sababootni adabbii cimsanii fi salphisan yoo hin jiraanne kun hin barbaachisu.
FKN: Himatamaan qabeenyaa adda addaa tilmaamni isaa kuma kudhan (10,000) ta’e akka
gurguratu kan imaanaan itti kenname faayida dhunfa isaatiif waan olcheef yakka imaanaa
hir’isuutiin balleessa jedhameera (keewwata- 675(1)). Sababa gocha yakka raawwatameen
maatiin miidhaamaan waan itti jiraatan dhabuun rakkoo kan isaan quname akka ta’e manni
murtii hubateera.
Gochi yakkamaan balleessaa itti jedhame hidhaa salphaan ykn hidhaa cimaa waggaa shan hin
caalleen kan nama adabsiisu waan ta’eef jalqaba manni murtii adabbii lamaan keessaa isa
tokko ni filata. Hidhaa salphaan nama yakka ciminni isaa giddu-galeessaa ta’e raawwatee fi
balleessichis hawaasichaaf baay’ee balaafamaa fakkaatee yeroo hin mul’annetti adabbii
bilisummaa dhabsiisuuf murtaa’uu yommuu ta’u, adabbiin hidhaa cimaa kan murtaa’u
immoo kanneen yakka cimaa raawwataniifi keessumattuu yakkamtoota hawaasichaaf
balaafamoo ta’an irratti akka ta’e seerichaan tumameera. 66
Dhimma nuuf dhiyaateerra manni murtii haaloota kana yaada keessa galchuun adabbii hidhaa
salpha filate haa jennu; kana booda garaagarummaa adabbii ol’aanaafi ka’umsaa gidduutti
jiru iddoo afurtti qixeetti ni qoda. Kunis baatii sagal waan ta’uuf, reenjii sadarkoota gidduu
jiru baatii sagal ni ta’a jechudha. Manni murtii sababa yakkiichaatiin miidhaa dhaqabe
(maatiin miidhaamaa rakkachu isaani), faayidaa argame (qarshii 10000) ta’u fi yakkamaan
gochiichaa dursee qopha’ee kan raawwatee ta’u isaa yaada keessa galchuun sadarkaan isaa
ol’aanaadha jedhe haa jennu.Bu’uura kanaan
Sadarkaan 1ffaa (Gad-aanaa) Guyyaa 10 hanga Baatii 9
Sadarkaan 2ffaa (giddu-galeessaa) Baatii 9- Waggaa tokkofi Baatii 6
Sadarkaan 3ffaa (ol’aanaan) immoo Waggaa tokko Baatii 6 hanga Waggaa lamafi
Baatii 3 ta’a.
66
SY RDFI Keewwata-106 fi 108
www.abyssinialaw.com
Manni murtii sadarkaan yakkiichaa ol’aanaadha jedhe waan murteesseef reenjii adabbii
Waggaa tokko Baatii 6 hanga Waggaa lamafi Baatii 3 giddutti ni murteessa jechudha.
Sababooni adabbii cimsanii fisalphiisan yoo hin jiraanen adeemsa armaan olitti eeraman
hordoofu otoo hin barbaachiisne reenjii kaa’ame gidduu adabbiin murta’ee kan xumuramu
ta’a
3.2.2 Yakkoota Adabbii Maallaqaatiin Adabsiisan
Kutaa addaa seerichaa keessatti adabbiin qarshii kopha isa, adabbii hidhaa waliin filannoon
ykn bu’uuraa sy keewwata-92(2) tiin adabbbii qarshii murteessu yoo barbaachiisee
Sadarkaa ol’aanaan hanga baaxii adabbii tumaa keessatti tumameetti,
Sadarkaa Giddugaleessi baaxii-1/3(baaxii) hanga gahutti,
Sadarkaa gad aanaan hanga baaxii-2/3(baaxii) gahutti ni adabsiisa.
Kutaa addaa seerichaa keessatti adabbiin kun ka’umsi isaa kutaa waliigalaa seerichaa
keessatti kaa’ame irraa haala addaatiin kan kaa’ame yoo ta’e, ka’umsa kana irraa gadi bu’uu
hin danda’amu.
3.3. Itti fayadamaa Sababoota Adabbii Cimsanii fi Salphiisan
A) Sababoota Waliigalaa Adabbii Cimsan
Raawwii qajeelfamiichaatiif sababoota waliigalaa SY keewwata-84(1(A-E)) jalatti
argaman tokkoon tokkoon isaani akka sababa adabbii cimsuu tokkoti fudhatamani
walumaagalatti sababootni kun akka sababoota adabbii cimsan shanitti fudhatamani jiru.
Haata’umalee keewwata-xiqqaa tokko jalatti sababootni adabbii cimsan daddabalamani
kan argaman yoo ta’e, manni murtiichii sababa isa barreeffamaan ibsuun adabbiicha
akkuma barbaachiisummaa isatti cimsu ni danda’a. 67 Manni murtii tokkoon tokkoon
sababoota adabbii cimsaniif gulantaa adabbii ka’umsaa bu’eera gulantaa tokko ol
dabaluun ni murteessa. Kanaafuu, baayy’ina sababoota adabbii cimsuuf argamaniin
gulantichi kan ol’dabalu ta’a.
Asirratti wanta beekamu qabu keewwata-84 jalatti sababootni kopha isaani fi
daddabalamani argaman kun lakkoofsaadhaan hamamiyyuu yoo baayy’atan, manni
murtichii sababoota shan caalaa fudhate adabbii cimsuu akka hin qabne tumameera.
67
Akkuma Lakk-35 Keewwata 21(1)
www.abyssinialaw.com
Sababoota keewwata- xiqqaa jalatti kaa’aman kana hundaa isaaniif qabxiin kan kennamu
yoo ta’e rakkoo boqonnaa tokkoffaa keessatti caqafaman hordoofsiisu waan danda’uuf
qabxiin sababoota waliigalaa adabbii cimsan shan ol akka hin taanne qajeelfamichaan
daangeefamuun isa kan deegaramu dha. Kanamalees, Manni murtii sababoota adabbii
cimsaniin fayyadamee adabbii yeroo cimsu tumaa rogummaa qabu kutaa addaa seera
kanaan ykn seeroota birootiin tumameen fiixee adabbii murta’ee otoo hin darbiin
adabbicha murteessu SY keewwata-183 jalatti waan kaa’amef, sababoota kana garmalee
akka baayy’atan taasiisuun hiikaa kan hin qabne akka ta’e hubachu ni danda’ama.
Sababoota keewwata xixiqqa “A, B, C, D, E” jalatti tarreefaman keessa sababni tokko
qofa yoo argamelee, akka sababa adabbii cimsu tokko argameeti fudhachuun adabbiin
akka cimu ni taasifama.
B) Sababoota Addaa Adabbii Cimsan
Seera yakka Itoophiyaa keessatti sababoota addaa adabbii cimsan lama akka ta’an ni
beekama. Isaanis: Yakkoota daddabalamaafi irra deddeebii raawwatamani yoo argamani
dha. Yakkoonni daddabalamaafi irra deddeebii yommuu mudatan adabbichi kan cimuu
bu’uura seera kana keewwata 184 hanga 188 jalatti tumameen ta’a. 68
Adabbii Yakkoota Daddabalamaa Murteessu
Akkataa adabbii yakkoota daddabalamaa itti murtaa’u ilaaluun keenya dura yakkoota
daddabalamoo jechuun maal akka ta’e haala gabaaba ta’een haa ilaallu: Namni kamiyyuu
yakkoota daddabalamaa raawwateera kan jedhamu:
A.Yakkoota qabatamoo akaakuu tokko yookiin adda addaa lama yookiin lama kan caalan
kamiyyuu walitti aansuun kan raawwate yoo ta’e; yookiin
B.Gocha tokkoon yeroo tokkotti tuumaalee seeraa lama yookiin lamaa ol ta’an darbuun
yookiin gocha tokkoon yakkoota bu’aa qabatamaa addaddaa hordofsiisan raawwachuun
yakkoota dachaa kan raawwate yoo ta’e; yookiin
C.Yaada yakka tokko raawwachuun yookiin dagannoon yakkii inni raawwate tumaa seeraa
tokko kan darbu ta’ee mirga yookiin faayidaa namoota lakkoofsi isaanii lamaa ol ta’erratti
miidhaa akaakuu tokko qabu kan hordofsiise yoo ta’edha.
69
Yaadooni keewwatoota kana
jalatti kaa’aman ifa yoo ta’anilee oggeessoni seera yaadoota kana haala barbaadameen hojii
68
69
SY RDFI keewwata-85 fi Qajeelfama adabbii 2/2006 keewwata-22
SY RDFI Keewwata 60
www.abyssinialaw.com
irraa akka hin olee akka sababaati wanti isaan dhiyeessan SY keewwata- 61 fi 62 waan
ta’aniif, keewwatoota kana haala gabaaba ta’een ibsa isaan irratti kennuun rakkoo yaada
keewwata-60 wal-qabate ka’uuf furmaata ta’a yaada jedhu qabana.
Keewwatni xiqqaa tokko keewwata 61 jalatti yaada ibsame yoo ilaale, Mirgi seeraan eegame
tokko ta’e irratti yakkii walitti makkamee tokko ykn tokko ol yoo raawwatame dha
(imperfect concurrence offence). Fkn: himatamaan tokko yaada nama ajjeessuutiin nama “x”
jedhame beekamu irratti miidhaa qaamaa cimaa yoo gesiisee fi midhamaan miidhaan kun
isarraa gahee guyyoota muraasa booda yoo du’e, himatamaan kun kan gaafatamu qabu gocha
ajjeechaatiif malee miidhaa qaamaa inni raawwateef kophaati, du’aadhaaf immoo qophaati
ta’u akka hin qabne kan agarsiisu dha. Sababni isaas du’aan akka dhaqabu miidhaan
jiraachuun isaa akka kutaa yakkiichaati kan ilaalamu waan ta’eefidha.Haala wal-fakkaatuun
dubartii dirqsiifamte gudeedamte miidhaa qaamaa ishe irraa gaheef qophaati, gudeediif
immoo qophaati himanna qopheessuu hin danda’amu.
Qabxiin inni lamaffaan yakkamaan yakkaa daddabalamaatiin kan hin gaafatamne yakkamaan
yaada yakka tokko raawwachuuf yookiin dagannoon mirga seeraan eegame tokko irratti irra
deddeebi’amanii yookiin walitti aananii gochoonni yakka yoo raawwate dha. Kana jechuun
yakkii raawwatamaa jiru irra deddeebiin ykn walitti aanuun kan raawwatame yoo ta’eilee
yaadni yakkamaan gocha sana raawwachuuf qabu xumuraa waan hin arganeef yakka
daddabalamaatiin hin gaafatamu.
Fkn: Obbo “C” itti yaade qabeenyaa nama haatuuf halakan tokko guutuu mana obboo
Girmaati deddeebi’e xaafii kuntaala kudhan yoo haate himanaa tokkotiin qofa kan gaafatamu
ta’a malee yakka daddabalamaatiin hin gaafatamu.
Qabxiin inni sadaffaan raawwatichi yakka murta’e raawwachuuf yaada qaba jedhamee kan
tilmaamamu yoo ta’e dha. Akka tumaa keewwata kanaattis maallaqa sobaa hojjechuun akka
yakka bu’uuraatti kan fudhatamu dha. Maallaqa sobaa kana naannessuun ykn itti
fayyadamuun garuu yakka isa bu’uuraa galmaan gahuuf yakka itti aanee dhufu akka ta’e fi
yommuu akkas ta’u immoo adabbiin yakka inni bu’uuraa adabsiisu adabbii gochoota itti
aansuun dhufanii akka haguugu seerichi ni ibsa. Seerichi maallaqa sobaa hojjechuu qofa otoo
hin taane sanada sobaa qopheessuu fi faayidaa hin malle argachuuf yakka qabeenyaa irratti
raawwatamu illee akka ilaallatu ifan adda baasee kaa’eera. Haata’umalee, gochooni armaan
olitti eeraman yaadaa haaraawaan ykn dagannoon yakka biraa irra deebi’uun yoo
raawwataman, yakkiicha kan raawwate nama duraan miidhee ture yookiin mirga seeraan
www.abyssinialaw.com
eegame sana irratti ta’uyyuu yakkii kun akka yakka haaraati fudhatame adabbiin bu’uura
seera yakka keewwata-184tiin kan shallagamu ta’a. 70
Yakkoonni Qabatamoo Yommuu Daddabalamaa Ta’an Akkataa Adabbii Itti Cimuu
Yakkoonni daddabalamaa lama yookiin isaa ol ta’aniifi (Goch-lamee ykn isaa ol) adabbiilee
bilisummaa dhabsiisan hordofsiisan yoo mudatan, bu’uura qajeelfama kanaatiin tokkoon
tokkoon yakkoota daddabalamaa raawwatamaniif adabbiin ka’umsaa ta’e murta’ee
hundumtuu ida’ame guulantaan irratti kufuu addaan ni baha. Adabbiichi guulanta lamaafi
sana ol irratti kan kufuu yoo ta’e, Manni Murtiicha guulanta isa xiqqaa filachuu qaba.
Kanabooda, sababoota waliigalaa adabbii cimsan yoo jiraatan, sababoota kanaan fayyadame
akaakuu adabbichaaf kutaa waliigalaa seerichaan adabbii olaanaa tumame otoo hin caaliin
(jechuunis kan hidhaa cimaa waggaa 25, kan hidhaa salphaa waggaa 5, kan qarshii
seeronni biroo adabbii caalu yoo tuman malee adabbiin maallaqaa baaxii kutaa waliigalaa
(keewwata 90(1)) jalatti ta’e (nama dhuunfaaf qarshii 10,000 (kuma kudhan) dhaabbataaf
immoo 500,000(kuma dhibba shan)) adabbii ni murteessa. 71 Yakkoonni hidhaa cimaafi
hidhaa salphaatiin adabsiisan daddabalamaa ta’anii yoo argaman raawwii keewwata kanaatiif
adabbiin hidhaa salphaa waggaa lamaa akka hidhaa cimaa waggaa tokkootti ni lakkaawama.
Fakkeenya 1ffaa, ‘A’ n Yakka ajjeechaa fi dirqisiisani gudeedutiin keewwatoota seera yakka
540 fi 620(1) jalatti himatame yoo balleessaa ta’e, Manni murtii jalqaba tokkoon tokkoon
yakkoota kanaaf adabbiin ka’umsaa ta’e murtaassee lachuu ida’e guulantaan irratti kufuu
addaan ni baasaa. Kanabooda, sababoota waliigalaa adabbii cimsan yoo jiraatan, sababoota
kanaan fayyadame adabbii hidhaa cimaa waggaa 25 otoo hin caalchisiin murteessuu ni
danda’a.
Fakkeenya 2ffaa; Dhimmi kun himataa Abbaa Alangaa fi himatamaa Geetachoo Forsiidoo
gidduu ture dha. Abbaan Alangaa Magaalaa Adaamaa himanaa gaafa 21/09/2004
barreeffamee dhiyeesseen himatamaa kana SY keewwata 390(1) fi 385(1A) biraa darbuun
himatame, himatamaan gocha itti himatamee kana guutuumaan guutuutti waan amaneef
dhaddacha gaafa 21/09/2004 oleen Lakk- galmee 60732 ta’e irratti keewwatoota himatamaan
itti himatamee lachuu jalatti murtii balleessummaa kenneera.
Dhimma kana irratti bu’uura qajeelfama adabbii Lakk-2/2006tiin adabbii murteessuuf
adeemsa armaan gaditti rarreeffaman irratti hundaa’u barbaachiisa dha. Kunis; Jalqabaa
70
71
SY RDFI Keewwata 62
SY RDFI Keewwata 184(1B) fi Qajeelfama Adabbii Itoophiyaa Keewwata 22(1A)
www.abyssinialaw.com
keewwatooni yakkamaan balleessaa itti jedhaman sadarkaan isaaniif kan hin baaneef waan
ta’eef sadarkaa isaani ni baasaa. SY keewwatni 385(1A) adabbii qarshii fi hidhaa salphaa
filannoon waan qabuuf manni murtii haala qabatamaa dhimmicha ilaaluun adabbii hidhaa
salphaa filateera haa jennuu. Kana booda adabbii keewwaticharraa ta’ee jalqabaa hanga
baaxii isaa bakka wal-qixa afuritti ni qooda. Itti-aansuun firii dubbii tumaa seeraa yakkiichaa,
haala raawwii yakkiichaafi ulfinaa isaa irratti hundaa’uun sadarkaan yakkoota kana Gadaanaa dha jedhe qabate yoo jennee, yakkoonni kun daddabalammoo waan ta’aniif sadarkaa
kana jalatti tokkoon tokkoon yakkootaaf adabbii kaa’umsaa ni qabataa.
Tokkoon tokkoon yakkoota kanaaf adabbiin ka’umsaa ta’e murtaassee kana ida’e guulantaan
irratti kufuu addaan ni baasaa. kana booda sababoota waliigala adabbii cimsan yoo jiraatan
guulanta adabbiin ida’ame itti kufeerraa kaasuun kan cimsuu ykn kan salphiisuu ta’a. Garuu
SY keewwata 385(1) adabbii hidhaa salphaatiin, keewwatni 390(1) immoo hidhaa cimaatiin
kan adabsuus waan ta’aniif adabbii ka’umsaa yommuu murteessinu yaadarimee keewwata
184(1B) jalatti kaa’ame “Yakkoonni hidhaa cimaafi hidhaa salphaatiin adabsiisan dachaa
ta’anii yoo argaman raawwii keewwata kanaatiif adabbiin hidhaa salphaa waggaa lamaa
akka hidhaa cimaa waggaa tokkootti ni lakkaawama” tilmaama keessaa galu qaba.
Yakkoota daddabalamaa goch-tokko, goch-lameefi sana ol ta’an ilaalchiise yaadni
qajeelfamichaa irratti kaa’ame adabbii qarshii ilaalchiise adabbiin murtaa’u sababoota
waliigalaa waan argamaniif kan hin cimne ta’usaarra kan hafee SY keewwata-184(1(B, C, D)
kan ilaalatu dha. SY keewwata-184(1(A, E) ilaalchiise wanti seerichaa irratti kaa’ame ifa yoo
ta’elee qabatamaan Manneen Murtii murtessaa adabbii isaani wajjiin wal-qabte rakkoon kan
mul’atu waan ta’eef barreeffamaa kana keessatti ilaalamuun isaani barbaachiisa dha.
SY keewwata-184(1A) yakkoota daddabalamaa goch-lamee bilisummaa yookiin lubbuu
dhabsiisuun adabsiisan keessaa sababa isa tokkootiin du’a yookiin hidhaa umurii guutuu
yookiin yakkoonni kun adabbii hidhaa akaakuu wal fakkaata kan adabsiisan ta’ee, sababa isa
tokkoon adabbii olaanaan kutaa waliigalaa seerichaa keessatti tumame /Keewwata 106 fi 108/
yoo murtaa’u, murtiin kun adabbii yakkoota daddabalamaa biroo ilaalchiise murtaa’u hunda
walitti hammatee ni qabata. Kanaafuu, manni murtii sababa yakka tokkotiin adabbii ol’aanaa
filate kan murtessuu yoo ta’e, adabbiileen hafan adabbii murta’e kana jalatti kan hamataman /
Assimilate/ waan ta’aniif yakkoota birootiif adabbii murteessu otoo hin isaa hin
barbaachiisiin ni dhisaa.
www.abyssinialaw.com
Kanamalees, manni murtichaa sababa yakkoota daddabalamaa ta’an keessaa tokkoon
qabeenyi adabamtichaa akka dhaalamu kan murteesse yoo ta’e, sababa yakka birootiin
adabbii maallaqaa dabalataan murteessuu hin danda’u. 72 Yakkoonni hariiroo qaban yommuu
raawwataman, isaan keessaa inni tokko kan raawwatame yakkii biroo akka raawwatamu
taasisuuf yookiin mijeessuuf yookiin yakka raawwatame biroof dahoo akka ta’uu taasisuuf
yaadamee yoo ta’efi hanga yakka addaa tokko kan hundeessan ta’uun isaanii kutaa addaa
seerichaa keessatti hin ibsamneetti bu’uura keewwata 184tiin manni murtichaa adabbicha
hanga gulantaa ol’aanaatti cimsee murteessuu qaba. 73
Jechi adabbii hanga gulantaa ol’aanaa jedhu adabbii kutaa addaa seerichaa keessatti
gochoota yakkaaa raawwatameef kaa’ame dha moo kan kutaa waligalaa keessatti kaa’amefi
gaafii jedhu nu keessatti ummamu ni danda’a. Oggeessooni seeraa tokko tokko gaaleen kun
adabbii ol’aanaa yakka cimaaf kutaa adda seerichaa keessatti kaa’ame ibsuuf yaada ta’e dha
jechuun ka’u. Yaadni kun yakkamaa yakkoota daddabalamaa adda addaa raawwatee irratti
hanga adabbii ol’aanaa hanga yakka isaa cimaaf qofa akka murtaa’u gochuun abbootiin
seeraa sana biraadarbani yakkamaa irratti adabbii akka hin cimsinne kan daanggeessuu waan
ta’eef nama yakka cimaa tokko raawwate fi nama yakkoota cicimmoo baay’ee raawwate
gidduuti garaagarummaan akka hin uumamne taasiisa. Yaadni kun yaada dhama qabeessaa
miti.
Akka qopheesiitoota moojuulli kanaatti jechi kun kan agarsiisu adabbii ol’aanaa kutaa
waliigalaa seerichaa keessatti kaa’amefi dha. Sababni isaas manni murtii yakkoota adabbii
hidhaa umurii guutuu ykn du’aatiin adabsiisan alaaatti bu’uura sababoota addaa adabbii
cimsaniin fayyadamee adabbii kan cimsuu yoo ta’ee, adabbii ol’aanaa kutaa addaa seerichaa
keessatti yakkiicha isa cimaaf kaa’ameen otoo hin daangeffamiin adabbii cimsuu ni danda’a
waan ta’eefi. Dabalataan SY keewwata 63 fi 185 wal bira qabne yommuu xiinxallu
yakkamaan yakka biroo raawwachuuf akka isaaf mijatu yookiin yakka duraan raawwateef
dawoo akka isaaf ta’u yakka biroo kan raawwate yoo ta’eefi yakka muummee raawwachuuf
yaade kanaaf yoo xiqqaate kan yaale yoo ta’e, seerichi akka yakka cimaa tokkootti kan
lakkaa’u yoo ta’e malee dambiin raawwii adabbii waa’ee adabbii yakkoota dachaa /keewwata
184/ jalatti kan tumame raawwatamu akka qabu ni hubatamaa.
72
73
SY RDFI keewwata-184(1E)
SY RDFI keewwata-185
www.abyssinialaw.com
Kanaaf haaloola SY keewwata 184 jalatti kaa’ameen adabbii kan cimsiinu yoo ta’ee immoo,
keewwatni kun yakkamaan sababa isa tokkoon adabbii ol’aanaan kutaa keessatti tumame
/Keewwata 106 fi 108/ kan murteessee yoo ta’e alatti sababa yakkoota hariiroo qaban
birootiin manni murtichaa bu’uura keewwata kana keewwata 184 1 (b) tiin tokkoon tokkoon
yakkoota hariiroo qabaniif adabbiin barbaachisaa
ta’e murtaa’ee hundumtuu ida’uun
adabbiicha olkaasuun murteessuu kan qabu akka ta’e waan ibsameef yaadni kun adabbii
ol’aanaa kutaa adda seericha keessatti yakka isa cimaaf kan kaa’ame osoo hin ta’iin adabbii
ol’aanaa kutaa waliigalaa seerichaa keessatti kaa’ameef kan hojjatu dha. Kanamalees yaadni
keewwata kana jalatti kaa’ame kan Manneen Murtiidhaaf dhiifame otoo hin ta’iin dirqamaa
kan isaan irratti gatuu akka ta’e hubatamu qaba.
Balleessichi adabbii itti murta’ee raawwachaa otoo jiru ykn erga xumuree booda, murtiin
kennamuun dura yakka daddabalamaa biroo raawwate jiraachuun isaa yoo beekame, manni
murtichaa yakkoota dachaa balleessichi raawwateen yeroo tokkotti otoo itti murta’ee jiraatee
adabbii olaanaa silaa itti murtaa’u danda’u otoo hin darbiin ni murteessa. Haala
walfakkaatuun yakkoota daddabalamaa qabatamaa ykn gocha tokko yakkamaa tokkotiin
raawwataman Mana Murtii ykn dhaddachoota gara garaatiin ilaalamane murtii adabbii yoo
irratti kenname adabbii waliigalaa tokko bu’uura tuumaalee gubba irratti ibsamaniin kan
isaan irratti murtaa’u ta’a. 74
Gocha Tokkoon Yakkoonni Daddabalamaa Yommuu Raawwataman: Yakkoonni
daddabalamaa raawwataman goch-tokkee ta’ani bu’uura SY keewwata-187(1) keewwata
lamaaffaa fi 187(2B) jalatti ibsameen adabbiin kan cimuu yoo ta’e, Manni Murtiicha
yakkoota dadabalamani raawwataman keessaa isa cimaatiif adabbii ka’umsaa guulantaan
irratti kufuu addaan baasuun baayy’ina yakkoota hafaniin guulantaa lama lama akka dababalu
taasifameera. Kanaabooda sababoota waliigalaa adabbii cimsan yoo jiraatan, sababoota
kanaan fayyadame adabbii olaanaa kutaa addaa seerichaa keessatti yakka cimaaf tumame
otoo hin darbiin adabbicha cimse ni murteessaa. 75
Yakkoota adabbii isaani bu’uura SY keewwata-184 fi 187(1) keewwata 2ffaa fi 2(B) tiin
murtaa’u yakkoota daddabalamaa yoo ta’anilee, akkataa adabbiichii itti shalagamuu ilaachiise
qajeelfamicha keessatti yeroo hojjatamu bifa garaagarummaa isaani agarsiisuu danda’uun
kaa’amera. Daddabalamni goch-tokkee kan cabsee seera adda addaa yoo ta’elee gocha
74
75
SY RDFI kew-186
Akkuma Lakk-35 Keewwata-22(1B)
www.abyssinialaw.com
tokkoon kan raawwatame waan ta’eef hammeenyummaan isaa daddabalama qabatamaatii
gadi dha. Adabbiin yakka haala kanaan daddabalamees kan ida’amu yoo ta’e akka malee ol
ka’uu danda’a. Kanaafuu Manni murtii yakkamtichi yakkoota daddabalamaa kan raawwate
otoo itti hin yaadiin fi hin karoorfatiin yookiin amala badaa kan hin qabne ta’uusaa yoo
amane yookiin yakkoonni daddabalamaa kan raawwataman dagannoon yoo ta’e, adabbiicha
haala addaa ta’een akka shallagamu kaa’amuun isa sirri fi kaayyoo seera yakka waliin kan
deemudha.
Adabbii Yakkaa Irra Deddeebii Murteessu
Yakkamaan tokko irraati bu’uura irra deddeebi’ee adabbiin kan isarratti cimuu ulaagaalee
seerichaan kaa’aman guuttamani yoo argamani dha malee, yakkamaan irra deddeebi’ee
yakka waan raawwateef qofa adabbiin isarrati cimee hin murtaa’u. Yakkamaan irra
deddeebiin yakka raawwateera kan jedhamu adabbii hidhaa itti murta’e guutummaan
yookiin gartokkeen guyyaa xumure yookiin adabbiin kun dhiifamaan guyyaa hafeef irraa
eegalee yeroo waggaa shanii keessatti yakka haaraa ka’umsii adabbii isaa hidhaa salphaa
ji’a jaha ta’een adabsiisuu danda’u itti yaadee kan raawwate yoo ta’edha. 76
Yaada armaan olitti kaa’amera kan hubatamuu yakka irra deddeebiin jira jechuuf jalqaba
gochi haaraa kan raawwatame itti yaadame ta’uu qaba. Kana jechuun yakkamaan gochaa
haaraa kan raawwatee dagannoodhaan yoo ta’ee yakka irraa daddeebi’ee raawwateera kan
isaa jechisiisu miti. Itti yaadamee raawwatamu gochichaa qofa otoo hin ta’in, gochi haaraa
raawwatame ka’umsi isaa adabbii hidhaa salphaa baatii jaha ta’eetiin kan nama adabsiisu
danda’u ta’uu qaba. Kanamalees gochii haaraa raawwatame sun erga yakkamaan yakka
kanaan duraa raawwateen adabbii irratti murta’ee guutuumaan guutuutti ykn walkaan isaa
erga raawwatee ykn adabbiichaa otoo hin raawwatiin dhiifamaan guyyaa bahe irraa kaasse
waggaa shan keessatti kan raawwatame ta’uu qaba.
Ulaagaa isaa lammaffaa irratti kaa’ame ilaalchiise haalli seeraa baasaan ulaagichaa itti
teechisee rakkoo kan qabu ta’ee mul’ata. Sababni isaas yaada keewwaticha jalatti kaa’ame
Akkuma jirutti hojii irraa olchuu qabna jenne kan yaadnu yoo ta’ee, yakkamtoota yakka
adabbii hidhaa cimaatiin adabsiisu danda’u raawwatani argaman ykn yakkamtoota adabbii
hidhaa salphaa baatii jaha gadii ykn oli adabsiisu danda’u raawwatani argaman irratti
raawwatamu hin danda’u jechu dha. Haata’umalee yaadni seera baastooni qaban namootni
yakka adabbii hidhaa cimaa fi adabbii hidhaa salphaa baatii jaha ol ta’een adabsiisu danda’u
76
SY RDFI Keewwata-67
www.abyssinialaw.com
raawwatani argaman irratti adabbiin bu’uura keewwata kanaan akka isaan irratti hin
murtoofne barbaadamee otoo hin ta’in dogoggora irraa kan madde fakkaata.
Yaadni seera baasaan qabu haala seerichaa keessatti kaa’ameen otoo ta’ee manni murtii
bu’uura keewwata kanaan adabbii yommuu cimsuu akaakuu yakkootaa yakkamaan irraa
daddeebi’ee raawwate akkasumas balaafamummaa isaa fi baay’ina yakkoota deddeebi’ee
raawwate yaada keessaa galchuudhaan hanga daangaa adabbii ol’aanaa kutaa waliigalaa
seerichaa keessatti kaa’ame gosa adabbii sanaatiif tumametti cimsee murteessuu ni danda’a
jedhame SY keewwata-188 jajaati hin tumamu ture.
Yakkamaan tokko yakka irra deddeebii raawwachuun isa yoo irratti mirkanaa’e, Manni
Murtiichaa bu’uura qajeelfama adabbiitiin yakka haaraa raawwatameef ka’umsaa adabbii
guulantaan irratti kufuu addaan baasuun adabbiicha bu’uura SY keewwata-188 jalatti
kaa’ameen gulantaa tokko kaase hanga gahadha jedhe itti amaneeti ol’guddisuun
cimsuudhaan ni murteessa. 77 Akka qajeeltootti yakkii irra deddeebbii yakkiicha haaraaf
adabbii fiixee kutaa addaa seerichaa keessatti tumame darbuun murteessuu ni danda’a. Manni
murtichaa yakkiicha haaraaf yookiin yakkoota dachaa haaraa keessaa yakka cimaa ta’eef
kutaa adda seerichaa keessatti adabbii fiixee tumamee hamma dachaa ta’utti adabbicha
cimsuu ni danda’a. Kanajechuun garuu manni murtii daangaa baaxii ol’aanaa yakka haaraaf
ta’e darbuu danda’a malee daangaa baaxii adabbii gosa yakkiichaaf kutaa waliigalaa SY bara
1997 hojiirra oole keessaa ta’e garuu darbuu kan hayyammu miti. Yakkii haaraan
raawwatame yakkoota daddabalamaa yoo ta’an immoo isaan keessaa dacha adabbii yakka isa
cimaa hanga gahutti adabbii cimsuun murteessuu ni danda’ama.
Yaadni armaan olitti kaa’ame kun akkuma jirutti ta’e, Manni murtii akaakuufi baay’ina
yakkoota irra deddeebi’amaniin akkasumas, balleessummaa yakkamtichaafi hanga
balaafamummaa gochichaatiin yeroo ilaalu yakkii irra deddeebii raawwatame kan balaa
guddaa geessisu, baay’ina kan qabu ykn hammeenyummaan yakkamaa ol’aanaa fi gosa
yakkaa cimaa ta’uu isaa yoo hubbate adabbii yakka isa haaraa hanga dachaa adabbii kutaa
addaa keessatti ta’eefi gahutti yookan dachaa isaa caalchisee murteessuu ni danda’a. Manni
murtii akkuma yakka daddabalamaa yakka irra deddeebiifis adabbii yoo murteessu kutaa
addaa keessatti yakka jalatti murtii balleessummaa kenname caalchisuun murteessuu ni
danda’a. Haata’umalee, adabbiin murtaa’u kun akaakuu adabbichaatiif kutaa waliigalaa
seerichaatiin adabbii ol’aanaa tumame caalchisee murteessuu hin danda’u.
77
Akkuma Lakk-35 Keewwata-22(2)
www.abyssinialaw.com
Seerichii akkaakuun yakkoota yakkamaan irraa daddeebi’ee raawwate akkasumas
balaafammumaa yakkamaan qabu fi baayyina yakkoota irraa daddeebi’ee raawwatee yaada
keessaa galchuudhaan adabbii dachaa kutaa addaa seerichaa keessatti gochichaaf kaa’ame
biraa darbun hanga daanga adabbii ol’aanaa kutaa waliigalaa seerichaa keessatti kaa’ametti
adabu akka danda’amu yaa tumamu malee haala qabatamaa itti hojjatamaa jiru yommuu
ilaalu yakkamtootni yakka irraa dedeebi’ee raawwatani argaman gocha yakka yeroo
lamaffaattif isaan raawwatan akka sababaa waliigalaa adabbii cimsutti (rikoordii) fudhatamee
adabbiin yoo isaan irratti cimuu mul’ataa malee bu’uura yaada seerichaatiin hojatamaa hin
jiru.
Sirni adabbiin irra deddeebii itti murtaa’u inni kan biraa yakkamtichi irra deddeebi’aa
amaleeffataa yoo ta’e adabbii murtaa’u dha. Yoo yakkamtichi irra deddeebi’aa amaleeffataa
ta’e manni murtii yakka haaraaf adabbii fiixee kutaa addaa seerichaa keessatti tumame
dachaa darbuun adabbicha olkaasuu murteessu akka qabu haala ifa ta’een kaa’amera.
Asirratti Abbootiin Seeraa wanta sirritti hubachuu qaban yakkamaan amaleeffannaatiin ykn
yakka jiru isaa godhachuun kan dalaguu ta’uun isaa yoo mirkanaa’e adabbii yakkamaa irratti
isaan murteessu qaban yomiyyuu taanaan akaakuu adabbichaaf adabbii fiixee kutaa
waliigalaa seerichaa keessatti tumame hanga hin caaleetti dachaa adabbii ol’aanaa kutaa
addaa seerichaa keessatti yakka haaraaf kaa’ame gadi bu’u hin danda’amu.
Tuumaalee SY Bara 1997 A.L.I hojiirra oole irratti qabxiilee adabbiin irra deddeebii itti
murtaa’u qabu kan armaan olitti ilaalle yaada gahaa ta’e akka nuuf kennuu danda’u ni
abdatamaa. Ta’us garuu adabbiin baaxii tumaa addaa SY bara 1997 hojiirra oole keessatti
keewwata himatamaan jalatti balleessaa jedhamee olitti murtaa’u danda’a haa jedhu malee
hangamiin dabala isa jedhu seerrii yakkaa keenya hin kaa’u. Kanaafis rogummaa kan qabu
Qajeelfama adabbii lakkoofsa 2/2006 yoo ta’uu, keewwata 22(2) gadi fageenyaan yommuu
xiinxallu dhimma kanaaf furmaata itti kenneera. Bu’uura Qajeelfama kanaatiin namni tokko
SY bara 1997 hojiirra oole keewwata 67 jalatti irra deddeebi’aa yoo jedhame manni murtii
adabbii kan murteessuuf jalqaba yakka haaraa raawwateef ykn yakkii haaraan daddabalama
yoo ta’e immoo bu’uura yakka daddabalameef haala armaan olitti ilaalleen adabbiin
ka’umsaa erga murteesse booda bu’uura keewwata 188tiin adabbii cimsuuf immoo gulantaa
adabbii ka’umsaaf qabate irratti akkuma haala isaatti gulantaa tokko irraa jalqabee ittiin
cimsuudhaani.
www.abyssinialaw.com
Akka armaan olitti ibsuuf yaalametti yakkamtichi irra deddeebi’aa amaleeffataa yoo ta’e
adabbii murtaa’u alati, adabbii yakka irra deddeebii murteessu wajjiin wal-qabate manni
murtii aangoo bal’a ta’e ni qaba. Yaada kanaas kan hubannu seerrii yakkaa keewwanni 188
manni murtii hanga dachaa yakka haaraatti ykn dachaa yakka haaraatiin oliin adabu ni
danda’a yoo jedhu baaxii gosa adabbii yakkiichaatiin qofa daangeessuu isaarraa ni hubatama.
Adabbii ka’umsaa qabame irratti gulantaa tokko irraa jalqabee cimsuu danda’a jechuun
qajeelfamichi hanga adabbii irra deddeebiin dabaluu yoo ibsu manni murtii gulantaa tokkoon
qofa dabala jechuu otoo hin taane ulaagaalee keewwaticha jalatti kaa’aman madaaluun
lakkoofsi gulantaa dabalamuu qabu ni murteessaa jechu dha.
C) Sababoota Waligalaa Adabbii Salphiisan
Sababootni Waliigalaa adabbii salphiisan yoo argaman adabbii haala armaan gaditti
kaa’ameen adabbiin kan salphatu ta’a. Raawwii qajeelfamiichaatiif sababoota waliigalaa SY
keewwata-82(1(A-E)) jalatti argaman tokkoon tokkoon isaani akka sababa adabbii salphiisu
tokkoti fudhatamani walumaagalati sababootni kun akka sababoota adabbii cimsan shanitti
fudhatamani jiru. Haata’umalee keewwata-xiqqaa tokko jalatti sababootni adabbii salphiisan
daddabalamani kan argaman yoo ta’e, Manni Murtiichaa sababa isaa barreeffamaan ibsuun
adabbiichaa akkuma barbaachiisummaa isaati salphiisu ni danda’a. 78 Manni murtii tokkoon
tokkoon sababoota adabbii salphiisaniif gulantaa adabbii ka’umsaa argamurraa gulantaa
tokko gadi bu’uun ni murteessa. Kanaafuu, baayy’ina sababoota adabbii cimsuuf argamaniin
gulantichi kan ol’dabalu ta’a.
As irratti wanta beekamu qabu sababootni kopha isaani fi daddabalamani argaman kun
lakkoofsaan hamamiyyuu yoo baayy’atan, manni murtichii sababoota shan caalaa fudhate
adabbii salphiisu akka hin qabne tumameera. Sababoota keewwata- xiqqaa jalatti kaa’aman
kana hundaa isaaniif qabxiin kan kennamu yoo ta’e adabbiin akkamalee salphatee rakkoo
armaan dura kaasnne hordoofsiisu waan danda’uuf qabxiin sababoota waliigalaa adabbii
salphiisa shan ol akka hin taanne qajeelfamichaan daangeefamuun isa kan deegaramudha.
Kanamalees, Manni murtii sababoota adabbii salphhisan fayyadamee adabbii yeroo salphiisu
adabbii seeraan tumame otoo hin darbiin salphiisu qaba /Keewwata- 179/.
Qajeelfama adabbii durii keessatti gocha yakka raawwatame adabbii hordoofsiisu jechuunis
yakkii raawwatamee adabbii hidhaa salphaatiin kan adabsiisu yoo ta’e gulantaa tokkon,
yakkoota ka’umsaa isaani adabbii hidhaa cimaa waggaa tokko ta’eef guulanta lama, yakkoota
78
Akkuma Lakk-35 Keewwata-23(1)
www.abyssinialaw.com
ka’umsaa isaani adabbii hidhaa cimaa waggaa torbafi uumurii guutuu ta’eef gulantaa Sadii,
akkasumas yakkoota ka’umsaa isaani adabbii du’aa ta’eef gulantaa afur gadi bu’uun akka
murtaa’u kan kaa’ame ture yommuu ta’u, 79 kun garuu adabbii yakkamtoota irratti murtaa’u
baay’ee akka gadi bu’uu gochuun kaayyoo adabbii qabu irratti dhibaa mata isaa kan qabu
akka ta’e waan hubatameef yakkii raawwatame adabbii hidhaa salphaanis ta’e cimaatiin yoo
adabsiise gulantaa hirdhifamu gulantaa tokko qofa dha. 80 Yakkooni adabbii hidhaa cimaafi
salphaatiin adabsiisan daddabalamani kan yoo argaman raawwii keewwata kanaatiif adabbiin
hidhaa salphaa waggaa lamaa akka hidhaa cimaa waggaa tokkootti fudhatame adabbii hidhaa
cimaa waliin ida’uun adabbiin ka’umsaa erga beekame booda bu’uura armaan olitti ibsameen
adabbiin kan salphatu ta’u.
Sababoota keewwata- xixiqqa “A, B, C, D, E” jalatti tarreefaman keessa sababni tokko qofa
yoo argamelee, akka sababa adabbii salphiisu tokko argameetti fudhachuun adabbiin akka
cimu ni taasifama. Yaadni kun keessumaatu SY keewwata-84(1A) wajjiin wal-qabate falmii
oggeessota seera gidduuti ka’uuf deebii kan kennuufi murtee Mana Murtii waliigalaa
dhaddachaa ijibbaataatiin kan deegarame waan ta’eef, falmii kanaan dura ka’aa ture kan
hanbiisudha. Kun Akkuma jirutti ta’e kutaa addaa seerichaa keessatti tumaa addaatiin
haalawwan yookiin sababoonni kun adabbii salphisuuf yommuu tumamanitti manni
murtichaa sababootuma kana adabbii salphisuuf irra deebi’uun itti fayyadamuu hin
danda’u. 81
D) Sababoota Addaa Adabbii Salpiisan
Sababootni kun sababoota addaa adabbii salphiisan jedhamani kutaa addaa fi waliigalaa
seerichaa keessatti kanneen kaa’amani dha. Manni murtii akka itti fakkaateetti adabbii
salphisu ni danda’a ykn qaba jedhame seeraan yoo kaa’ame akaaku adabbii ykn daanga
adabbii gadi annaa kutaa addaa seerichaa keessatti yakkiichaaf kaa’ameen otoo hin
daangeffamiin adabbii salphiisu ni danda’a. 82 Kana jechuun manni murtii gosaa adabbii
tokko kan biraatif jijjirus ta’ee adabbii cimaa gara salphaatti gadii buusu ni danda’a jechu
dha. Haata’u malee adabbiin Mana Murtiidhaan kennamu kun haala kaminnu adabbii gadi
annaa kutaa waliigalaa seerichaa keessatti kaa’ame gadii ta’uu hin danda’u.
Sababootni armaan gadii akka sababoota addaa adabbii salphiisanitti kan fudhatamani dha.
79
Akkuma Lakk-47 Keewwata-16(4-9)
Akkuma Lakk- 35 Keewwata-23(4)
81
SY RDFI keewwata-84(2)
82
SY RDFI kew-180
80
www.abyssinialaw.com
 Yakkoota muraasa ta’an irratti mataa offi isaa, fira dhiyoo dhigaa ykn gaa’ila isaa,
nama walitti dhufeenya addatti cimaa ta’e irraa qabu adabbii jalaa miliqsuuf jedhe kan
raawwate yoo ta’ee SY-83 fi 443, 806,446(b),453,561,
 Dhiisuu fi Gaabuu (kew-28-2), yakka raawwtamu hin danda’amne yaaluu (kew-29);
SY kew-49;72;74(2);75;76;77;79;81, fi
 Kutaa addaa seerichaa keessatti kew- 371 fi 372; 550; 454; 544; 652(2) jalatti
kaa’aman akka fakeenyatti ilaaluun ni danda’ama.
Haala addaa ta’een adabbii salphiisu hanga yakkamaa adabbii irraa bilisaan gaggeessuutti
gahu ni danda’a. Kuniis ulaagaleen seera yakka kew- 83(2) jalatti kaa’aman guuttamani yoo
argaman manni murtii yakkamaa adabbii irraa bilisaan akka gadi dhiiffamu murtessu ni
danda’a, garuu manni murtii yakkamaa bu’uura kanaan adabbii dabalataa irraa bilisaan gadii
dhiisuu hin danda’u. Walumaagalatti manni murtii yaada adabbii cimsan fi salphiisan bitaaf
mirgaa irraa dhiyaatu irratti hundaa’udhaan adabbii isaa dhumaa ni murtessaa. Sababootni
adabbii cimsan fi salphiisan bitaaf mirgaa irraa dhiyaatan kan jiran yoo ta’ee manni murtii
jalaqbaa adabbii erga cimsee booda itti annsudhaan adabbii ni salphiisa.
Akkuma armaan olitti ilaaleen seera baasaan sababoota adabbii cimsan fi salphiisan hamma
danda’ame ifa goochuudhaaf yaaliin taasiseera. Haata’umalee jijjiramaa hawaasa keessatti
dhufuu danda’uufi tokkoon tokkoon dhimmoota irratti muudachuu danda’an guutuumaan
guutuuti duursani tilmaamuu rakkiisa waan ta’eef haqaa mirkanneessuuf adabbii salphisuuf
yookiin cimsuuf kan dandeessisu, sababni gahaa biroon seeraan ifatti hin tumamne yommuu
argamuufi kanuma manni murtichaa kan fudhatu yommuu ta’u maaliif akka fudhate ibsuun
barreessuun adabbii murteessuu ni danda’a. 83
Yaadni seericha keessatti kaa’ame kun ta’ee otoo yeroo baay’ee Abbootiin Seeraa adabbii
salphiisuudhaaf yaadooni itti fayyadaman yakkamaan:
Bulchaa Maatii ta’u,
Dhaddachaa irratti amala mul’isu, yeroo baay’ee beellamaa irratti deedeebi’uu isaa,
beellamaarraa kan hin haafnne ta’u,
Barataa ta’u, Galiin isa xiqqaa ta’u, dargaggeessa ta’u fi k.k.f qabxiilee jedhani dha.
83
SY RDFI keewwata-86
www.abyssinialaw.com
Sababooni kun SY keewwata-86 waliin ni deemu jedhani yaaduun yeroo baay’ee kaayyoo
adabbii seerichi qabu waliin kan hin deemne waan ta’eef Abbootiin Seeraa itti fayadamaa
sababota adabbii cimsafi salphiisaniif xiyeeffanna guudaa kennuun haala kayyoo seerichaa
galmaan gahu danda’un itti fayyadamuu qabu jenna.
3.4. Duraa Duuba Murteessa Adabbii Ittiin Hogganamu Ifa Gochuu
Bu’uura qajeelfama adabbii 2/2006ti Manni Murtiicha adabbii murteessuun dura hojii inni
raawwachu qabu keessa inni jalqaba keewwata seera yakkamaan balleessa jalatti jedhame
sadarkaa kan isaaf qophaa’e ta’ufi dhabuu isaa qulqulleessudha. Yakkichii sadarkaan kan
isaaf qophaa’e yoo ta’e booda bu’uura qajeelfamicha kutaa 3ffaa keessatti ta’een sadarkaan
yakkiichaa ni murta’a. Itti aansuun, gulantaa sadarkaan yakkiichaa keessatti kufu gabatee
adabbii maxxantuu 1ffaa irraa adda baafama. Kanabooda reenjii adabbii kaa’ame keessatti
adabbii ka’umsaa ni murta’a. Haata’umalee sababooni adabbii cimsan fi salphiisan yoo
jiraatan manni murtii haala armaan olitti kaa’ameen adabbii ka’umsaa murteessuu otoo hin
barbaachiisin bu’uura qajeelfamiicha irratti kaa’ameen adabbii ni cimsaa ykn ni salphiisa.
Yakkichii sadarkaan hin qophofnnee yoo ta’e immoo haala barreeffamaa kana boqonnaa
sadaffaa keessatti ibsameen dursani sadarkaa isaa addaan baasuu barbaachiisadha.
Kanabooda, sadarkaalee keewwata seera yakkiichaaf qopha’ee keessa gochaa yakkamaan
raawwateef sadarkaa madaaluu addaan ni baasna. Sadarkaan isaa yoo addaan bahe
sadarkiichaaf adabbii ka’umsaafi baaxii isaa haala salphaa ta’een addaan baasuu ni
danda’ama.
Itti-ansuun reenjii adabbii kaa’ame keessatti adabbii ka’umsaa ni murta’a.
Adabbiin ka’umsaa erga murta’e booda gulantaa irratti kufuu addaan baasuun sababoota
adabbii cimsan fi salphiisaniin fayyadamuun adabbiin isaa xumuraa kan murtaa’u ta’a.
Yakkootni sadarkaa qopha’eefi hin qophofneef daddabalamani raawwatamani yoo argaman
bu’uura qajeelfama kanaatiin tokkoon tokkoon yakkootaaf adabbii ka’umsaa erga murta’e
booda adabbii yakkoota kana bakka tokkoti ida’uun akka adabbii ka’umstti fudhachuun
bu’uura armaan olitti ibsameen kan shallagamu ta’a.
Gaaffii Marii
1. SY kwt-540 jalatti namni balleessa jedhame ilaalchiise ka’umsa yakkichaatiif sababa kan
ta’e namni 3ffaa (miidhamaafi yakkamaa ala ta’e) yoo ta’e adabbiin haala kamiin murta’a?
2. Miidhaawwan qaama cimaa dagannoon raawwataman wajjiin wal-qabatee (SY kwt-559)
sadarkaan yakkicha ennaa qophaa’uu yakkamaan gochicha kan raawwatee yakkaan kan nama
www.abyssinialaw.com
gaafachiisu ta’uu isaa osoo beekuu hin qaqqabu tilmaama jedhuun ykn madaaluu dhiisuun isa
jedhufi yakkaan kan nama gaafachiisu ta’uu isaa osoo hin beekiin yaaduu dhiisuun kan
raawwatamee ta'uu isaa (SY kwt-59) yaada keessa bifaa galcheen miti. Sadarkaan yakkichaa
haala kanaan qophaa’uun isaa adabbii murtaa’u ilaalchiise rakkoon inni uumuu danda’u jira
jettani yaadduu? Kwt-559 jalatti adabbii murtaa’uuf yaada kana haala kamiin hojjiirra olchu
dandeenya?
3. Obboo Tujiin gaafa 11/10/2005 qabeenya tilmaamni isaa qarshii kuma Sadii baasuu
haatuun isaa waan mirkanaa’eef balleessa jedhamaniiru (SY kwt-665). Kanamalees
haalawwan seera kana kewwata 67 jalatti ibsaman guutamani kan argaman yommuu ta’u
kanamalees yakkamaan irra deddeebi’aa amaleeffataa ta’uun isaa mirkanaa’eera. Qajeelfama
adabbii 2/2006 fi seera yakka irratti hundaa’uun adabbii isaa murteessa?
4.Oggeessoonnii seera tokko tokko yakkoota sadarkaan hin baaneef ilaalchiise qajeelfama
adabbii kwt-19(10) jalatti manni murtii sadarkaan yakkicha baay’ee cimaadha jedhe yoo itti
amane gulantaa 4ffaa jalatti adabbii ka’umsaa murteessuu akka danda’a tumamuun isaa
yaada sy kwt-189 jalatti kaa’amee kan faalleessudha jedhani amanu, isiin yaada kana
akkamitti madaaltu?
5.Yakka sadarkaa yaaliitti hafe (kwt-27); Kakaasuu (kwt-36) fi Gargaaruu (kwt-37)
ilaalchisee bu’uura sy kwt-179tiin akka sababa waliigalaa adabbii salphisu tokkotti
fayyadamuun adabbii salphiisu akka danda’amu tumameera. Sababoota kana akkumaa
sababoota waliigalaa adabbii salphiisuuf sy kwt-82 jalatti kaa’amniin fayyadamuun adabbii
salphiisuuf ittin gargaaramuun alatti filannoo biroo jira jettani yaadduu? yoo jiraatan haala
kamiin itti gargaaramuu dandeenya?
Dhimma 6ffaa
Dhimmi kun himannaa abbaa alangaa fi Fiqaaduu Urgiyyoo ture dha. Himatamaan seera
yakka keewwata-539(1A) bira darbuun himatame, Manni Murtii Ol’aanaa Magaalaa
Adaamaa dhimmicha Lakk-Galmee 11606 ta’ee irratti ilaale keewwata yakkamaan itti
himatame gara seera yakkaa keewwata 540tti jijjiiree murtii balleessumaa kennee jira.
Yakkamaan gocha kana kan raawwate kanaan dura yakka yaalli ajjeechaa raawwateen
adabbii hidhaa cimaa waggaa 10 adabame mana amalaa sirreessaa keessatti otoo jiru akka
ta’e falmiicha keessatti ibsameera.
www.abyssinialaw.com
Yaada adabbii bitaaf mirga irraa yeroo dhiyaatuus Abbaan Alangaa yakkamaan kun armaan
dura yakka yaalii ajjeechaa raawwatee adabbii waggaa kudhan kan isaa irratti murta’ee ta’uu
isaa garagalchaa murtiichaa dhaddachaa irratti dhiyessuudhaan bu’uura seera yakka kew-84
(1C) tiin adabbii akka isaa irratti cimuu gaafateera.Manni murtiisa yaada Abbaa Alangaa
dhiyessee kana bu’uura seera yakka kew-84(1C) tiin akka sababaa waliigalaa adabbii cimsuu
tokkotti fudhate yakkamaan adabbii hidhaa cimaa waggaa sagaltiin akka adabamu
murtesseera. Dabalataanis D/kennaan ammaa kun yaalii ajjeechaa raawwateen adabbiin akka
itti murtaawee jiru waan hubatameef adabbii galmee kanarratti kennamee erga dabbiin duraa
xumurameen booda kan raawwatamu ta’uu beekanii haala kanaan akka raawwachiisanmana
amala sirreessaaf ajaja dabarseera.
1,Yakkii haala kanaan yoo raawwatamu sirni adabbii hordofamuu qabu akka yakka
daddabalamaatti dha moo akka irra deddeebiitti? Ykn akka yakka of danda’ee haaraa
raawwatameetti lakkaa’amee murtaa’aa? Maaliif?
Dhimma 7ffaa
Dhimmi kun himatamaan Raggasaa Naggasaa Boosatfi Abbaa Alangaa gidduu ture dha.
Himatamaa kana irratti himanaa gaafa 30/05/2005 barreeffamee dhiyaateen, Himanna 1ffaa
SY keewwata- 539(1A) biraa darbuun nama lama waan ajjeesseef akkasumasi himanni
lamaffaan immoo iddoo fi yeroo himanna 1ffaa keessatti ibsameen SY keewwata-27(1) fi
539(1A) bira darbuun dhukaasa banneen tokko mata gara duuba rukkutee yaalii ajjeechaa
waan raawwateef himatameera kan jedhu dha.
Manni murtii falmii bitaaf mirga irraa dhiyaate Lakk- galmee 33291 ta’e irratt dhagahee
dhaddachaa gaafa 09/07/2005 oleen himatamaa kewwatoota itti himataman lachuu jalatti
balleessa qaba jedhe murtessee, yaada adabbii Abbaa Alangaa: keewwata- yakkamaan
balleessaa itti jedhame lama waan ta’eef adabbii cimee akka irratti keennamu jedhe
gaafateera. Himatamaan gama abbuukaatoo ittisaa isaatiin rikoorddii narraatti dhiyaate hin
jiru kun immoo ani nama nagaa ta’u koo kan agarsiisu dha. Kanamalees barumsaa hin qabu
waan ta’eef adabbiin naaf haa salphaatu jedheera.
Manni murtii yaada adabbii bitaaf mirga erga dhagahe booda yakkamaa irratti kuusa yakka
dhiyaate hin jiru. Himatamaan abbaa maatti hedduu fi kan hin barannee dha. Himatamaan
gochaa raawwachuu hin ittifnnee. SY immoo nama akkanaatiif adabbii akeekkachiisa kennuu
barbaachiisa dha waan jedhuuf manni murtiis tuma kanaa hojii irraa kan olchuu waan ta’eef’
www.abyssinialaw.com
haalummaa kanaan himataa dhiyaatee bu’uura SY kw- 85 fi 184(1A) himataa 1ffaa jalatti
hamachiisuudhaan gaafa harkii isaa qabamee irraa eegalee hidhaa cimaa waggaa 20 tiin akka
adabamuu sagalee tokkoon murteesseera.
1, Haalli manni murtii adabbii itti murteesse hamachiisuudhaan kan shallagamee dha inni
jedhu yaada sirrii dha moo, miti maaliif?
2, Iddoo dhuftanitti yakkootni wal-fakkaatan yeroo isiin qunamu adabbiichaa haa kamiin
shallagduu, muuxannoo qabdan irratti hunda’uun bal’innaan irratti mari’adha.
3, Yakkoota haala dhimma kana irratti ibsameen raawwatamaniif kaayyoon adabbiichaa
akkuma manni murtii kun jedhetti akeekkachiisa kennuu dha?
Dhimma 8ffaa
Dhimmi kun Abbaa Alangaa fi yakkamtoota Tufaa Deessisaa faa jiddu jiru ilaalchiise
Abbaan Alangaa himataa Lakk- 373/0075/2000 fi 374/ 00083/2000 gaafa 15/07/2000 tiin
barreeffameen akkasumas Lakk-520/00253/2000 gaafa 13/09/2000tiin barreeffameen
yakkoota daddabalamman adda addaa raawwatani waan argamaniif himatamani jiru kan
jedhu dha. Manni murtii ol’aanaa Godina Shawaa Lixaa himana dhiyaate kana Lakk-galmee
20881, 20788, 21070 ta’an irratti falmii bitaaf mirgaa irraa dhiyaate dhagaahe yakkamtoota
Tufaa Deessisaa, Awwaluu Quxxubee fi Gammachisaa Tarreessaa Lakk- Galmee 20881
ta’ee irraatti dhaddachaa gaafa 18/03/2002 oleen adabbii umurii guutuu, Waggaa (10)
kudhaniin, Waggaa 15 (kudha shaniin), fi Lakk-galmee 20788 ta’ee irratti dhaddachaa gaafa
16/07/2002 oleen adabbii umurii guutuu, umurii guutuutiin, waggaa 10 (kudhaniin) wal duraa
dubaan akka adabaman yommuu murtessuu, Kanamalees Lakk-galmee 21070 ta’ee irratti
dhaddachaa gaafa 26/02/2003 yakkamtoota tokkoon tokkoon isaani adabbii hidhaa cimaa
waggaa 10(kudaniin) akka adabaman murtessee jira.
Galmee kanarrati gochi yakkamtootni raawwatan yakkoota daddabalamaa yommuu ta’aan
yakkoota Lakk-galmee 20788 jalatti eeraman raawwachuun isaanii kan mirkanaa’e
yakkamtootni Lakk-galmee 20881 jalatti murtii adabbii isaan irraatti murta’ee otoo
raawwachaa jiran yommuu ta’u, yakkoota Lakk-galmee 20107 jalatti kaa’aman raawwachuun
isaani kan mirkana’ee immoo yakkamtootni Lakk-galmee 20788 fi 20881 jalatti murtii
adabbii isaan irraatti kenname otoo raawwachaa jirani dha.
 Haalli murtii adabbii yakkamtoota Tufaa Deessisaa fi Awwaluu Quxxubee irratti
kenname seera yakka keenya wajjiin wal bira qabdani yommuu ilaalatan rakkoon inni
www.abyssinialaw.com
qabu maal fa’a dha? Haala qabatamaa iddoo dhuftan waliin muuxannoo qabdan
kaasaatti bal’inaan irratti mari’adha?
Dhimma 9ffaa
Galmee kun A/Alangaa fi Fallaqaa Sibhaatuu gidduu ture dha. Himatamaan SY keewwata543(2) darbuun kan himatame yommuu ta’u, Manni murtii ol’aanaa godinaa Shawaa Kibba
Lixaa falmii bittaf mirga irraa dhiyaate Lakk- galmee 24745 ta’e irratti erga dhagahe booda
himatamaa keewwatummaa itti himatame jalatti balleessa qaba jedhe, ‘’ dhimma kana irratti
qajeelfama adabbii hordofuu otoo hin barbaachsiin yakkamaan hidhaa salphaa guyyaa
10(kudhan) fi adabbii maallaqaa qarshii 3,000.00 (kuma Sadii) tiin akka adabamu
murtaa’eera jechuun murtii kenneera.Himatamaan guyyoota 7(torba)f dhimma kanaaf
to’annaa poolisii jala kan ture ta’uu waan ibseef haala waliigalaa isaa irraa adabbii hidhaa
jedhame otoo irratti hin raawwanne bu’uura SY kewt.192 tiin daangaa waggaa lamaatiin akka
turu jechuun murtaa’eera’’ jedha.
 Akkaata manni murtii tokko qajeelfama adabbii otoo hin hordoofiin itti murteessuu
danda’u dhimmoota akkami irratti dha?
 Murtii kenname kana seera yakkaa fi qajeelfama adabbii irratti hunda’uun bal’inaan
irratti mari’adha?
www.abyssinialaw.com
Barreeffamoota Wabii
Kitaaboota
 Graven Phillippe, An Introduction to Ethiopian Penal Law, Haile Sellassie I
University Press, Addis Ababa, (1965).
th
 Ashworth Andrew, Sentencing and Criminal Justice, (4 Ed.), Cambridge University
press, New York, (2005).
 Inciardi James A., Criminal Justice (7th Ed.), (2004-2005), McGraw Hill publishing
Co., USA.
 Mat avers Matt (Ed.), Punishment and Political Theory, (1999).
 Bra yen A.Garner Black’s Law Dictionary, (7thEd.), (1999), West Groups Co., USA.
 Julian v. Robert (Ed), Mitigation and Aggravation at Sentencing, Cambridge
University Press, 2011
 Faasiil Nahoom, Adabbii fi hawaasa, 1982 A.L.I Joornaalli Seera Itoophiyaa Jildii-12,
 Tsahaay Waadaa, Joornaalii Seera Itoophiyaa Jildii-25, Lakkk-2, Fulbaana 2012
A.L.A
Barreeffamoota Hin Maxxanfamne
•
Federal Justice Organs’ Professionals Training Center (JOPTC), sentencing and its
execution for pre-service trainers, by Nuru Said (2008),
•
Ali Mohammad Ali, Problems Related with the Use of Compulsory Labor under
Ethiopian Criminal Justice System, a conference paper prepared for the Justice of
Organs of the Country, (1996 E.C)
•
Standards of professional responsibility and statement of essential duties and rights of
prosecutors adopted by the international association of public prosecutors on 23 April
1999.
Toora Interneetii Irraa
•
•
•
•
Robert Allen, Divine Punishment as a Problem in Theodicy, available at,
http://www.kton.demon.co.uk/punishment.htm, accessed on 17/8/2012
Legal Punishment and its Justification, available at Stanford Encyclopedia of
Philosophy.
Jenny E., What are the Objectives of Punishment?, available at,
http://www.ehow.com/info_8714170_objectives-punishment.html,
accessed
on
09/08/2012).
Beccaria, Argument on crimes and Punishment, www.crimetheory-com,
www.abyssinialaw.com
Heera, Seerotaa fi Imaammataa
•
Heera Mootummaa Riipabilikii Diimokiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa L-1/1987
•
Labsii S/Y Riipabiliikii Diimokiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa Lakk-414/1996
•
Labsii Seera Deemsa Falmii Yakka Itoophiyaa Lakk-185/1954
•
Qajeelfama Adabbii Itoophiyaa Lakk-1/2002
•
Qajeelfama Adabbii Itoophiyaa Lakk-2/2006
•
Imaammata Bulchiinsa Sirna Haqaa yakkaa Itoophiyaa, Gurraan dhalaa 2003
•
Dambii Naamusaa Abbootii Seeraa Lakk-
•
Wixinnee Dambii Naamusaa Abbootii Alangaa --------/2005
•
Protocol to Prevent, Suppress and punish Trafficking in Persons, Especially Women
& Children, Supplementing The UN Convention Against Transnational Organized
Crime, UN-2000
Dhimmoota Wabii
 Abbaa Alangaa fi Himatamaa Machawaa Huuqaa, Mana Murtii Aanaa Yaabeelloo,
Lakk-galmee 05722
 Abbaa Alangaa fi Fiqaaduu Urguyyoo, Manni murtii Ol’aanaa Godinaa Addaa
Magaalaa Adaamaa Lakk-galmee 136287
 Fisahaa Abbaay faa N-2 fi Abbaa Alangaa Waajjira Galiiwwan fi Gumuruuka
Federaalaa, Mana murtii Waliigalaa federaalaa Jiildi 10ffaa Lakk-galmee-53612,
 Isayaas Abarraa faa N-5 fi Abbaa Alangaa Naannoo Oromiyaa, Mana murtii
Waliigalaa federaalaa Jilddi 12ffaa Lakk- galmee 45595 ilaalu ni danda’ama
 Abbaa Alangaa Federaalaa fi Barihuun Fiqaadu, Mana murtii Waliigalaa federaalaa
Jilddi 12ffaa, Lakka-galmee-59356
 Abbaa Alangaa fi Raggasaa Naggasaa, Mana murtii Ol’aanaa Godina Shawaa Bahaa,
Lakk- galmee 33291
 Tasfaayee Addalaa fi Abbaa Alangaa, Jilddii 10, Mana murtii Waliigalaa federaalaa
Lakk-galmee 48617
 Abbaa Alangaa Naannoo Tigraay fi Haqoos W/Mika’eel, Mana murtii Waliigalaa
Federaalaa Jildii 13 Lakkk-galmee 72304
 Abbaa Alangaa fi Tufaa Deessisaa faa, Mana Murtii Ol’aanaa Godina Shawaa Lixaa,
Lakk-galmee 20881, 20788, 21070

Benzer belgeler

(WGO) BIYYA UK 1982 – 2012, MAGAALAA MAANCHISTAR

(WGO) BIYYA UK 1982 – 2012, MAGAALAA MAANCHISTAR Gargaarsa inni kennaa jiru keessaa inni guuddaa fi angaafti maallaqa, nyaata, qorichaa fi uffata walitti qindeessuun baqattoota Oromoo biyyoota ollaa kan akka Sudaan, Keeniyaa, Jibuutii, Somaaliyaa...

Detaylı