(WGO) BIYYA UK 1982 – 2012, MAGAALAA MAANCHISTAR

Transkript

(WGO) BIYYA UK 1982 – 2012, MAGAALAA MAANCHISTAR
AYYAANA HUNDEEFFAMUU WAGGAA 30ffaa WALDAA GARGAARSA OROMOO
(WGO) BIYYA UK
1982 – 2012, MAGAALAA MAANCHISTAR (INGILIZII)
Waldaan Gargaarsa Oromoo biyya UK (WGO-UK) ayyaana hundeeffamuu waggaa
30ffaa isaa Fulbaana 8, 2012 magaalaa Maanchistar biyya Ingilizii keessatti sirna
ho’aa fi miidhagaan kabajate. Erga bara 1982tti hundeeffamee, WGO-UK bifa adda
addaan baqattoota Oromoo Gaafa Afriikaa fi biyya UK keessatti argamaniif tajaajila
gargaarsaa kennaa ture. Waggoottan darban kana keessatti, Waldaan kun biyya
Oromiyaa keessattis hojiilee garaagarsaa fi guddina misoomaa irratti hirmaateera.
Gargaarsa inni kennaa jiru keessaa inni guuddaa fi angaafti maallaqa, nyaata,
qorichaa fi uffata walitti qindeessuun baqattoota Oromoo biyyoota ollaa kan akka
Sudaan, Keeniyaa, Jibuutii, Somaaliyaa fi Eritiriyaa keessa jiraniif erguu dha. Biyya
UK keessatti, WGO-UK kallattii iyyata koolu galtummaa, mana jireenyaa, barnootaa
fi kanneen kana fakkaatan irratti gorsaa fi gargaarsa barbaachisu mara kennuun
baqattoota Oromoo cina ni dhaabbata. Akkasumas, OSG (Oromiya Support Group)
faana wal-utubuun yeroo hedduu qorannoo geggeessuun rakkoolee baqattoota
Oromoo irra gahaa jiran kan akka dhiibamuu mirga dhala namaa addunyaatti
beeksisuuf carraaqqiin godhamaa jiru guddaa dha.
Waldaan kun hojiilee gurguddoo akka kanaa hojjechaa turuu isaa sababeeffachuun
ture bakka baqattootni Oromoo hedduun argamanitti hundeeffamuu isaa kan
ayyaaneeffate. Keessumoota simachuun sagantaa kan banaan Dr Gizaawu
Taasisaa kabaja ayyaanichaa ilaalchisee yaadannoo hundeeffamuu WGO irratti
haasaa baniinsaa godhaaniiru. Toora sagantaa ibsuun ture Dr Gizaawu akka aadaa
Oromootti maanguuddoota eebbaaf kan affeeran.
Seena hundeeffama WGO (kan walii galaa) irratti xiyyeeffachuun, J/ Xahaa Abdii
WGO, maalif akka jalqabame fi maalfaa hojjechaa akka ture ragaa qaban
hirmaattoota sagantaaf qoodanii jiru. Bara 1976tti gama Adda Bilisummaa Oromoon
tumsaa fi deggersa godhameen Waldaan Walgargaarsa Oromoo bu’uureffamuu
jalqabame. Gorsaa fi deggersa L/Guddinaa Tumsaatiin ammoo yaaliin WGO biyya
Jarmanitti galmeessisuuf godhame hin milkaa’in hafe. Bara 1978tti biyya Sudaan
keessatti seeraan abbummaan isaa galmeeffame. Mirgi seeraan kennameef kan
mirkaneessu WGO bakka hundatti hojjechuu akka danda’u dha. Haaluma kanaan,
Oromoota biyyarraa buqqa’an gargaaraa ture kan WGO
gara biyyoota ormaa
keessatti babal’achuu jalqabe. Hojiilee gurguddoo Waldaan kun guddina misoomaa
fi baqattoota gargaaru gufachiisuuf shirri gama mootummaa wayyaaneen godhame
laayyoo hin turre. Dhiibba kana hunda dandamachuun ture WGO amma har’aa
jabaate kan sabaaf bu’aa buusuu danda’e.
Baroota 1960 keessaa eegaltee saba Oromoo hanga dandeessu gargaaraa kan
waliin dhaabbatte Dr Varjiiniyaa Luuliing ayyaana kana irratti bu’aa hundeeffamuu
WGO-UK fi muuxannoo Waldaan kun keessa darbe irratti haasaa gabaabaa gootee
jirti. Dr Varjiiniyaan waa’ee saba Oromoo kan isheen barte yeroo barnoota isheef
waa’ee saba Oromoo ilaalchisee barreessite ture. Yeroo sana irraa eegaltee aadaa fi
seenaa saba Oromoof gammachuu fi kabajni isheen qabdu daddabalaa bule.
Haaluma kanaan ture gara WGO-UK dhuftee hojiilee garaagaraa irratti hirmaachuu
kan eegalte.
Baroota 1980 fi 1990 keessa, projectii gargaarsaa WGO-UK jalatti gara Gaafa
Afriikaa deemuun baqattoota Oromoo biyyarra buqqa’an gargaaruu keessatti
gumaacha guddaa gootee jirti. Bara 199
2, du’aa kan lafa kana irraa boqotte
J/Liidiyaa Namarraa faana gara Oromiyaa keessatti hojiilee misoomaa kan akka
bishaan dhugaatii baasuu, biqiltuu dhaabuu fi dhibamtoota wallaanuu irratti
hirmaattee jirti. Dhuma gara jaarraa 20ffaa irraa eegalee ammoo baqattoota Oromoo
gara biyya UK dhufan gargaaruu keessatti gumaachi isheen goote ol-aanaa dha.
Hiriyaa Oromoo kan ta’e Dr Tireevar Turuumaan ayyaana kana irratti haasaa
dheeraa gochuun ture muxannoo gama OSG (Oromia Support Group) fi WGO-UK
qabu jireenya baqattoota Oromoo waliin wal qabsiisee hirmaattootaaf kan qoode.
Bara 1988 irraa eegalee WGO faana hojjechaa kan jiru Dr Tireevar, bara 1990/91
talaallii kittibaataa kennuuf ture gara Oromiyaa zoonii Wallaggaa kan adeeme. Yeroo
sana irraa jalqabee qabsaa’ota Oromoo garaagaraa waliin dhimma Oromoo
ilaalchisee mari’ataa ture. Fakkeenyaaf, J/Leenco Lataan Dr Tireevar saba Oromoof
hiriyaa ta’ee waa’ee mirga dhala namaa saba Oromoo addunyaatti akka beeksisuuf
mari’ataa turan.
Dhaaba OSG dhaabuun ture Dr Tireevar rakkoolee baqattoota Oromoo irra ga’aa
jiran adduyyaatti beeksisuuf carraaqqii guddaa kan godhe. WGO-UK faana walutubuun yeroo garaagaraatti gara Gaafa Afriikaa deemuun qorannoo geggeessuun
dhugaa jiru ifatti kan mul’isaa ture. Barreeffamootaa fi xalayoota adda addaa gara
mootummoota garaagaraattis barreessaa tureera. Gara fuula duraatti saba Oromoo
waliin dhaabbachuuf waadaa qabus ibsee jira. Ergaa inni saba Oromoo dabarsu yoo
jiraate, tokkummaan walgargaaruun dhimmi Oromoo addunyaa irratti akka inni
dhageettii qabaatuf haa hojjennu. Saboota kaan kan biyya Itoophiyaa fi biyyoota
ollaa jiran faana illee hiriiruun falmii mirga dhala namaa itti fufuu qabna jedhe. Dr
Tireevar Turuumaan haasaa isaa keessatti, bara Alamuu Qixxeessaa lubbuun
jiranitti gaaffii fi deebii waliin godhan keessatti dubbii qotee bulaan Arsii jedhe hiikkaa
guddaa akka qabuu fi tokkuummaan dhaabachuun bu’aa guddaa akka argamsiisu
hirmaattootaaf ibse. Bara 1960 keessa ture qotee bulaan Arsii akkas jedhee kan
dubbate, “Burqaa xixiqqoon walitti yaa’anii laga ta’u. Lagi baay’een walitti yaa’uun
garba guddaa uumu. Dhalli namaas akkuma kanaan walgahee saba ta’ee biyyas
ta’a.”
Yeroo amma projectii WGO-UK geggeessaa jiru keessaa tokko kan ta’e baqattoota
Oromoo barumsa isaanii irratti gargaaruu dha. Haaluma kanaan, shamarran jireenya
baqattummaa keessatti haalli barumsaa itti cime Waldaan kun gargaaraa akka jiru
qindeessituun projectii kanaa Aduu Joobaa hirmaattoota ayyaanichaaf haasaa goote
keessatti ibsitee jirti. WGO ijoollee shamarran Oromoo biyya Keeniyaa jiran gara
mana barumsaatti erguu keessatti baasii mana barumsaa fi kan jireenyaa danda’uun
gargaaraa jira.
Fiixa ba’umsa projectii kanaafis ammoo hirmaannaan namootaa
baay’ee murteessaa fi barbaachisaa akka ta’e dubbatti Aduun. Itti dabaluun, namni
hunduu hanga danda’u maallaqa gumaachuun WGO-UK faana hiriiruu akka qaban
Aduun hirmaattoota hubachiistee jirti. Deggersa qaban ibsuuf, hirmaatootni
battaluma sanatti qarshii walitti guuruun gummaacha godhanii jiru.
Ayyaana kana irratti namoota kanaan dura guddina WGO-UK keessatti gumaacha
godhaniif badhaasni yaadannoo godhamee jira. Haaluma kanaan, Dr Vargiiniyaa
Luuliing, Dr Treevar Turuumaan fi J/Xahaa Abdii badhaasa isaaniif qophaa’e
Manguddoo Oromoo harkaa fudhatanii jiru. Akka J/Leencoo dubbatanitti badhaasni
kun kan kabaja, jaalalaa fi tokkummaa Oromoota gidduu jiru calaqqisuuf ta’a.
Hawwisoon ‘Greater Manchester Oromoo Community’ qophaa’e sirboota aadaa
Oromoo garaagaraa qopheesuun ture hirmaattoota sagantaa kan bashannansiisaa
turan.
Dhuma irratti haasawaa xumuraa kan godhan J/Barsiisaa Guutamaa, I/G ABO Kutaa
UK turan. J/Barsiisaan walitti dhufeenya ABO fi WGO irratti xiyyeeffachuun, WGO
kan uume ABO ta’uu isaa ibsaniiru. WGOn waggoota hedduu darban keessatti
hojjetaa ture QBO keessatti bakka guddoo qaba. Seena WGO yeroo illaallu jabbnnii
fi laaffinni isaa sochii ABO waliin adeema. Kunis, gaafa sochiin ABO jabaatu, hujiin
WGOs jabina akka agarsiisaa turee dha. Kanaaf fakkenya guddaa kan ta’u yeroo
ABOn bara 1991 mootummaa ce’umsaa seenee ummata Oromoo biratti fudhatama
guddaa argatee bal’inaan hojjechaa ture, WGOs biyya Oromoo keessatti of gad
dhaabee hujii gargaarsaa fi misoomaa babal’see hojjechaa ture. WGOn baroota
1991- 1995 gidduu guddina seenaa isaa keessatti hin argamne agarsiisee ture.
Yeroo ABO mootummaa ce’umsaa keessaa bahe, hujiin WGO biyya keessaa
jabaachuun sodaa guddaa waan Wayyaaneetti fideef seera malee qabeenyaa WGO
millionaan lakkaawamu saamanii akka hojiin WGO biyya keessaa dhaabbatu
taasisan.
Dhiibbaa mootummaan wayyaanee WGO dhabamsiisuuf biyya keessaa fi biyyoota
ollaa keessatti gochaa ture hunda keessa taruudhaan WGOn har’a ga’e. WGO biyya
ambaa fi biyyoota ollaa keessatti deebisee of ijaaree carraqqii godhaa jiru; har’s itti
jira. Kana jajjabeeffachuun garuu dirqama keenya ta’a. Walii galatti waan hubachuu
qabnu, mootummaan Abashaa jaarmayaan Oromoo bilisa ta’e bifa kamiiniyyuu
akka hin jiraanne jala bu’anii akka eegaa jiranii dha. Nutis kana hubannee
jaarmayaa qabnu tikfachuu; akkasumas tokkummaa keenya jabeessinee hojiin
qabsoo fi baqattoota Oromoo bakka jiranitti gargaaruun akka itti fufu abdii qaban
dubbattanii jiru.

Benzer belgeler

02/2006 irratti hundaa`uun adabbii murteessuu

02/2006 irratti hundaa`uun adabbii murteessuu ilaalchiise sadarkaa kamiyyuu irratti leenjiinis ta’e waliigahiin yeroo gaggeefamu hin mul’atu jechuun adabbii murteessu wajjiin xiyeffannoon kanaan dura gama mootummaatiin kenname Gad-aanaa ta’uu ...

Detaylı

Waaamicha Walgahii ABO Oromoota Toronto fii

Waaamicha Walgahii ABO Oromoota Toronto fii Waaamicha Walgahii ABO Oromoota Toronto fii naannoo ishii qubatan Maraaf Haala qabsoon Bilisumaa Oromoo amma irra jirtuu fii hegereen keenya maal fakkaata kan jedhu irrati marii gochuu dhaf dubbi h...

Detaylı